Hebreos 2
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Fayyinna Guddaa
1Tanaaf nuuti waan dhageenne irraa fallaannee akka hin jinne, marroo waan dhageennee xiyyeeffannaa caalte kennuu qanna. 2Dubbiin karaa ergantoota Waaqaatiin himante mirkanootteerti; nami dubbii tana irra taree fi nami isi'iif hin ajajanne maraa adaba isaaf male hin fudhata. 3Nuuti fayyinna guddaa kanaaf xiyyeeffannaa yoo kennuu dhanne attamiin jalaa baana ree? Fayyinna kana ka dursee lasse Gootta'aayyu; worri isa irraa dhage'elle tanuma nu'uuf mirkaneesseera. 4Waaqille beessisoota, baasota, bilbaasota adda addaa godhiisaa fi kennansa Ayyaana Woyyichaa ka akka fedha isaa qoodamaneen dhugaa baya ifii itti dabaleera.
Sooressi Fayyinna Ilmaan Namaa Yesuus
5Waaqi biyya lafaa ta dhuttu, ta amma nuuti marroo isi'ii dubbannuu tana akka ergantooti isaa bulchanuuf hin goone. 6Barreeffama Woyyicha keessatti addee takkatti,
«Ee Waaqa, akka isaaf yaadattuuf,
nami maan inni?
Yookiin akka kunuunsituuf,
ilmi namaa maan inni?
7Diqquma ergantoota Waaqaa isa hanqitte;
kallacha ulfinnaatii fi guddinnaa itti keette;
8waan mara baallii ilma namaatiin jala goote» hin jedha.
Waaqi waan mara baallii ilma namaatiin jala yennaa godhu, baallii isaatiin jala adoo hin godhin wonni inni hambure tokkolle hin jiru. Te'uu malee wonni mara baallii ilma namaatiin jala akka jiru ammaa tanalle nuuti hin dhaggine. 9Amma ammoo ka yennaa diqqo'oof ergantoota Waaqaatiin jala te'ee ture, ka rakkinna du'aa waan fudhateef kallachi ulfinnaatii fi guddinni itti keyame, Yesuus hin dhaggina; inni badhaadha Waaqaatiin nu maraaf du'eera. 10Waaqi wonni duudiin isaa fi isumaanuu dadame, ilmaan hedduu gara ulfinnaa fidiisaaf, sooressi fayyinna isaanii rakkinnaan guutuu akka te'u godhiis barbaachisaa te'e.
11Ka kolbaa woyyoonsuu fi worri isaan woyyoomelle ilmaan abbaa tokkochaa ti; waan kanaaf Yesuus isaaniin, «Obboleeyyan tiyya» jedhee waamiisaaf hin fokkifatu. 12Bareeffama Woyyicha keessalle'etti Waaqaan,
«Maqaa keeti obboleeyyan tiyyatti hin lassa;
wolde'a odduulle'etti faaru'uun si hin leellifadha» jedha.
13Akkasuma, «Ani isatti hin addadha» jedha; ammalle, «Kunoo, anii fi ijoolleen Waaqi naaf kennelle as jirra» jedha.
14Ijoolleen tun namoota foonii fi dhiiga qabanu akkuma te'ane, Yesuusille du'a ifiitiin, Seexana du'a irratti baallii qabu balleessiisaaf, akkuma isaanii nama te'e. 15Akkasuma worra du'a sodaatiisaan bara ifii duudii garbummaa jala turelle bilisa baase. 16Yesuus sanyii Abrahaamii qarqaariisaaf malee, ergantoota Waaqaa gargaariisaaf hin dhunne. 17Tanaaf inni Waaqa tajaajiliisaan Hayyicha Guddaa addatama'aa fi mararticha te'ee, kolbaan araara cubbu'uu akka dhaggattuuf, waan maraan obboleeyyan ifii fakkaatiis isaaf barbaachise. 18Inni ifiifuu ataabamee rakkinna waan fudhateeruuf, worra ataabamu qarqaariisaaf hin dande'a.

¿Sabías que…?
Compartiendo la humanidad, coronado por el sufrimiento
- Hebreos 2 recuerda que el mensaje hablado por ángeles era obligatorio y que toda transgresión y desobediencia recibió su justo castigo, y luego pregunta cómo podrá escapar quien descuide una salvación tan grande. Esa salvación fue anunciada primero por el Señor, confirmada a nosotros por quienes lo oyeron y afirmada por Dios mediante señales, prodigios, diversos milagros y dones del Espíritu Santo repartidos según su voluntad.Fuentes: el propio texto bíblico
- El capítulo cita un testimonio de que el hombre fue hecho un poco menor que los ángeles, coronado de gloria y honra, con todo puesto bajo sus pies. Cuando Dios le sometió todas las cosas, nada dejó fuera de su control; sin embargo, en el presente no vemos todo sujeto a él. Jesús, hecho un poco menor que los ángeles, ahora es coronado de gloria y honra porque sufrió la muerte, para que por la gracia de Dios probara la muerte por todos.Fuentes: el propio texto bíblico
- Hebreos 2 dice que Jesús no socorre a los ángeles, sino a los descendientes de Abraham, y que tuvo que ser hecho semejante a sus hermanos en todo, para llegar a ser un sumo sacerdote misericordioso y fiel al servicio de Dios, a fin de hacer expiación por los pecados del pueblo. Abraham, hijo de Taré, es llamado padre de una multitud y descrito como el heredero de las promesas.Fuentes: el propio texto bíblico · Abraham
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org