1 Juan 4
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Ayyaana Dhugaamessaa Fi Ayyaana Dharaamessa
1Jaalota tiyya! Ayyaana maraayyuu hin dhugeeffatina'a; raagoti dharaameyyiin hedduun gara biyya lafaa waan yaa'aneeranuuf, ayyaanni isaan qabanu Ayyaana Waaqaa akka te'e qorqora'aatii ilaala'a. 2Ayyaana Waaqaa kanaan beettan: Ayyaanni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugeessu maraa ka Waaqaa ti; 3ayyaanni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe hin dhugeessine maraa ka Waaqaatii moti; inniin kun ka akka inni dhufu isin dhageettane, ayyaana Kiristoos mormu. Inni ammumaa biyya lafaa keessa jira.
4Ijoolle! Isin ka Waaqaati; ka isin keessa jiru ka biyya lafaa keessa jiru waan caaluuf, raagota dharaameyyii injifattaneertan. 5Raagoti dharaameyyiin ka biyya lafaa waan te'aneef, waan biyya lafaa dubbatan, biyyi lafaalle isaan dhageetti. 6Nuuti ka Waaqaa ti. Nami Waaqa beeku maraa nu dhage'a; nami ka Waaqaa hin te'in mara ammoo nu hin dhage'u. Kanaan Ayyaana dhugaamessaa fi ayyaana dharaamessa gargar baannee beenna.
Waaqi Jaalala
7Jaalota tiyya! Jaalaltiin Waaqa irraa waan teeteef, kowa'a wol jaalannaa! Nami jaalatu maraa ilma Waaqaa ti, Waaqalle hin beeka. 8Waaqi jaalala waan te'eef nami hin jaalanne maraa, Waaqa hin beeku. 9Akka nuuti jiruu isaan dhaggannuuf, Waaqi Ilma ifii tokkochuma san gara biyya lafaa ergiisaan, jaalala ifii nu'uuf mudhise. 10Jaalala jechuun kana: nuuti Waaqa hin jaalanne, inni ammoo nu jaalatee, Ilma ifii cubbuu teennaaf woreega guma'aa akka te'uuf erge. 11Jaalota tiyya! Waaqi akkana yoo nu jaalate, nuutille wol jaalatuu qanna. 12Eennulle Waaqa ijjumaa hin dhaggine; yoo wol jaalanne Waaqi nu keessa hin jiraata, jaalaltiin isaalle nu keessatti guutuu teeti.
13Inni Ayyaana ifii irraa waan nu'uuf kenneef, nuuti isa keessa, innille nu keessa akka jiraatu hin beenna. 14Abbaan Ilma ifii Fayyisaa biyya lafaa godhee akka erge nuuti dhaggineerra, dhugaalle hin baana. 15Yesuus Ilma Waaqaa akka te'e nami dhugeessu maraa, Waaqi isa keessa, innille Waaqa keessa hin jiraata. 16Nuuti jaalala Waaqi nu'uuf qabu beennee, dhugeeffanneerra.
Waaqi jaalala; nami jaalalaan jiraatu Waaqaan jiraata, Waaqille isaan jiraata.
17Biyya lafaa tana irratti akkuma Kiristoos le'e waan leeneef guyyaa mura'aa ifi-addii hin qabaanna; akka kanaan jaalaltiin Waaqaa nu keessatti guutanteerti. 18Jaalala keessa sodaan hin jirtu; jaalaltiin guutuun sodaa baattee gatti; sodaan adabama woliin waan wol qabatteertuuf, nami sodaatu jaalaltiin isaa guutu'uu moti. 19Waan Waaqi dursee nu jaalateef nuutille hin jaalanna. 20Eennulle «Ani Waaqa hin jaaladha» jedhaa, obboleessa ifii ammoo yoo jibbe, inni dharaamessa; obboleessa ifii ka ilaan dhaggu ka hin jaalanne, Waaqa ilaan hin dhaggine jaalatuu hin dande'u. 21Nami Waaqa jaalatu, obboleessa ifiille jaalatuu qaba, ajaja jedhu Kiristoos nu'uuf kenneera.

¿Sabías que…?
Probando los espíritus y el amor que viene de Dios
- A los lectores tratados como amados se les dice que no crean a todo espíritu, sino que prueben los espíritus, pues muchos falsos profetas han salido por el mundo. El Espíritu de Dios se reconoce cuando un espíritu confiesa que Jesucristo ha venido en carne; todo espíritu que no confiesa a Jesús no es de Dios y es el espíritu del anticristo, que ya está en el mundo.Fuentes: el propio texto bíblico
- El amor viene de Dios, y Dios es amor, de modo que quien no ama no conoce a Dios. El amor de Dios se reveló al enviar a su Hijo único al mundo como sacrificio expiatorio por los pecados, y a quienes han sido así amados se les dice que deben amarse unos a otros.Fuentes: el propio texto bíblico
- Nadie ha visto jamás a Dios, pero si nos amamos unos a otros, Dios permanece en nosotros y su amor se perfecciona en nosotros. Quien dice “Amo a Dios”, pero odia a su hermano, es mentiroso, pues quien no ama a su hermano, a quien ha visto, no puede amar a Dios, a quien no ha visto, y el mandamiento es que quien ama a Dios también ame a su hermano.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org