Zechariah 4
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Mudhii Waan Ifi Irra Keyamu
1Ergamaan na woliin dubbataa ture sun deebi'ee dhufee, akka nama hirriibaa nama dammassuu na dammassee, 2«Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate.
Ani deebisee, «Waan issaan irra keyamu ka worqii qofaan hujame, ka qoriin mataa isaa irra jirtu dhagga; issaan sun tokko tokkoon isaatuu uujjummee torba mataa irraa qaba. 3Waan issaan irra keyamu bira, muki ejersaa lama middaa fi bitaa qori'iititti jira» jedhe.
4Anille ergamaa Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiru saniin, «Ee goottaa kiyya, wonni kun maan inni?» jedhee gaafadhe.
5Innille, «Ati wonni kun maan akka te'e hin beettu?» jedhee na gaafate. Anille, «Ani hin beeku, goottaa kiyya» jedheen. 6Jechi Mootii Waan Maraa ka ergamaan Waaqaa akka ani Zarubaabelitti himuuf natti hime kana: «Ayyaana kiyyaan malee hunnaa fi jabeennaanii moti.
7«Ee, gaara gudda'a! Ati maan! Ati Zarubaabel duratti lafa dirree hin teeta; yennaa inni dhakaa ittiin ijaaranee muummessanu lafaa ol fuudhu, namooti ‹Attam dansa'a! Attam dansa'a!› jedhaa gammadaan hin iyyan» ka jedhu.
8Ammalle jechi Waaqaa gara kiyya dhufee, 9«Zarubaabel hundee Galma kanaa harka ifiitiin keyeera; harka ifiitiin ijaarsa kana hin fixa. Yennaa tun teetu Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade akka gara keessan na erge hin beettan.
10«Worri waan diqqoo dhaggane tuffatane, dhakaa tumbi'ii harka Zerubaabeliititti yennaa dhagganu hin gammadan; issaan torba kun ila Mootii Waan Maraa torba ta lafa duudii dhaggitu» jedhe.
11Achiin duuba ani, «Muki ejersaa lamaan ka waan issaan irra keyamu middaa fi bitaa jiru kun maan» jedhee ergamaa Waaqaa gaafadhe. 12Ammalle ani, «Dameen muka ejersaa lamaan, ka uujjummee worqi'ii lamaan cina'aa zayitii ejersaa yaasanu maan?» jedhee gaafadhe.
13Inni anaan, «Ati wonni kun maan akka te'e hin beettu?» jedhe.
Anille, «Ee goottaa kiyya, hin beeku» jedheen.
14Achiin duuba inni, «Isaan lamaan kun Mootii Waan Maraa lafa maratti akka tajaajilanuuf worra muudame» jedhe.

Did you know?
The Lampstand and Zerubbabel
- Zerubbabel led the first group of Jewish exiles returning from Babylon and laid the foundation for the rebuilt temple. In this vision, the prophet is assured that despite major obstacles, Zerubbabel will complete the temple and bring forth its capstone with a plumb line in hand.Sources: Zerubbabel · the Bible text itself
- The vision of the solid gold lampstand supplied with oil from two olive trees illustrates that God's work will be accomplished not by might nor by power, but by his Spirit. The two olive branches are identified as two anointed ones standing beside the Lord of all the earth.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org