1 Timoteo 4
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Barsiisota Dharaa
1Bara duubaatitti namooti gariin, ayyaanota wollaalchisa'aa fi barsiisa durriisotaa hordofiisaan dhugeeffannaa irraa akka dacha'anu Ayyaanni Waaqaa qulleessee hima. 2Barsiisi akkasii kijiboota dhara dubbatiisaan wodanaan isaanii akka sibiila o'aan gubamee dillaye irraa dhufa. 3Worri kun «Fuudhaa fi heeruma, sagalee akkasiitii fi akkasii nyaatuun dhoogga'a» jedhan. Waaqi ammoo, sagalee tana akka nyaatanuuf dade; worri dhugeeffatuu fi worri dhugaa beekiisaaf dhufe daadimata galataatiin nyaata. 4Wonni Waaqi dade duudiin dansa'a; wonni daadimata galataatiin fudhatante takkaalle hin jibbatantu, 5isiin sababa jecha Waaqaatii fi daadimataatiif Waaqa biratti fudhatama dhaggatti.
Tajaajilaa Dansaa Yesuus Kiristoosii
6Barsiisa kana dhugeeffattoota yoo barsiitte, jecha dhugeeffanna'aatii fi barsiisa dhuga'aa ka hordotte saniin guddataa, tajaajilaa dansaa Yesuus Kiristoosii hin teeta. 7Oduu durii ta beera dulloontee, ta gatii hin qanne hin fudhatin. Addee san leetoo Waaqi fedhuu le'iisaaf ifi leenjis. 8Nafa jajjabeessu'uuf ifi leenjisuun bu'aa diqqoo qaba; leetoo Waaqi fedhu le'iisaaf ifi leenjisuun ammoo, le'ii ammaatii fi ta dhuttulle'eef addii waan qabuuf karaa maraan bu'aa qaba. 9Jechi kun jecha dhugicha guutuma guutu'utti fudhatamu'uu male. 10Nuuti Waaqa jiraataa fayyisaa nama duudi'ii, keessattuu ka worra isatti dhugeeffatuu te'etti waan addannuuf huji'iin dadhabaa farralle dhaggina.
11Tana duudii isaan ajajii barsiisi. 12Dubbii afaan keeti keessaa baatuun, haasowaan, le'iin, jaalalaan, dhugeeffanna'aa fi qulqullumma'aan dhugeeffattootaaf fakkeenna te'i malee, dargaggeessa waan teeteef eennulle si hin tuffatin. 13Haga ani dhufutti, Barreeffama Woyyicha kolba'aaf dubbisiisa, lallabiisaa fi barsiisiisatti jabaadhu. 14Kennansa yennaa raagoti dubbattee fi jaarsoleen wolde'a kiristaanaa harka ifii si irra keette si'iif kenname, kennansa Ayyaanaa ka si keessa jiru san hin dagatin. 15Akka nami duudiin guddinna keeti dhaggu waan kana ifi kennii huji. 16Ati mataa keetii fi barsiisa keeti midhassii ilaalladhu, waan kana itti jabaadhu; akkas godhiisaan mataa keetii fi worra si dhage'u hin fayyitta.

¿Sabías que…?
Falsa enseñanza y entrenamiento en la piedad
- El capítulo dice que el Espíritu declara expresamente que, en tiempos posteriores, algunos abandonarán la fe para seguir espíritus engañosos y enseñanzas de demonios. Estarán influidos por la hipocresía de mentirosos, cuya conciencia ha sido cauterizada con un hierro candente, y prohibirán el matrimonio y exigirán abstenerse de ciertos alimentos.Fuentes: el propio texto bíblico
- La carta responde a esas exigencias diciendo que Dios creó esos alimentos para que los reciban con acción de gracias quienes creen y conocen la verdad. Toda creación de Dios es buena, y nada de lo que se recibe con acción de gracias debe rechazarse, porque es santificado por la palabra de Dios y la oración.Fuentes: el propio texto bíblico
- El autor exhorta al joven a quien se dirige a no dejar que nadie menosprecie su juventud, sino a ser ejemplo en el habla, en la conducta, en el amor, en la fe y en la pureza. Hasta que el autor llegue, debe dedicarse a la lectura pública de las Escrituras, a la exhortación y a la enseñanza, y no descuidar el don que le fue dado mediante profecía, cuando los ancianos le impusieron las manos. El ejercicio físico, añade la carta, tiene un valor limitado, mientras que la piedad es valiosa en todo sentido y encierra promesa para la vida presente y para la venidera, un dicho que la carta llama digno de confianza y de plena aceptación.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org