Nations Bible

1 Samuel 17

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Daawitii Fi Goliyaad

1Filisxeemoti loltoota ifii qachaa Yihuda'aa Sokooti keessatti lolaaf wolitti qabatane; isaanille Sokootii fi Aazeqaa wodhakkaa Efes-Damiim keessa qubatane. 2Saa'olii fi Israa'elooti wolitti qabamanee dhooqa Elaa keessa qubatanee, Filisxeemota loliisaaf tarree galane. 3Wodhakkaa isaanii dhooqi takka jirtuun, Filisxeemoti kooba takka, Israa'elootille kooba dhibii qabatane.

4Nami qachaa Gaatiitii dhufe tokko ka hojjaan isaa ciqilee jaa fi taakku'uu, ka jannuma'aan beekkame Goliyaad quttuma Filisxeemotaa keessaa bayee dhufe. 5Inni gullee sageettuu irraa hujante mata'atti keyatee, qomoo sageettuu irraa hujante meya lolaa ta kiiloogiraama shantamii torbaa uffateeraayyu. 6Inni waan akka quncee mukaa ta sageettuu irraa hujante miila ifiititti hidhatee, urdee sageettuu irraa hujante gurmuu ifii irraa qabaayyu. 7Somey eboo isaa muka worri woyaa dhowu, woyaa dhowe san itti maru geettiiyyu; sibiilli eboo isaalle gara kiiloogiraama torbaa ti; tajaajilaan wontee isaa ba'atu isa dura deemaayyu. 8Goliyaad dhaabbatee loltoota Israa'elii tarree galtee jirtuun, «Isin maaniif tarree galtanee lolaaf baatane? Ani nama biyya Filisxeemotaa ti; isinille tajaajiltoota Saa'oliitii motii? Nama tokko filadha'a; inni gara kiyya dhufuu ti! 9Inni na lolee yoo na ijjeesuu dande'e, nuuti tajaajiltoota teessan hin teena. Ani ammoo isa injifadhee yoo isa ijjeese, isin tajaajiltoota teenna teetanee nu hin tajaajiltan» jedhe. 10Achiin duuba nami biyya Filisxeemotaa sun, «Ani adha loltoota Israa'elii haga ilaala, nama na lolu tokko naaf kenna'a!» jedhe 11Saa'olii fi Israa'elooti marti dubbii nami biyya Filisxeemotaa dubbate tana dhage'anee, nayanee guddoo sodaatane.

Daawiti Addee Quttuma Loltoota Israa'elii Dhaqe

12Daawiti ilma Iseyii nama biyya Efraata'aa, ka biyya Yihuda'aa qachaa Betlihemii keessa le'uu ti. Isey ilmaan dhiiraa saddeeti qabaayyu; bara Saa'olii keessa inni guddatee dulloomeeraayyu. 13Ilmaan Iseyii gugurdoon sad lolaaf Saa'ol woliin duulaneeraniiyyu; maqaan ilmaan isaa ka lolaaf duulanee, angafichi Eliiyaab, ka lammeesso'oo Abinaadaab, ka sadeesso'oo Shama'a. 14Daawiti isaan maraaf maandhicha; obboleeyyan isaa gugurdoon sad Saa'ol woliin duulane; 15Daawiti ammoo hoolee abbaa ifii tissiisaaf Saa'ol biraa gara Betlihemii deebi'e.

16Nami biyya Filisxeemotaa sun guyyaa afurtama ganamaa fi galgala loltoota Israa'elootaa dura dhufee dhaabbataayyu.

17Isey ilma ifii Daawitiin, «Akum'ee garbu'uu kiiloogiraama diddamaa fi xaltaa daabbo'oo kudhan kana qabadhuutii obboleeyyan teetiif ariifadhuu addee quttumaa geessi! 18Itittuu goge kudhan kanalle ajajaa loltootaatiif geessi; obboleeyyan teeti nageyaan akka jiranu ilaaliitii, nageyaan jiraatiisa isaanii beessisa isaan biraa fidii koy. 19Isaan Saa'olii fi Israa'eloota mara woliin dhooqa Elaa keessatti Filisxeemota loliisatti jiran» jedhe.

20Daawiti boruyyaa ganama ka'ee hoolota tissitootatti lakkisee, waan Isey isa ajaje ba'atee deeme; loltooti addee qabataneeranu, lolaaf dhaadataa bayiisatti jiranuun addee quttumaa san geye. 21Israa'elootii fi Filisxeemoti tarree galanee fuula wolitti galaneeraniiyyu. 22Daawiti meya ifii namicha galaa eegu biratti lakkisee, gara lolaa fiigee obboleeyyan ifii dhaggee nageya fuudhe. 23Inni obboleeyyan ifii woliin adoo haasowiisatti jiruu, Goliyaad nami janni worra Filisxeemotaa ka biyya Gaatiitii dhufe, tarree loltootaa keessaa bayee akkuma qaraa dhaadatuun, Daawiti isa dhage'e. 24Israa'elooti Goliyaad yennaa dhaggane, marti isaaniituu guddoo sodaatanee isa duraa baqatane. 25Isaan, wol wolille'een, «Nama guyyuma guyya'aan dhufee Israa'eloota arrassu kana hin dhaggitan. Nama isa ijjeeseef mootichi karra bacaa hin kenna. Intala ifiille isa fuusisee, maatii abbaa isaalle biyya Israa'elii keessatti gibira akka hin kaffalle hin godha» jedhane.

26Daawiti worra isa bira dhaabbateen, «Nama biyya Filisxeemotaa kana ka ijjeesee, salphinna akkanaa kana Israa'eloota irraa nama balleessuuf maan isaaf godhan? Nami biyya Filisxeemotaa ka haqanqabaa hin qabatin kun, loltoota Waaqa jiraata'aatitti dhaadatiisaaf inni eennu?» jedhee gaafate. 27Isaanille, «Nama isa ijjeeseef wonni godhamu'uu male kana» jedhanee waanuma qara dubbatane san deebisanee isatti himane.

28Obboleessi isaa angafichi Eliiyaab, Daawiti namoota woliin dubbatuun isa dhage'ee, aaree bobe'ee, «Maaf as dhutte? Hoolota diqqoo san goomolee keessatti eennu biratti lakkitte? Ati sababa koora keetiitii fi hammeenna gadhaa keetiitiif, lola ilaaliisaaf akka ati dhutte ani hin beeka» jedhe.

29Daawitille, «Ani amma maan godhe ree? Ani woyiiyyuu gaafatiisumalle hin dande'uu?» jedhe. 30Achiin duuba inni gara nama dhibi'ii deebi'ee, gaaffuma san deebisee gaafate; namootille deebuma qaraa taan isaaf deebisane.

31Saa'ol waan Daawiti dubbate dhage'ee, nama ergee Daawiti gara ifii waansise. 32Daawitille Saa'oliin, «Ani tajaajilaan keeti dhaqee isa waan loluuf sababa Filisxeemicha kanaatiin gadhaan nama tokkolle hin raafamin» jedhe.

33Saa'olille deebisee Daawitiin, «Ati ijoolle'e; inni garuu dargaggummaa ifiitiin jalqabee lola waan barateeruuf, Filisxeemicha kana woliin wol loliisaaf hin dandeettu» jedheen.

34Daawiti ammoo Saa'oliin, «Ani tajaajilaan keeti hoolota abbaa kiyyaa yennaa tissu, neenqi yookiin doobbaan dhufee tika keessaa hoolee yookiin re'ee takka yoo qabu, 35reebee dhowee irraa buusa. Yennaa inni natti garagalu laagadaa isaa hudhee dhowee isa ijjeesaayyu. 36Ani tajaajilaan keeti neenqaa fi doobbaalle ijjeeseera; Filisxeemichi kun ka haqanqabaa hin qabatin, loltoota Waaqa jiraata'aa waan arrasseef, innille akkuma bineensota san keessaa tokkochaa hin te'a. 37Mootiin Waan Maraa ka kottee neenqaatii fi kottee doobba'aa jalaa na baase sun harka Filisxeemichaa jalalle'ee na hin baasa» jedhe.

Saa'olille Daawitiin, «Dhaqi, Mootiin Waan Maraa si woliin jiraatuu ti,» jedhe. 38Achiin duuba Saa'ol woyaa ifii ta lolaa Daawititti uffisee, gullee sageettuu irraa hujante mataa isaatitti keyee, qomoo itti uffise. 39Daawiti woyaa akkanaa uffatee waan hin beenneef, woyaa lolaa irratti shallaagaa hidhatee ideemiisaaf wodhaane. Inni Saa'oliin, «Tanaan qara uffadhee waan hin baratiniif akkas uffadhee loliisa hin dande'u» jedhe. Maarre inni woyaa san ifi irraa baafate. 40Achiin duuba ulee ifii fudhatee, dhakaa qunqumhicha shan laga keessaa filee korojoo ifiititti naqateen duuba, looyyaa harkatti qabatee Filisxeemichatti dhikaate.

41Filisxeemichille tajaajilaa meya lolaa isaa ba'atu ifiin dura ideensisaa gara Daawitii dhikaataa dhufe. 42Filisxeemichi Daawiti ilaalee yennaa dhagge, Daawiti diimaa miidhagaa dhaaba tolu, ijoollicha waan te'eef isa tuffate. 43Inni Daawitiin, «Ani saree teenaan ulee qabattee natti dhuttee?» jedhee, maqaa waaqota ifiitiin isa abaare. 44Inni, «Me, gara kiyya as koy! Ani foon keeti allaatti'ii fi bineensaafille hin kenna» jedhe.

45Achiin duuba Daawiti Filisxeemichaan, «Ati shallaagaa, ebo'oo fi urdee teeti qabattee natti dhutta; ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqa loltoota Israa'elii ka ati arrassituun sitti dhufa. 46Biyyi lafaa marti Israa'el keessa Waaqi akka jiru akka beettuuf, adha Mootiin Waan Maraa harka kiyyatti dabarsee si hin kenna. Ani dhowee si jissee mataa keeti si irraa hin kuta; guyyaa adhaa reeffa loltoota Filisxeemotaa allaatotaa fi bineensotaafille hin kenna. 47Worri asitti wolitti qabame marti Mootiin Waan Maraa shallaaga'aan yookiin ebo'oon akka nama hin baanne hin beekan; lolli ka Mootii Waan Maraa waan te'eef, isin mara harka keennatti dabarsee hin kenna» jedhe.

48Yennaa Filisxeemichi ka'ee Daawiti loliisaaf gara isaa dhikaate, Daawitille isa loliisaaf ariiti'iin gara addee lolaa fiige. 49Daawiti subba ifii keessa harka keyee, dhakaa fuudhee, looyya'aan qolaansee, adda Filisxeemichaa dhowe; dhakaan sun adda isaa keessa lixee seenee, innille gad gombifamee addaan lafa dhowe. 50Maarre Daawiti looyya'aa fi dhakaa qofaan Filisxeemicha injifate; inni shallaagaalle harkatti adoo hin qabaatin Filisxeemicha dhowee ijjeese. 51Achiin duuba Daawiti gara isaa fiigee isa gubbaa dhaabbate. Inni shallaagaa isaatuu gonofaa isaa keessaa buqqifatee, ittiin mataa isaa irraa mure.

Worri Filisxeemotaa gooti isaanii akka du'e yennaa dhaggane deebi'anee baqatane. 52Achiin duuba worri Israa'eliitii fi Yihuda'aa ka'anee qeexalaa, worra Filisxeemotaa haga seensuma Gaatiitii fi haga karra Eqroonii ari'ane. Maarre reeffi Filisxeemotaa karaa Sha'araayimii irraa haga Gaatiitii fi haga Eqrooniititti jijjige. 53Worri Israa'elootaa yennaa Filisxeemota ari'anee deebi'ane addee quttuma isaanii saamane. 54Daawitille mataa Filisxeemichaa fuudhee gara Yerusaalemii geesse; meya lolaa ka isaa ammoo dunkaanii ifii keessa keyate.

55Daawiti Filisxeemicha loliisaaf deemuun Saa'ol yennaa dhagge, ajajaa loltootaa Abneeriin, «Abneer, dargaggeessi kun ilma eennuu ti?» jedhee gaafate.

Abneerille, «Ee mooticha, du'a lubbuu teetiitiin kakadha, ilma eennuu akka inni te'e, ani hin beeku» jedhee deebise.

56Mootichille, «Dargaggeessi kun ilma eennu akka te'e beeki» jedheen.

57Daawiti Filisxeemicha ijjeesee akkuma deebi'een, mataan Filisxeemichaa harka Daawitii keessa adoo jiruu, Abneer Saa'ol dura isa dhikeesse. 58Saa'ol isaan, «Dargaggeessa kana, ati ilma eennuu ti?» jedhee gaafate.

Daawitille isaan, «Ani ilma tajaajilaa keeti ka Iseyii nama qachaa Betlihemii ti» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

David y Goliat

  • La confrontación tuvo lugar en el valle de Ela, ubicado en las colinas de Judá entre Soco y Azeca, con los filisteos acampados en Efes-damim. Los dos ejércitos ocupaban colinas opuestas a lo largo del valle, preparando el escenario para el combate singular.Fuentes: Valley of Elah · Ephes-dammim · el propio texto bíblico
  • Goliat procedía de Gat, una de las cinco ciudades principales de los filisteos, y se describe con una estatura de seis codos y un palmo. Durante cuarenta días se presentó entre las líneas de batalla con pesada armadura de bronce, desafiando a Israel a resolver la guerra mediante un duelo entre campeones.Fuentes: Goliath · Gath · el propio texto bíblico
  • David, el menor de los ocho hijos de Isaí, de Belén, llegó al frente solo para llevar provisiones a sus tres hermanos mayores en el ejército de Saúl. Al rechazar la pesada armadura de bronce y el casco del rey por no estar acostumbrado a ellos, David enfrentó a Goliat con su cayado, su honda y cinco piedras lisas del arroyo.Fuentes: David · Jesse · el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Socoh · Hoy: Tel Socho · 31.682, 34.975 · versículo 1
  • Valley of Elah · 31.675, 34.998 · versículos 2, 19
  • Bethlehem · 31.704, 35.208 · versículos 12, 15, 58
  • Ekron · Hoy: Tel Miqne · 31.777, 34.852 · versículo 52
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 54

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.