Nations Bible

Ruth 3

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Ruuti Abbaa Manaa Dhaggatte

1Naa'oomiin haati sodda'aa ta isi'ii, «Intala tiyya, ati mana qabaattu sii dansa'aa, ani bultii sii barbaada. 2Bo'aziin ati dubartoota hojjattoota isaa woliin hujju, fira aanti'ii keenna; kunoo inni galgala adhaa garbuu eeddumme'etti hin qulleeffata. 3Amma nafa dhiqadhuu, dibadhuu, woyaa adduu teeti uffadhuu gara eeddumme'ee gad dhaqi; ammoo haga inni nyaataa fi unii fixatutti itti hin mudhatin. 4Yennaa inni irkate, addee inni irkate hubadhu; achiin duuba, dhaqiitii miila isaa irraa woyaa saaqiitii miila isaa jalaan irkadhu; innille waan ati gootu sitti hin hima» isi'iin jette.

5Ruuti deebittee, «Waan maraayyuu akkuma ati jette hin godha» jetteen.

6Maarre Ruuti gara eeddumme'ee gad dhaxxee akkuma haati sodda'aa isi'ii jetteen goote. 7Bo'az nyaatee uneen duuba, gammadaan, tuulaa garbu'uu bira irkatiisaaf dhaqe. Achiin duuba Ruuti suutaan dhuttee, miila isaa irraa woyaa saaxxee, jalaan irkatte. 8Halkan wodhakkaa Bo'az dedhuma dammaqee, garagalee, dubartiin takka, miila isaa jalaan irkatteertuun dhaggee baaseffate, 9«Ati eennu?» jedhee gaafate.

Isiille deebittee, «Ani tajaajiltuu teeti Ruuti, goottaa kiyya; ati fira aanti'ii waan teeteef, ati eegunsa naa godhiisaaf itti gaafatamummaa qadda. Tanaaf na dhaali» jetteen.

10Inni, «Intala tiyya, Mootiin Waan Maraa si eebbisu; addatamummaan teetii ta ammaa tun ta dur haadha sodda'aa teetiif goote caalti; hiyyeessalle te'ee yookiin dureessa, ati dargaggeeyyii gula hin deenne. 11Ammalle, intala tiyya, hin sodaatin; akka ati dubartii dansa'aa kolbaan tiyya duudiin waan beettuuf, waan ati na gaafatu mara siif hin godha. 12Fira aanti'ii te'uun kiyya dhuguma; te'uu malee na caalaa fira aanticha ka te'e nama dhibi'itti jira. 13Edana as buli; barii, inni yoo si dhaale dansa'a; dhaaluu ti. Inni si dhaaluu ka hin feene yoo te'e, Mootii Waan Maraa jiraata'aan kakadha, ani si dhaala; haga bariitutti irkadhu!» jedheen.

14Maarre isiin haga bariitutti miila isaa jala irkatte; ammoo gara eeddumme'ee akka isiin dhutte eennulle akka beeku, Bo'az waan hin barbaadiniif, Ruuti barii caararra'aan kaate. 15Achiin duuba inni Ruutiin, «Qophisoo uffatteertu as fidii afi» jedhe; isiille atte, innille garbuu gara kiiloo diddamaa itti ba'achiise; achiin duuba isiin gara qacha'aa deebite.

16Ruuti gara haadha soddaa ifii Naa'oomii yennaa deebite, Naa'oom, «Intala tiyya, dubbiin attam sii teete?» jettee gaafatte.

Achiin duuba Ruuti waan Bo'az godheef mara itti odeessitee, 17«Inni, ‹Harka duwwaa gara haadha sodda'aa teeti hin deebi'in› naan jedhee, garbuu gara kiiloo diddamaa kana naa kenne» jette.

18Naa'oom deebittee, «Intala tiyya, namichi adha dubbii hobbaasu malee waan hin foorfanneef, haga deebii dubbii tanaa dhaggitutti eegadhu» jette.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Ruth at the Threshing Floor

  • Winnowing barley often took place during the evening when cooling breezes helped separate the grain from the chaff. Landowners like Boaz stayed overnight at the threshing floor to sleep beside their heaps of harvest and protect the grain.Sources: the Bible text itself
  • Ruth asked Boaz to spread the corner of his garment over her, an action signifying marriage and protection under the custom of the family redeemer. Boaz praised her loyalty and character, noting her dedication to Naomi rather than pursuing younger suitors.Sources: the Bible text itself · Boaz
  • Although Boaz was a wealthy relative of Naomi and her late son Mahlon, he noted that another family member had a closer kinship and therefore held the first legal right to redeem the family property and marry Ruth.Sources: the Bible text itself · Boaz · Ruth

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.