Hechos 23
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
1Phawuloos kora mura'aa hubatee ilaalee isaaniin, «Obboleeyyan tiyya! Ani haga guyyaa adhaatitti, wodanaa qullu'uun fuula Waaqaa duratti jiraadheera» jedhe. 2Anaaniyaan Hayyichi Guddaan, worri Phawuloos bira dhaabbateeru, akka afaan keessa isa dhowu ajaje. 3Yennaa san Phawuloos Anaaniya'aan, «Ati dhaaba manaa ka nooraa dibame fakkaatta! Waaqi si'i hin dhowa! Akka seeraatitti natti muriisaaf achi teetteerta, ifiif ammoo seera malee, akka na dhowanuuf ajajjaa?» jedheen.
4Worri Phawuloos bira dhaabbateeru, «Ati Hayyicha Guddaa Waaqaa arrassitaa?» jedhaneen.
5Phawuloos deebisee, «Obboleeyyan tiyya, akka inni Hayyicha Guddaa te'e ani hin beenne. Barreeffam Woyyichi, ‹Bulchaa kolbaa teetii irratti hantuu hin dubbatin› jedha» jedhe.
6Phawuloos worra san keessaa gariin Saduqoota, ka dhibiin Fariisaayota akka te'ane yennaa beeke, kora mura'aa keessatti qoonqoo ol qabatee, «Obboleeyyan tiyya! Ani Fariisaayii ilma Fariisaayichaa ti. Worri du'ane hin ka'an jedhee waan addadheef, ani amma muraa duratti dhikaadheera» jedhee dubbate. 7Akkuma inni waan kana jedheen, Fariisaayotaa fi Saduqoota oddu'utti lolli ka'ee, korri mura'aa addee lamatti qoodame. 8Saduqooti, «Du'aa ka'iis hin jiru, ergantooti Waaqaa yookiin ayyaanoti hin jiranu» jedhan; Fariisaayoti ammoo, «Kun duudiin hin jiran» jedhanee dhugeeffatan. 9Achiin duuba hogaan guddaan ka'e; barsiisoti Seeraa ka golii Fariisaayotaa te'ane gariin ka'anee, «Nuuti yakkaa womaa nama kana irratti hin dhaggine! Takki ayyaanatti yookiin ergamaa Waaqaatitti itti dubbateera!» jedhaa moromane.
10Ajajaan woraana Rooma'aa moromaan waan o'iteef, jarri tun Phawuloos hin caccassan jedhee sodaate. Tanaaf loltooti dhaqanee, Phawuloos odduu isaaniitii baasanee, addee quttii loltootaa akka geessanu ajaje.
11Halkanuma san Waaqi Phawuloos bira dhaabbatee, «Hin sodaatin! Ati Yerusaalemitti akkuma dhugaa naaf baate, akkasuma qachaa Rooma'aalle'etti dhugaa naaf bawuu qadda» jedhe.
Phawuloos Ijjeesiisaaf Mala Dhowane
12Yennaa latti bariite Yihudooti gariin wolitti qabamanee, «Haga Phawuloos ijjeennutti hin nyaannu, hin unnu» jedhanee kakatane. 13Worri kakuu tana kakatane namoota afurtama caalan. 14Achiin duuba isaan gara sooreyyii hayyootaatii fi jaarsole'ee dhaqanee, «Nuuti haga Phawuloos ijjeennutti, hin nyaannu, hin unnu jennee jabeessinee kakanneerra. 15Tanaaf akka waan kora mura'aa woliin wolii galtanee, marroo Phawuloosii caalchittanee qorqortanuu fakkeessa'aatii, akka Phawuloos gadi isinii fidanu, ajajaa woraana Rooma'aa gaafadha'a. Nuuti ammoo adoo inni as hin geyin, isa ijjeesiisaaf qophoonneerra» jedhaneen.
16Ilmi obboleettii Phawuloosii ammoo, mala kana waan dhage'eef, gara addee quttii loltootaa dhaqee, Phawuloositti hime. 17Achiin duuba Phawuloos ajajjoota dhibbaa keessaa tokko waamee, «Dargaggeessi kun ajajaa woraana Rooma'aatitti waan himu waan qabuuf, gara isaa geessi» jedheen. 18Ajajaan dhibbaa isa fuudhee, gara ajajaa woraana Rooma'aa geessee, «Phawuloosiin hidhameeru na waamee, dargaggeessi kun waan sitti himu waan qabuuf, gara keeti akka fiduuf na gaafate» jedhe. 19Ajajaan woraana Rooma'aa, dargaggeessa harka qabee, qofitti baasee, «Wonni ati natti himiisaaf barbaaddu maan?» jedhee isa gaafate.
20Dargaggeessille, «Yihudooti akka waan marroo Phawuloosii caalchisanee qorqoranuu fakkaatanee, akka ati boru gara kora mura'aa isa isaaniif dhikeessitu, si gaafatiisaaf wolii galaneeran. 21Ati ammoo waan isaan jedhanu hin dhage'in. Namooti afurtama caalanu, haga isa ijjeennutti hin nyaannu, hin unnu jedhanee kakatanee, riphanee isa eegiisatti jiran. Isaan amma murtee teeti qofa eegataaran» jedhe.
22Ajajaan woraana Rooma'aa, «Waan natti hinte kana nama tokkolle'etti hin himin» jedhee itti seeree, dargaggeessa gad lakkise.
23Achiin duuba ajajaan woraana Rooma'aa, ajajjoota dhibbaa ta ifii keessaa lama waamee, «Halkan keessa saatii saditti loltoota dhibba lama, abbootii fardo'oo nama torbaatamaa fi worra ebo'oo nama dhibba lama woliin gara Qiisaariya'aa dhaqiisaaf akka qophowanu godha'a. 24Phawuloos adoo hin edderamin irra tee'ee gara bulchaa Feeliksii akka dhaqu, geejjiba qopheessa'aaf» jedhe. 25Achiin duuba xalayaa, 26«Ana Kilaawudiiyosii Liisiiyaasii irraa, bulchaa kabajamaa Feeliksiif! Nageenni si'iif te'u. 27Yihudooti namicha kana qabanee, silaa ijjeesaaraniiyyu. Ani ammoo akka inni nama Rooma'aa te'e beekee, loltoota tiyya woliin dhaqee isa hambure. 28Isaan maaf akka isa himataaranu beekiisaaf barbaadee, gara kora mura'aa ka isaanii isa geesse. 29Himatam isaa marroo seera isaaniituma malee, yakkaa du'aan yookiin hidha'aan isa geettu, akka inni hin qanne qorqoree hubadheera. 30Yihudooti namicha kana ijjeesiisaaf mala akka dhowane, yennaa natti himame, yoosuma gara keeti erge. Worri isa himatulle, himata isa irraa qabu akka si duratti dhikeeffatu itti himeera» jedhu barreesseef.
31Loltooti akkuma ajajamanetti, halkanuma gaafasii Phawuloos fuudhanee Antiiphaaxriisitti geessane. 32Boruyyaa loltooti worri miilaa gara addee quttii loltootaa deebi'e; worri fardo'oo Phawuloos woliin deeme. 33Worri fardo'oo Qiisaariyaa yennaa geyane, xalayaa bulchaa biyyaatitti dhikeessanee, Phawuloosille isatti dabarsanee kennane. 34Bulchaan biyyaa sun xalayaa dubbisee, Phawuloos nama biyya kamii akka te'e gaafate. Inni nama biyya Qiliiqiya'aa akka te'e yennaa beeke, 35«Worri si himate yennaa as geye ani dubbii teeti hin ilaala» jedhe. Achiin duuba akka Phawuloos mana mootummaa Heroodisii keessatti eegamu ajaje.

¿Sabías que…?
Pablo ante el Sanedrín y el camino a Cesarea
- Ananías era el sumo sacerdote ante quien Pablo fue llevado mientras Félix era procurador. Después de que Pablo dijo que se había conducido delante de Dios con toda buena conciencia, Ananías ordenó a los que estaban cerca que lo golpearan en la boca; Pablo lo llamó pared blanqueada y, cuando protestaron que había insultado al sumo sacerdote de Dios, respondió que no sabía que Ananías ocupaba ese cargo. El Easton's Bible Dictionary (1897) señala que esta respuesta ha ocasionado cierta dificultad.Fuentes: Ananias (High Priest) · el propio texto bíblico
- Más de cuarenta hombres se comprometieron bajo juramento a no comer ni beber hasta haber matado a Pablo, y los soldados lo llevaron de noche desde Jerusalén hasta Antípatris. Antípatris, construida por Herodes el Grande y nombrada en honor de su padre Antipater, estaba en el gran camino romano de Cesarea a Jerusalén, a unas veintiocho millas de Cesarea. Cesarea, en la costa del Mediterráneo, a unas setenta millas al noroeste de Jerusalén, era la capital de la provincia romana de Judea y la sede de los procuradores.Fuentes: el propio texto bíblico · Antipatris · Caesarea
- Claudio Lisias, descrito por el Easton's Bible Dictionary como un griego que había comprado la ciudadanía romana y había tomado el nombre de Claudio, escribió al gobernador Félix que los cargos se referían a cuestiones de la ley judía y que no había ningún cargo digno de muerte o prisión. Félix, el procurador romano de Judea, preguntó de qué provincia era Pablo; al saber que era de Cilicia, donde Tarso, la ciudad natal de Pablo, era una de las ciudades principales, ordenó que Pablo fuera custodiado en el pretorio de Herodes hasta que llegaran los acusadores.Fuentes: Claudius Lysias · Felix · Cilicia · el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 11
- Rome · 41.892, 12.485 · versículo 11
- Caesarea · Hoy: Caesarea Maritima · 32.500, 34.892 · versículos 23, 32, 33
- Aphek · Hoy: Tell Ras el Ain · 32.105, 34.930 · versículo 31
- Cilicia · 36.913, 34.892 · versículo 34
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org