Nations Bible

1 Samuel 16

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Daawiti Mootii Te'iisaaf Muudame

1Mootiin Waan Maraa Saamu'eliin, «Akka inni Israa'el irratti mootii hin teene, nama ani tuffadhe Saa'oliif haga yoomii bootta? Ani ilmaan Iseyii keessaa nama mootii te'u waan dhaggadheef, gara Iseyii nama biyya Betlihemii waan si erguuf, meya gaafaa keetitti zayitii ejersaa guutii fudhadhuu deemi» jedhe.

2Saamu'el ammoo, «Saa'ol tana yoo dhage'e na waan ijjeesuuf, ani attam dhaquu dande'a ree?» jedhe;

Mootiin Waan Maraa deebisee, «Goronsa tokko geessiitii, ‹Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisa dhufeera› jedhi! 3Iseyille gara addee ciincaa itti dhikeessituu waami; ani waan ati gootu sitti himee, nama ani sitti himu naaf hin muudda» jedhe.

4Saamu'el waan Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe; yennaa inni Betlihem geye jaarsoleen qachaa sanii hollataa isa qophatiisaaf dhuttee, «Ati nageyaafuu dhuttee?» jettee isa gaafatte.

5Saamu'el deebisee, «Ee nagewuma; ani Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisaaf dhufe; isinille ifi woyyoonsa'aatii na woliin gara ciinca'aa kowa'a» jedhe; achiin duuba inni Iseyii fi ilmaan isaa woyyoonsee gara ciinca'aa san akka dhufanu isaan waame.

6Isaan yennaa achi geyane, Saamu'el isaan keessaa Eliiyaab dhaggee, «Dhugumaan nami Mootiin Waan Maraa muude, Mootii Waan Maraa dura kunoo, dhaabbateera» jedhee herrege.

7Mootiin Waan Maraa ammoo Saamu'eliin, «Ani waan isa tuffadheef bifa isaa yookiin dheerinna hojjaa isaa hin ilaalin; Mootiin Waan Maraa akka nami ilaalu hin ilaalu; nami fuula ilaala; Mootiin Waan Maraa ammoo qalbii ilaala» jedhe.

8Achiin duuba Isey Abinaadaab waamee fuula Saamu'elii dura akka dabaru godhe; Saamu'el ammoo, «Mootiin Waan Maraa isa kanalle hin filanne» jedheen. 9Iseyille Shamaa fuula isaa dura akka dabaru godhe; Saamu'el ammoo, «Mootiin Waan Maraa isalle hin filanne» jedhe. 10Isey ilmaan ifii torba fuula Saamu'elii dura akka dabaranu godhe; Saamu'el ammoo, «Mootiin Waan Maraa isaan kana hin filanne» jedhe 11Maarre inni Iseyiin, «Ilmaan teeti tanuma calla'aa?» jedhee gaafate.

Iseyille, «Maandhich isaan maraa hin dhunne; inni hoolee tissiisatti jira» jedhee deebise;

Saamu'elille, «Haga inni dhufutti nuuti waan gad hin teenneef, itti ergiitii isa fichisiisi!» jedhe. 12Tanaaf inni nama itti ergee isa fichisiise; innille diimaa, nama miidhagaa ila kuulle'ee ti. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Saa'oliin, «Nami ani filadhe isa kana; ka'iitii isa muudi!» jedhe. 13Saamu'elille gaafa Zayiti'iin guutame fuudhee obboleeyyan isaa duratti isa muude; guyyaa sanii jalqabee Ayyaanni Mootii Waan Maraa Daawiti irratti bu'e; achiin duuba Saamu'el gara Raama'aa deebi'e.

Daawiti Saa'ol Tajaajile

14Ayyaanni Mootii Waan Maraa Saa'ol irraa fagaatee, ayyaanni hamaan ajaja Mootii Waan Maraatiin ergame isa rakkise. 15Tajaajiltooti Saa'olii isaan, «Kunoo, ayyaanni hamaan ajaja Mootii Waan Maraatiin ergamee si rakkisiisatti jira. 16Tanaaf ayyaanni hamaan ka Mootiin Waan Maraa sitti erge sun yennaa sitti dhufu, nama kiraara gudicha akka dansaa taphatee akka ati fayyitu si godhu akka si'iif barbaannu nu tajaajiltoota teeti ajaji!» jedhane.

17Maarre Saa'ol tajaajiltoota ifiitiin, «Nama akka dansaa kiraara guddicha taphatu barbaada'aatii naa fida'a!» jedhe.

18Tajaajiltoota keessaa tokko, «Nama kiraara guddicha akka dansaa taphatu ilma Iseyii nama biyya Betlihemii dhaggeera; inni janna, ka lola dande'u, nama dubbii beekuu fi nama dhaaba tolu; Mootiin Waan Maraalle isa woliin jira» jedhee deebise.

19Tanaaf Saa'ol gara Iseyii nama erge, «Ilma keeti ka tissee hoole'ee Daawiti naaf ergi» jedhe. 20Maarre Isey daabbo'oo fi qalqalluu daadhii woyni'ii harre'etti fe'ee, buruusoo korbeessa re'e'ee ilma ifii Daawititti kennee gara Saa'olii erge. 21Daawiti gara Saa'olii dhufee isa tajaajiliisa jalqabe; Saa'olille guddoo isa jaalatee, innille dargaggeessa meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atu te'e 22Achiin duuba Saa'ol gara Iseyii nama ergee, «Daawiti na duratti fudhatama waan dhaggateef, na bira tee'ee na tajaajiluu ti» jedhe. 23Ayyaanni hamaan Waaqa biraa gara Saa'olii yennaa dhufu, Daawiti kiraara guddicha taphataayyu; Saa'olille fayyee ayyaanni hamaan sun isa irraa fagaataayyu.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

La unción de David

  • Belén, situada en la región montañosa de Judá, era el hogar de Jesé, descendiente de Booz y Rut. Aunque Jesé presentó a siete de sus hijos ante Samuel, David —el octavo y más joven, que apacentaba las ovejas de la familia— fue el elegido y ungido.Fuentes: Bethlehem · Jesse · David · el propio texto bíblico
  • Cuando Samuel consideró inicialmente al primogénito de Jesé, Eliab, debido a su estatura, Dios le advirtió que los seres humanos juzgan por la apariencia externa, pero el Señor mira el corazón.Fuentes: el propio texto bíblico
  • David entró inicialmente al servicio de Saúl no como guerrero, sino como un hábil arpista llamado para aliviar al rey en sus momentos de aflicción. Saúl llegó a apreciarlo mucho, manteniéndolo en la corte y nombrándolo su escudero.Fuentes: el propio texto bíblico · David · Saul

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Bethlehem · 31.704, 35.208 · versículos 1, 4, 18

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.