Hechos 24
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Yihudooti Phawuloos Himatane
1Guyyaa shaniin duuba Anaaniiyaasiin Hayyichi Guddaan, jaarsolee gari'ii fi beekaa seeraa ka Xerxilos jedhamu tokko woliin, gara Qiisaariya'aa gad bu'e. Isaan Feeliksii bulchaa biyyaa dura dhikaatanee, himannaa Phawuloos irratti qabanu dhikeeffatane. 2Phawuloos waamamee yennaa dhufe, Xerxilos himata ifii jalqabee,
«Kabajamaa Feeliksi! Nuuti karaa keetiin nageya guddaa dhagganneerra; bulchiinsa dansaa keetille'een, jijjiiram kolbaa teennaaf dhaggameera. 3Nuuti waan kana yennaa mara, addee maratti galata gudda'aan fudhanna. 4Ani tana caalaa si dadhassiisuu hin barbaadu; teetuu malee himata gabaabaa nuuti qannu, gadhi-laafinnaan akka nuuf dhageettu si kadhadha. 5Namichi kun dhukkuba hamaa nutti te'eera; inni Yihudoota biyya lafaa duudii oddu'utti nageya booressaa, golii worra Naaziretiitiif sooressaa te'eera. 6Inni Galma Waaqaatuu xureessiisaaf wodhaanuun qanneerra; [akka seera keennaatitti isatti muriisaaf yaadanneerra. 7Liisiiyaasiin ajajaan woraana Rooma'aa dhufee, hunnaan harka keennaa isa fuudhee, 8achiin duuba worri isa himatu gara keeti akka dhufanu ajaje.] Ati namicha kana yoo qorte, atinuu wonni nuuti himannu duudiin dhugaa akka teete hin mirkaneeffatta» jedhe. 9Yihudooti, «Wonni kun duudiin dhuga'a» jedhanee himata dhikaate irratti wolii galane.
Phawuloos Feeliksi Duratti Falmate
10Bulchaan biyyaa akka Phawuloos dubbatu harkaan beessise. Phawuloosille,
«Akka ati woggaa heddu'uuf bulchaa kolbaa tanaa teete waan beekuuf, himata na irratti dhikaateef, si duratti falmatuu kiyya gammadeera. 11Ani waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii haga ol bayee, guyyaa kudhanii lama akka hin caalin, atinuu mirkaneeffatuu dandeetta. 12Galma Waaqaa keessatti, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessalle'etti yookiin qachaa keessatti eennuuyyuu woliin moromuun yookiin kolbaa raasuun na dhagganee hin beekanu. 13Waan amma ittiin na himatanu kanaaf, tokkolle dhugaa sitti dhikeeffatuu hin dande'anu. 14Ammoo waan tokko sitti himadha; ani karaa isaan, ‹Dhara› jedhanu san hordofiisaan, Waaqa abbootii teennaa waaqonfadha. Te'uu malee waan Seera Muuse'eetii fi kitaaba raagotaa keessatti barreeffame duudii hin dhugeeffadha. 15Worri balcha'aa fi balchaa hin te'inille du'aa akka ka'anu, akkuma isaan addatanu, anille Waaqatti addii qaba. 16Ani Waaqaa fi nama duratti wodanaa dansaa akka qabaadhu yennaa maraa mixiixxadha.
17«Ani Yerusaalem keessaa bayee, woggaa heddu'uun duuba, beesee qarqaarsa kolbaa tiyyaaf geessiisaa fi woreega Waaqaaf kenniisaaf gara Yerusaalemii dhaqe. 18Jila aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulloomiisaa muummessee, woreega kiyya dhikeessiisatti jiruun ana Galma Waaqaa keessatti dhaggane. Nami hedduun na woliin achi hin jiru; hogaalle hin kaane. 19Yihudooti gariin ka Asiya'aa dhufane ammoo, achi jiraniiyyu; isaan waan si irratti na himatanu adoo qabaatanee, amma si dura dhikaatanee na himatanuu ti; 20yookiin yennaa ani kora mura'aa dura dhaabbadhe, waan ani yakke worri as jiru himuu ti. 21Ani odduu isaanii dhaabbadhee, qoonqoo tiyya ol qabadhee, ‹Ka du'ane hin ka'an› waan jedheef, adha mura'aaf isin duratti dhikaadhe malee, wonni dhibiin ani huje hin jirtu» jedhe.
22Feeliksi ammoo karaa Gootta'aa akka dansaa waan beekeeruuf, «Ajajaan woraana Rooma'aa Liisiiyaas yennaa dhufe, dubbii teessan isiniif hin mura» jedhee isaan ifi irraa geegesse. 23Achiin duuba inni, ajajaa dhibbaa ka Phawuloos eeguun, «Itti furiitii Phawuloos eegi; worri isaalle waan isaaf barbaachisu fidee yennaa dhufu, irraa hin dhooggin» jedhe.
Phawuloos Feeliksii Fi Dirusilaa Duratti Dhikaate
24Guyyaa diqqa'aan duuba, Feeliksi haadha manaa ifii Yihudittii Dirusilaa woliin dhufe. Inni Phawuloos waansisee, marroo Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaa dubbatuun caqase. 25Phawuloos marroo balchumma'aa, marroo ifi toowatiisaatii fi marroo muraa dhufu'uu jirtuu yennaa dubbate, Feeliksi sodaatee, «Ammaaf hin geetti; yoo natti tolte aninuu si waama» jedhe. 26Feeliksi Phawuloos irraa gubboo fudhatiisa waan barbaadeef, yennaa hedduu isa waansisaa haasesse.
27Woggaan lamaan duuba, Phorkii'os Fesxoos addee Feeliksii bulchaa te'e. Feeliksi Yihudoota gammachiisuu barbaadee, Phawuloos akkuma hidhametti lakkise.

¿Sabías que…?
Pablo ante Félix
- El sumo sacerdote Ananías bajó con algunos ancianos y un abogado llamado Tértulo, a quien el Diccionario Bíblico de Easton describe como un abogado romano empleado por los judíos para exponer su causa contra Pablo ante Félix. Tértulo elogió al gobernador y luego dijo que Pablo era una peste que provocaba disensión entre los judíos por todo el mundo, cabecilla de la secta de los nazarenos y un hombre que había intentado profanar el templo. El diccionario relaciona ese elogio inicial con la limpieza que Félix hizo del país, al expulsar a bandidos e impostores.Fuentes: el propio texto bíblico · Tertullus · Felix
- Félix, que estaba bien informado acerca del Camino, aplazó la audiencia y mantuvo a Pablo bajo guarda, aunque le permitió cierta libertad y dejó que sus amigos atendieran sus necesidades. El relato dice que esperaba que Pablo le ofreciera un soborno y por eso lo mandaba llamar con frecuencia; el Diccionario Bíblico de Easton también afirma que al parecer esperaba un soborno y, por ello, tuvo varias entrevistas con él. Después de dos años lo sucedió Porcio Festo —el Diccionario Bíblico de Easton (1897) fecha ese nombramiento en el año 60 d. C.— y, queriendo hacer un favor a los judíos, Félix dejó a Pablo en prisión.Fuentes: el propio texto bíblico · Felix · Portius Festus
- Unos días después, Félix regresó con su esposa Drusila, que era judía, y escuchó a Pablo hablar de la fe en Cristo Jesús y de la justicia, el dominio propio y el juicio venidero; Félix se asustó y lo despidió. El Diccionario Bíblico de Easton (1897) identifica a Drusila como la tercera y la más joven hija de Herodes Agripa I y dice que Félix la indujo a dejar a su esposo, Azizus, rey de Emesa. La misma entrada dice que ella y su hijo perecieron en la erupción del monte Vesubio en el año 79 d. C.Fuentes: el propio texto bíblico · Drusilla
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Caesarea · Hoy: Caesarea Maritima · 32.500, 34.892 · versículo 1
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 11, 17
- Asia · 38.400, 28.300 · versículo 18
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org