1 Timoteo 5
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Akka Dhugeeffattoota Itti Qabatanu
1Jaarsa akka abba'aatitti gorsi malee hin xixin; dargaggageeyyii dhiiraa ammoo akka obboleeyyaniititti qabadhu; 2jaartii akka haadhaatitti, dubartii ka'ima akka obboleettii tiru'uu yaada qullu'uun qabadhu.
3Dubartii dhugumaan haadha hiyyeessaa teete kabaji. 4Isiin ijoollee yookiin akkoowwan yoo qabaatte ammoo, ijoolleen sun duraan dursitee maatii ifii qarqaaraa, haadhaa fi abba'aaf, akko'oo fi akaakoo ifiitille'eef haluu guddisaa isaaniif deebisaa, dhugeeffannaa ifii huji'iin mudhisiisa baratanuu ti. Sababille wonni kun Waaqa hin gammachiitti. 5Haati hiyyeessaa takka, ta nama isii qarqaaru hin qanne, addii ifii Waaqatti godhatee halkanii fi guyyaa qarqaarsa isaa gaafataa daadimataa leeti. 6Haati hiyyeessaa takka ta gammada lafaa callaa jaalattu, aduma jirtuu duuteerti. 7Nami tokkolle waan ittiin isaan komatu akka hin qabaanne, gorsa kana isaaniif kenni. 8Nami tokko fira ifiitiif, keessattuu maatii ifiitii ka hin qarqaarre, nama dhugeeffannaa ifii mormate; inni nama hin dhugeeffatin caalaalle hama'a.
9Haadha hiyyeessaa ta woggaan isi'ii jaatamaa gadi te'e, galmee haadhotiin hiyyeessaa itti galmeeffantutti hin galmeessin. Isiin sunuu ta dhirsa tokko qofa heerumteertu te'uu qaddi. 10Akkasuma ijoollee guddisiisaan, keessummaa fudhatiisaan, miila kolbaa Waaqaa dhiqiisaan, worra rakkate qarqaariisaan, hujii dansaa mara hujiisaa fi ifi kenniisaan ta gurra dansaa qaddu te'uu qaddi.
11Haadhotii hiyyeessaa ta ka'ima teete ammoo, galmee san keessa hin galchin; sababille halchaan foonii yennaa itti hammaatte, Kiristoos irraa deebi'anee heerumuu barbaaddan. 12Maarre isaan waadaa Kiristoosiif matooma galane diiganee muraa ifi irratti fidatan. 13Ammalle isaan hujii malee tee'uu fi mana kanaa kaan labiisa baratan; tana qofa adoo hin te'in, nama hamataa dubbii namaa keessa galaa, waan dubbatu'uu hin malle ka dubbatanu te'an. 14Tanaaf diinni hantuu nu'u irratti dubbatuuf karaa akka hin dhagganne, haati hiyyeessaa ka'intittiin heerumtee ijoollee deettee, mana ifii akka bulfattu gorsa. 15Isaan keessaa gariin tanaan qaraa Seexana hordofiisaaf karaa dhugeeffanna'aa irraa goraneeran. 16Dubartiin dhugeeffatte takka ammoo, haadha hiyyeessaa maatii ifii keessaa yoo qabaatte, akka isaan wolde'a Kiristaanaatitti ba'aa hin teene qarqaartuuti; wolde'i Kiristaanaa ammoo, dubartoota abbaan manaa irraa du'e, ta ijjumaa qarqaarsa hin qanne qarqaaruu ti.
17Jaarsolee wolde'a kiristaanaa akka dansaa sooressitu, keessumattuu ta jabaattee lalladdee barsiittuuf, ulfinna gudda'atti male. 18Barreeffam Woyyichi, «Qotiyyoo midhaan dhowiisatti jirtu afaan hin hidhin», akkasuma, «Hojjata'aaf mindaan kennamuu qaba» jedha. 19Dhugaa baatota lama yookiin sad yoo qabaate malee, himata jaarsa tokko irratti dhiyaatu hin fudhatin. 20Worri dhibiin akka sodaatu, worra cubbuu huju addee nami mara jirutti xixi.
21Waan gootu mara namuufuu adoo hin golin, yookiin adoo wol hin caalchisin gorsa kiyya akka muummessitu Waaqa duratti, Yesuus Kiristoosii fi ergantoota Waaqaa ta fooyante duratti si ajaja. 22Namoota tajaajila Waaqaatiif muudiisaaf ariifattee harka irra hin keyin. Cubbuu worra dhibi'ii keessa hin galin; mataa keeti qulqullumma'aan eegi.
23Gadhaa keetii fi dhibee deddeebitee sitti kaatuuf, daadhii woyni'ii diqqoo uni malee haganaa achi bisaan callaa hin unin. 24Cubbuun worra gari'ii ifa teete waan mudhattuuf, dursitee muraa isaanii akeetti; cubbuun worra gari'ii ammoo duuba irra mudhatti. 25Akkasuma hujiin dansaan ifa teetee mudhatti, ta hin mudhannelle dhokattee hin hattu.

¿Sabías que…?
El cuidado de las viudas y la honra de los ancianos
- Este capítulo separa a las viudas que están verdaderamente solas de aquellas que todavía tienen hijos o nietos que las cuiden. Una viuda solo debía inscribirse si tenía al menos sesenta años, había sido esposa de un solo hombre y era conocida por buenas obras, como criar hijos, hospedar a extraños, lavar los pies de los santos y socorrer a los afligidos. Las viudas más jóvenes no debían inscribirse; se les aconsejaba casarse, tener hijos y administrar su casa.Fuentes: el propio texto bíblico
- El consejo a las viudas más jóvenes busca negarle al adversario cualquier ocasión de calumnia, y el capítulo señala que algunas ya se han desviado para seguir a Satanás. El nombre Satanás significa adversario o acusador y, en el Nuevo Testamento, se usa de manera intercambiable con Diabolos, o el diablo, más de treinta veces.Fuentes: el propio texto bíblico · Satan
- Los ancianos que dirigen bien son considerados dignos de doble honor, sobre todo los que se esfuerzan en la predicación y la enseñanza. El capítulo apoya eso con dos dichos: no se debe poner bozal al buey mientras trilla el grano, y el obrero es digno de su salario. No se debía admitir una acusación contra un anciano, salvo por el testimonio de dos o tres testigos.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org