Nations Bible

1 Crónicas 7

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Sanyii Yisaakorii

1Ilmaan Yisaakorii afur: Tolaa, Phuwaa, Yaashubii fi Shimroon. 2Ilmaan Tola'aa: Uzii, Refaayaa, Yerii'el, Yaahimaay, Yibsaamii fi Shemu'el; isaan loltoota gootota sooressitoota gosa maatii Tolaa ti. Bara mootummaa Daawitii keessa sanyiin isaanii kuma diddamii lamaa fi dhibba jaa. 3Ilmi Uzii, Yizraahiya'a. Ilmaan Yizraahiya'aa: Mikaa'el, Obaadiyaa, Yo'elii fi Yishiiya'a; isaan shanan kun martinuu sooreyyi'i. 4Isaan niitolee heddu'uu fi ilmaan hedduu waan qabanuuf, akka galmee hidda dhaloota maatii isaaniititti loltoota lolaaf qophowane, kuma soddomii jaa qabaniiyyu.

5Gosa Yisaakorii mara keessaa akka barreeffama hidda dhaloota maatii isaaniititti loltooti jajjabi kuma saddeettamii torba. 6Ilmaan Beniyaaminii sad: Belaa, Bekerii fi Yedii'el. 7Ilmaan Belaa: Ezboon, Uzii, Uzii'el, Yeremootii fi Iiri; isaan shanan kun martinuu sooreyyii maatii abbaa isaanii ti; isaan akka galmee hidda dhaloota isaaniititti loltoota kuma diddamii lamaa fi soddomii afuri.

8Ilmaan Bekerii: Zemiiraa, Yo'aas, Elii'ezer, Elyo'enaayi, Omiri, Yeremoot, Abiiyaa, Anaatotii fi Alaameti; isaan kun martinuu ilmaan Bekerii ti. 9Akka galmee hidda dhaloota isaaniititti sooressitooti maatii abbaa isaanii, loltoota jajjaba kuma diddamaa fi dhibba lama.

10Ilmi Yedii'elii Bilhaan. Ilmaan Bilhaanii: Ye'ush, Beniyaamin, Ehud, Kennaanaa, Zetaan, Tarshiishii fi Ahiishaahar. 11Ilmaan Yedii'elii tun martinuu sooreyyii maatii abbootii ifii ti; sanyii isaanii keessaa loltooti jajjabi lolaaf qophowane kuma kudhanii torbaa fi dhibba lama. 12Worri Shuphiimiitii fi Huphiimii sanyii Iirii ti; worri Hushiimii sanyii Aheerii ti.

Sanyii Niftaalemii

13Ilmaan Niftaalemii: Yaahize'el, Guni, Yezerii fi Shaalum; Niftaalemiin kun ka Bilhaan deette.

Sanyii Minaase'ee

14Ilmaan Minaase'ee: Asrii'elii fi Maakiir ka gursumeettittii biyya Sooriya'aa irraa uumate; Maakiir Giil'aad uumate. 15Maakiir worra Huphiimiitii fi Shuphiimii keessaa niitii fuudhe; maqaan obboleettii isaa Ma'aka'a; ilmaan Maakiirii keessaa tokko Zelofehaad; inni ijoollee durraa qofa uumate.

16Niitiin Maakiirii Ma'akaan ilma isaaf deettee, maqaa isaa «Pheresh» jette; maqaan obboleessa isaa Sheresh. Pheresh Ulaamii fi Raaqem uumate. 17Ulaam Bedaan uumate; isaan kun sanyii Giil'aadii ilma Maakiirii, Maakiirii ilma Minaase'ee ti. 18Obboleettiin Giil'aadii Hamoleket ilmaan sad: Ishood, Abii'ezerii fi Maahilaa deette.

19Ilmaan Shemiida'aa: Ahiiyaan, Sheekem, Liikihii fi Aniiyaam.

Sanyii Efreemii

20Sanyiin Efreemii: Efreem, Shutelaa uumate; Shutelaan, Bered uumate; Bered, Tahaat uumate; Tahaat, El'aadaa uumate; El'aadaan, Tahaat uumate; 21Tahaat Zaabaadii fi Shutelaa uumate. Ezerii fi El'aad horii worra biyya Gaatii hatiisaaf yennaa gad bu'ane worri biyya sanii isaan ijjeese. 22Abbaan isaanii Efreem guyyaa hedduu isaaniif gadde; worri isaa dhufee isa jajjabeesse. 23Achiin duuba Efreem haadha manaa ifii woliin rafee, isiille ulfoottee ilma isaaf deette. Rakkinni maatii isaa waan dhaqqabeef, «Berii'aa» jedhee maqaa isa baase.

24Maqaan intala isaa Sera'a; isiin qachaa Bet-Horoonii ka jalaatii fi ka gubba'aa, qachaa Uzen-Seraalle ijaarsitte. 25Efreem, Refaan uumate; Refaan, Resheef uumate; Resheef, Telaan uumate; Telaan Tahaan uumate; 26Tahaan La'adaan uumate; La'aadaan Amiihud uumate; Amiihud, Eliishaamaa uumate; 27Eliishaamaan, Nun uumate; Nun, Iyaasuu uumate. 28Lafaa fi qachoota sanyiin Efreemii keessa leete: qachaa Bet'eliitii fi olloota adaala isaa; karaa aduun baatuun qachaa Na'araanii; karaa aduun seentuun qachaa Gezeriitii fi olloota adaala isaa; qachaa Sheekemiitii fi olloota adaala isaa; qachaa Ayya'aatii fi olloota adaala isaa ti.

29Karaa meessaa sanyii Minaase'eelle'een qachaa Bet-Shaanii, qachaa Ta'ana'aatii, qachaa Megidootii fi qachaa Doorii olloota adaala isaanii jiranu woliin. Sanyiin Yoseefii ilma Israa'elii qachoota kana keessa le'ane.

Sanyii Asheerii

30Ilmaan Asheerii: Yiimnaa, Yishwii fi Berii'a; obboleettiin isaaniille Sera'a.

31Ilmaan Berii'aa: Heberii fi Malkii'el; Malkii'el Biirzaawiiti uumate.

32Heber ilmaan sad Yaafilet, Shomer, Hotaamii fi obboleettii isaanii Shuwaa uumate.

33Ilmaan Yaafiletii: Phaasaak, Biimhaalii fi Ashiwaati.

34Ilmaan Shomerii: Ahi, Rohigaa, Yehubaa fi Aaram.

35Ilmaan obboleessa isaa Helemii: Zofaa, Yiimnaa, Sheleshii fi Aamaal.

36Ilmaan Zofaa: Suwaa, Harnefer, Shuwaal, Berii, Yiimraa, 37Bezer, Hood, Shamaa, Shiilshaa, Yitraanii fi Be'era'a.

38Ilmaan Yeterii: Yofunee, Fiisphaa fi Era'a.

39Ilmaan Ulaa: Araa, Hanii'elii fi Riiziiya'a.

40Isaan kun martinuu sanyii Asheerii keessaa sooressitoota maati'ii, loltoota jajjaboo filamane, sooressitoota qondaaltota isaanii ti. Worri lolaaf qophowane, akka galmee hidda dhaloota isaaniititti, dhiira kuma diddamii jaa.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Genealogías de las tribus del norte

  • La genealogía de Efraín destaca a una mujer llamada Seera, a quien se atribuye la edificación de Bet-horón la de arriba y la de abajo, así como de Uzén-seera. Estos asentamientos estratégicos se ubicaban a lo largo del paso montañoso que descendía hacia la llanura costera.Fuentes: Beth-horon · Uzzen-sheerah · el propio texto bíblico
  • Una breve narración relata que los hijos de Efraín, Ézer y Elead, fueron asesinados por los habitantes de Gat durante un intento de apoderarse de ganado. Efraín guardó luto por muchos días antes de que sus parientes fueran a consolarlo, y a su siguiente hijo le puso por nombre Bería a causa de la tragedia.Fuentes: Gath · el propio texto bíblico
  • El capítulo rastrea la línea de descendencia de Efraín hasta Josué, hijo de Nun, ubicando al destacado líder de la conquista dentro de su ascendencia tribal junto a figuras como Elisama y Amiud.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Lower Beth-horon · Hoy: Beit Ur al Tahta · 31.895, 35.084 · versículo 24
  • Upper Beth-horon · Hoy: Beit Ur al Fauqa · 31.886, 35.114 · versículo 24
  • Gezer · Hoy: Tel Gezer · 31.859, 34.919 · versículo 28
  • Shechem · Hoy: Tell Balatah · 32.214, 35.282 · versículo 28
  • Megiddo · Hoy: Tel Megiddo · 32.585, 35.184 · versículo 29
  • Taanach · Hoy: Tell Ta’anakh · 32.522, 35.219 · versículo 29

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.