Zechariah 5
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Mudhii Kitaaba Maramaa Gubbaa Irra Ka'uu
1Ani ammalle yennaa ilaalee, kitaaba maramaa tokko gubbaa irra ka'uun dhagge; 2ergamaan Waaqaa, «Ati maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate; anille deebisee, «Kitaaba maramaa dheerinni isaa ciqilee diddama, badhinni isaa ciqilee kudhan te'e tokko gubbaa irra ka'uun dhagga» jedheen. 3Innille, «Kun abaarsa lafa duudii irratti dhufu. Kitaaba maramaa san gama tokko irratti, ‹Nami hatu duudiin lafa irraa hin bada› ka jedhutti jira; gama kaan irralle'etti ‹Nami dharaan kakatu duudiinille hin bada› ka jedhutti jira. 4Mootiin Waan Mara Ka Waan Mara Dade, ‹Ani abaarsa gara mana nama hatuutii fi gara mana nama dharaan kakatuu seenu hin erga; inni mana isaanii keessa turee, mana isaanii mukaa fi dhakaa isaalle hin balleessa› jedha» jedhe.
Mudhii Dubartii Saaxaraa Keessaa
5Achiin duuba ergamaan Waaqaa gara kiyya dhufee, «Ol ilaal! Wonni dhufaaru kun maan inni?» anaan jedhe.
6Anille, «Wonni kun maan?» jedhee gaafadhe.
Inni deebisee, «Kun kollonjoo cubbuu lafa duudii irratti hujantu mudhisu» jedhe.
7Qadaadi saaxara'aa ka irsaasa irraa hujame sun yennaa baname, dubartittiin takka saaxaraa san keessa teetteertuun dhagge.
8Ergamaan Waaqaalle, «Dubartittiin tun hammeenna mudhitti» jedhee, isii saaxaraa san keessa gad dhiibee, qadaaddaa saaxara'aa itti qadaade. 9Achiin duuba ol ilaalee, dubartooti lama koolaan ka'aa gara kiyya dhuttuun dhagge; koolli isaanii akka koola qonga'aa jira; isaan saaxaraa san fuudhanee lafa irraa ka'anee, gubbaa irra koolaan ka'ane.
10Anille ergamaa Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiruun, «Saaxaraa eessa geessaaran?» jedhee gaafadhe.
11Inni deebisee, «Mana saaxaraa saniif ijaariisaaf gara Baabilonii geessaaran; mana ijaaranee fixaneen duuba saaxaraa san achi keyan» anaan jedhe.

Did you know?
Visions of the Flying Scroll and the Basket
- Zechariah sees a massive flying scroll measuring twenty cubits long by ten cubits wide. The interpreting angel explains that it represents a curse going out over the land against thieves and perjurers, remaining inside their houses until even the timbers and stones are destroyed.Sources: the Bible text itself
- The chapter's second vision depicts a woman personifying Wickedness sealed inside a measuring basket under a heavy lead cover. Two women with stork-like wings carry the basket away to Shinar, the biblical region associated with southern Mesopotamia and ancient Babylon, where a house and pedestal are prepared for it.Sources: the Bible text itself · Shinar
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Shinar · Today: Babylonia · 32.543, 44.422 · verse 11
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org