Nations Bible

2 Crónicas 4

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Meya Galma Waaqaa

1Mootichi Solomoon addee ciinca'aa ta sageettu'uu ta dheerinni isi'ii ciqilee diddamaa, badhinni isi'ii ciqilee diddamaa, hojjaan isi'ii ciqilee kudhanii huje. 2Akkasuma inni waabaa bisaanii ka badhinni afaan isaa ciqilee kudhanii, hojjaan isaa ciqilee shanii, keessi gadhaa isaa ciqilee soddomaa sageettuu irraa huje. 3Xiyyoo afaan waaba'aa jalatti fakkiin korommi'iin naanneffamanee hujamaneeran; waabaa bisaanii san irratti ciqilee tokko tokko irratti fakkiin korommi'ii kudhan kudhaniin tarree lamaan waabaa san woliin wolitti baqisiifamanee hujamaneeran. 4Waabaan bisaanii sun dudda korommii kudhanii lamaa ta sageettuu irraa hujantee san irra dhaabbata; korommiin sun sad gara kaabaa, sad karaa aduun seentu, sad karaa kibbaa, sad karaa aduun baatu fuula galanee dudda wolitti garagalanee dhaabbataneeraniiyyu; waabaan bisaanii sun dudda isaanii irra jiraayyu. 5Furdinni waaba'aa haga badhinna barruu harkaa, xiyyoon afaan isaa akka afaan sini'ii gara duubaa garagalee hujamee daraaraa suufi'ii fakkaata; waabaan sun litirii kuma jaatama qabata.

6Achiin duuba inni kennansi gubamu akka itti dhiqamuuf, qorii kudhan hujisiisee, shan gara kaabaatiin, shan gara kibbaatiin keye; waabaa bisaanii san hayyoota qofatti itti dhiqataayyu.

7Inni akkuma seeraatitti, waan issaa irra keyanu worqii irraa hujee, shan gara kibbaatiin, shan gara kaabaatiin Galma Waaqaa keessa keye. 8Akkasuma inni xarapheessaa kudhan hujee, shan gara kibbaatiin, shan gara kaabaatiin Galma Waaqaa keessa keye; inni ammalle qorii worqi'ii dhibba tokko huje. 9Inni badhinna dalleya keessaa ka Hayyootaa hujee, badhinna dalleya keessaa guddichalle hujee, balbaloota san sageettuu itti gonfe. 10Waabaa bisaanii san Galma Waaqaa irraa gara kibbaa karaa aduun baatuun keye.

11Huraamille okkotee, akkaafa'aa fi qorii dhiiga fiffixanu qabattu huje. Maarre inni meya Galma Waaqaa, Solomoonii mootichaaf hujee akkuma waadaa galetti fixe; mey inni huje ka asii gad jiru: 12utuboota lama, qaccee utubootaa irratti guutuu akka qori'ii jirtu lama, guutuu akka qori'ii jirtu ta qaccee utuboota irraa san seesiisaaf caccoo sibiilaa lama, 13guutuu akka qori'ii jirtu ta qaccee utubootaa irraa lamaan san seesiisaaf, waan akka midhaan rumaanii dhibba afur, tokko tokkoo isaaniitiif, waan akka midhaan rumaanii san tarree lama lamaan keye. 14Inni waan meya irra keyanulle qorii itti dhiqatanu ta isii irra keyanu woliin, 15waabaa bisaaniitii fi fakkii korommi'ii kudhanii lama ta waabaa jalaa, 16okkotoota, akkaafota, filaa fooniitii fi meya waan kana woliin hujii gubbaa oolanu mara sageettuu morodante irraa, tajaajila Galma Mootii Waan Maraatiif akka te'anu mooticha Solomooniif huje.

17Mootichi Solomoon meya kana mara, dhooqa Yordaanosii keessatti addee faara itti dhowanutti Suukootii fi Zaaretaan wodhakka'atti hujisiise. 18Mey mootichi Solomoon hujisiise kun marti hedduu waan te'eef, kiiloon sageettuu sanii hagana jedhamee hin beekkamuuyyu.

19Maarre Solomoon meya Galma Waaqaa keessa ittiin tajaajilanu: addee ciinca'aa worqii irraa, xarapheessaa daabboo Waaqa dura dhikaattu irra keyanu, 20akkuma seera isaaniif kennametti waan issaa irra keyanu ka worqii qulluu irraa hujamanee fi issaa isaan irra keyamanu ka addee irra caalaa woyyittii duratti ifanu, 21worqii qullittii irraa waan akka daraara'aatitti miidhaffamane, issaa, qaraphaa, 22qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, girgiraa hixaanaa, bassoo daadhaa ittiin haranuu worqii qulluu irraa hujisiise. Balbalooti keessaa ta Addee Irra Caalaa Woyyitti'iitii fi balbalooti Galma Waaqaa ta gara kutaa guddo'oo seenanu worqii qulluu irraa hujamaneeran.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Mobiliario para el Templo

  • Los grandes objetos de bronce para el templo, incluido el colosal depósito conocido como el Mar y los doce bueyes que lo sostenían, se fundieron en moldes de barro en la llanura del Jordán, entre Sucot y Sereda (también llamada Saretán). Esta compleja labor metalúrgica fue dirigida por el maestro artesano Hiram-abí.Fuentes: el propio texto bíblico · Hiram · Zeredah
  • El gran Mar de metal fundido tenía un borde en forma de flor de lirio y almacenaba agua destinada exclusivamente para que los sacerdotes se lavaran antes de sus labores sagradas. Diez fuentes separadas se reservaban para lavar las piezas de los animales ofrecidos en holocausto.Fuentes: el propio texto bíblico
  • En el interior del templo, Salomón dispuso diez candelabros y diez mesas de oro puro para los panes de la proposición, así como puertas de oro hacia el Lugar Santísimo y numerosos utensilios dorados, tales como tazones, incensarios y despabiladeras.Fuentes: el propio texto bíblico · Most Holy Place

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jordan · Hoy: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 17
  • Most Holy Place · Hoy: on Mount Moriah · 31.778, 35.236 · versículos 20, 22

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.