2 Crónicas 5
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
1Mootichi Solomoon hujii Galma Mootii Waan Maraa duudii fixeen duuba, waan abbaan isaa Daawiti hujii tanaaf adda baase mara meetii, worqi'ii fi meya mara mana meyaa ka Galma Waaqaa keessa keye.
Saanduqa Gondooro'oo Gara Galma Waaqaa Fidane
2Achiin duuba Solomoon jaarsolee Israa'elii mara, sooreyyii gosa Israa'eliitii fi maatii Israa'eloota mara Yerusaalemitti waansisee, qachaa Daawitii Xiyoon keessaa Saanduqa Gondooro'oo akka fidanuuf ajaje. 3Namooti Israa'elii marti yennaa jila ji'a torbeesso'oo keessa jilifatanu mooticha biratti wolitti qabamane. 4Jaarsoleen Israa'elii marti wolitti qabamaneen duuba, Lewwooti Saanduqa Gondooro'oo fuudhanee, 5gara Galma Waaqaa geessane; Lewwooti hayyoota te'ane Dunkaanii Woldeenna'aatii fi meya woyyicha isii keessaa mara ba'atanee ol fidane. 6Mootichi Solomoonii fi wolde'i kolbaa Israa'elii marti Saanduqa Gondooro'oo duratti wolitti qabamanee hoole'ee fi korommii hedduu ta laakkossi isaanii hagana hin jedhanne ciincaa dhikeessane. 7Achiin duuba hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ta Mootii Waan Maraa gara Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta Galma Waaqaa keessaa geessanee, koola dada ol-gubba'aa ta koola qadduu jala keyane. 8Dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu sun addee Saanduqa Gondooro'ootiin gubbaa koola ifii diriirsanee, Saanduqa Gondooro'ootii fi danqaroota isi'ii gollaneeran. 9Danqarooti sun guddoo dhedheeraa waan te'aneef, qacceen isaanii nama Galma Waaqaa keessa addee irra caalaa woyyittii dura dhaabbatutti hin mudhatti; nama Galma Waaqaatiin ala jirutti hin mudhattu; danqarooti sun haga adhaalle achuma jiran. 10Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baate, Mootiin Waan Maraa isaan woliin Gondooroo yennaa godhe, gaara Siina'aa irratti, dhakaa baxxicha lamaan ajaji kudhan irra jiru, ka Muuseen achi keessa keye malee, wonni dhibiin Saanduqa Gondooro'oo san keessa hin jirtu.
Ulfinna Mootii Waan Maraa
11Hayyooti Galma Waaqaa keessaa gad bayane. Hayyooti worri achi jiranu martinuu, ka badoon hujii isaanii yennaa san hin te'inille ifi woyyoonsane. 12Lewwooti faarfattooti marti, Asaaf, Hemaanii fi Yedutuun, ilmaan isaaniitii fi dhiirti fira isaanii achi jiraniiyyu; isaan woyaa dansaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffatanee, addee ciinca'aa irraa karaa aduun baatu dhaabbatanee, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, maseenqo'oo fi kiraaraan faarfatane. Hayyooti dhibbaa fi diddam isaan cinaa dhaabbatanee tultullaa afuufane. 13Worri tultullaa afuufuu fi faarfattooti qoonqoo ifii wolqixxeessanee woliin faarfatanu Mootii Waan Maraa leellifatane; isaan tultulla'aan, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, meya gara garaatiin, qoonqoo guddoolle'een, «Inni dansa'a; jaalalli isaalle haga bara baraa hin jiraata» jedhanee, Mootii Waan Maraa leellifatane. Achiin duuba duumensi Galma Mootii Waan Maraa guute.
14Ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Waaqaa waan guuteef, sababa duumensaatiif, hayyooti tajaajila ifiitiif dhaabbatiisa hin dandeenne.
¿Sabías que…?
El traslado del arca al templo
- Salomón congregó a los líderes de Israel en Jerusalén para trasladar el arca del pacto desde Sion, la Ciudad de David, hacia el santuario interior del templo, el Lugar Santísimo. En ese momento, el arca contenía únicamente las dos tablas de piedra que Moisés había colocado allí en Horeb.Fuentes: el propio texto bíblico · Zion · Most Holy Place · Moses
- La dedicación contó con una gran celebración musical dirigida por los principales maestros levitas—Asaf, Hemán y Jedutún—y sus familias, vestidos de lino fino y tocando címbalos, arpas y liras, acompañados por 120 sacerdotes que tocaban trompetas.Fuentes: el propio texto bíblico · Asaph (Levite) · Heman · Jeduthun (Ethan)
- En el instante en que los músicos y cantores alababan a Dios al unísono, una espesa nube llenó el templo, impidiendo que los sacerdotes se mantuvieran de pie para ministrar.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- City of David · 31.774, 35.236 · versículo 2
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 2
- Zion · Hoy: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 2
- Most Holy Place · Hoy: on Mount Moriah · 31.778, 35.236 · versículo 7
- Holy Place · Hoy: on Mount Moriah · 31.778, 35.236 · versículos 9, 11
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 10
- Mount Horeb · Hoy: Jebel Musa · 28.540, 33.973 · versículo 10
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org