1 Juan 5
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Biyya Lafaa Injifatiisa
1Yesuus Masiihii akka te'e nami dhugeeffatu maraa ilma Waaqaa ti; nami Abbaa jaalatu, ilma isaalle hin jaalata. 2Waaqa yennaa jaalannuu fi ajaja isaatiif ajajannu, ijoollee Waaqaa jaalachuu keenna tanaan beenna. 3Waaqa jaalachuu jechuulle ajaja isaatiif ajajamiisa; ajaji isaalle ulfaata'aa moti. 4Sababille nami Ilma Waaqaa te'e maraa biyya lafaa hin injifata. Hunni nuuti ittiin biyya lafaa injifannu tunille, dhugeeffannaa teenna. 5Eentu biyya lafaa injifatuu dande'a? Yesuus Ilma Waaqaa akka te'e nama dhugeeffatu calla'atti biyya lafaa injifatuu dande'a.
Worra Yesuus Kiristoosiif Dhugaa Bayane
6Ka bisaan cuuphama isaa akeekuu fi dhiiga du'a isaa akeekuun dhufe kun Yesuus Kiristoos. Inni bisaanii fi dhiigaan dhufe malee, bisaan calla'aan hin dhunne. Ayyaanni dhugaa waan te'eef, Ayyaanni ifiifuu tun dhugaa akka teete dhugaa baya. 7Dhugaa baatoti sad jiran; 8isaanille Ayyaana, bisaanii fi dhiiga; isaan sadiin kun wolii galan. 9Nuuti dhugaa baya namaa hin dhugeeffanna; dhugaa bayiisi Waaqaa ammoo, tana caalti. Dhugaan Waaqaa tun ta inni Ilma ifiitiif dhugaa baye. 10Nami Ilma Waaqaatitti dhugeeffatu, dhugaa baya tana ifi keessaa qaba; nami Waaqa hin dhugeeffanne ammoo, dhugaa baya Waaqi Ilma ifiitiif baye dhugeeffatiisa waan dhabeef, Waaqa dharaamessa godheera. 11Dhugaan inni baye tana: Waaqi jiruu bara baraa nu'uuf kenneera, jiruun tun Ilma isaa keessa jirti. 12Nami Ilma Waaqaa qabu jiruu qaba; nami Ilma Waaqaa hin qanne jiruu hin qabu.
Jiruu Bara Baraa
13Isin worri maqaa Ilma Waaqaatitti dhugeeffattanu, jiruu bara baraa akka qaddanu akka beettanuuf, ani tana mara isiniif barreessa. 14Waaqa dura dhikaatiisaaf ifi-addiin nuuti qannu tana: waan mara akka fedha isaa yoo isa gaafanne inni nu hin dhage'a. 15Waan isa gaafannu mara akka inni nu'uu dhage'u yoo beenne, yennaa isa gaafannu mara akka fudhannu hin beenna.
16Eennulle obboleessi isaa cubbuu du'atti [bara baraatitti] isa hin geessine hujuun yoo dhagge, isaaf daadimatuu ti. Waaqi jiruu bara baraa nama saniif hin kenna. Tun worra cubbuu du'a [bara baraatitti] isaan hin geessine hujane calla'aaf teeti. Cubbuun du'a [bara baraatitti] nama geessittu jirti, ta akkanaatiif daadimadhu isaan hin jedhu. 17Balleessaan marti cubbu'u; ammoo cubbuun du'a [bara baraatitti] nama hin geessine jirti.
18Ijoolleen Waaqaa cubbuu hujaa hin teettu; Ilmi Waaqaa waan isaan tissuuf hamaalessi isaan miidhu'uuf hin dande'u. 19Nuuti ijoollee Waaqaa akka teenee fi biyyi lafaa duudiin hunna hamaalessaa jala akka jirtu hin beenna. 20Ilmi Waaqaa dhufee Waaqa dhugaamessa akka beennuuf, hubantii akka nu'uuf kenne hin beenna. Nuuti Waaqa dhugaamessaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos keessa leena. Waaqi dhugaamessi kana, jiruun bara baraalle tana.
21Ijoollee tiyya, waaqota dharaameyyii irraa ifi eeggadha'a!

¿Sabías que…?
Fe, testimonio y vida
- Este capítulo dice que todo el que cree que Jesús es el Cristo ha nacido de Dios, y que amar al Padre también significa amar a los que han nacido de él. Describe el amor a Dios como guardar sus mandamientos, que no son una carga, porque todo el que ha nacido de Dios vence al mundo, y llama a esa victoria fe en Jesús como Hijo de Dios.Fuentes: el propio texto bíblico
- Se dice que Jesucristo vino por agua y sangre, no solo por agua, y que el Espíritu da testimonio de ello porque el Espíritu es la verdad; el capítulo no explica aquí qué son el agua y la sangre. Presenta al Espíritu, el agua y la sangre como tres que testifican de acuerdo, y llama al testimonio de Dios acerca de su Hijo mayor que el testimonio humano: Dios nos ha dado vida eterna, y esta vida está en su Hijo. El autor dice que escribió estas cosas para que los que creen en el nombre del Hijo de Dios sepan que tienen vida eterna.Fuentes: el propio texto bíblico
- Se indica a los lectores que pidan a Dios por un hermano que comete un pecado que no lleva a la muerte, mientras el autor dice que no les está diciendo que pidan por un pecado que sí lleva a la muerte. No nombra ninguno de los dos pecados, aunque dice que toda injusticia es pecado y que hay pecado que no lleva a la muerte. El capítulo termina diciendo a los hijitos que se guarden de los ídolos.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org