Zechariah 13
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Guyyaa san maddi cubbu'uu fi battummaa isaanii qulqulleessu, sanyii Daawitiitii fi worra Yerusaalem keessa le'anuuf hin banama. 2Guyyaa san maqaa waaqota dharaa lafa irraa hin balleessa; nami deebi'ee isaan qaabatu hin jiraatu; raagota dharaatii fi ayyaana battiille lafa irraa hin balleessa. 3Gaafas eennulle yoo raaga dubbate, abbaan isaatii fi haati isaa, ‹Ati maqaa Mootii Waan Maraatiin soba waan dubbatteef, du'uu qadda› jedhaniin. Yennaa inni raaga dubbatu abbaan isaatii fi haati isaa, isa woraanane ijjeesan. 4Guyyaa san raagaan tokko tokkonuu raaga mudhi'iin dhagge saniif hin qaanowa; namootalle sobiisaaf woyaa rifeensa qaddu hin uffatu. 5Inni, ‹Ani qonnaan bula'a malee, raaga'aa moti; ani ijoollumma'aan jalqabee nama lafa qotu› hin jedha. 6Nami tokko, ‹Madaan nafa keeti irraa tun maan?› jedhee yoo isa gaafate, inni deebise, ‹Mana jaala kiyyaatitti madowe› hin jedhan» jedha.
Tisseen Dhowame, Hooleen Bittinnootte
7Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ee, shallaaga'a!
«Tissee kiyya irratti, jaala ani addadhu irratti ka'i!
Hooleen akka bittinnoottuuf, tissee dhowi!
Ani harka kiyya, buruusoo irralle'etti hin deebifadha.
8Lafa duudii keessaa, kolbaa harka sad keessaa,
harki lama dhowamee hin bada;
teetuu malee harka sad keessaa,
harki tokko hin hafa.
9Worra hafe harka sad san, ibidda keessa buusa;
akkuma meetiin ibiddaan qulleeffantu,
isaan hin qulleessa;
akkuma worqiin ibiddaan haga ilaallantu,
isaan haga hin ilaala.
Isaan maqaa kiyya hin waaman
anille isaaniif hin dhage'a.
Ani, ‹Kolbaa tiyya› isaaniin hin jedha;
isaanille, ‹Mootiin Waan Maraa
Waaqa keenna› hin jedhan» jedha.

Did you know?
Cleansing the Land and Refining the Remnant
- Zechariah foretells an opened fountain to cleanse the house of David and the inhabitants of Jerusalem from sin and impurity, alongside the complete removal of idols and deceptive spirits from the land.Sources: the Bible text itself · David · Jerusalem
- The passage describes false prophets becoming so disgraced that they will discard their traditional hairy mantles and claim to be ordinary field laborers to avoid being recognized.Sources: the Bible text itself
- The chapter depicts a shepherd being struck with a sword and the flock scattering, after which a remaining third of the people is refined through trial like silver and gold.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 1
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org