Nations Bible

Ruth 2

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Ruuti Fichaa Bo'azii Keessaa Woxoo Qocatte

1Naa'oom namicha dureessa beekkamaa, worra Eliimelekii ka te'e, Bo'az ka jedhamu, fira dhirsa isi'ii ka te'e tokko qaddiiyyu. 2Gaafa tokko intalti gosa Mo'aabii Ruuti, Naa'oomiin, «Me gara fichaa nama fuula isaa duratti fudhatama dhaggadhuu dhaqee duubaan woxoo qocadha» jette; Naa'oomille, «Intala tiyya, deemi» jetteen.

3Maarre isiin dhaxxee, fichaa keessa worra midhaan haamu duubaan woxoo qocatte. Ada fichaan isiin woxoo qocattuun sunuu, fichaa Bo'azii worra Eliimelekiitiiyyu.

4Yoosuma Bo'az Beeteelem irraa dhufee, worra midhaan haamuun, «Mootiin Waan Maraa isin woliin jiraatu» jedhee nageya fuudhe. Isaan deebisanee, «Mootiin Waan Maraa si eebbisu» jedhane.

5Achiin duuba Bo'az, «Intalti dargaggeettiin tun ta eennuuti?» jedhee itti gaafatamaa worra midhaan haamuu gaafate.

6Tajaajilichi itti gaafatamaan worra midhaan haamuu sun deebisee, «Isiin intala Naa'oom woliin biyya Mo'aabii irraa dhutte. 7Isiin, anaan ‹Maganne'ee, worra midhaan haamu duubaan odduu ladde'eetii woxoo qocadha› jette. Ganamaa jalqaddee haga ammaa woxoo qocataa turtee, amma gaaddisa jalatti diqqoo foora fudhatiisatti jirti» jedhe.

8Achiin duuba Bo'az Ruutiin, «Intala tiyya, na dhage'i; dubartoota hojjattoota as jirtu gula woxoo qocadhu malee, fichaa kana lakkittee, fichaa dhibii keessaa woxoo qocatiisaaf hin dhaqin. 9Fichaa isaan haamanu ilaan qabii, isaan faana deemi. Dargaggeeyyiin dhiiraa akka si hin nunnussine ani ajajeera. Yennaa dheebotte, okkotee isaanii keessaa dhaqii uni» jedheen.

10Achiin duuba Ruuti fuulaan lafatti gad jiddee, «Ani orma tokko yennaa te'u, ati akka naa yaadattu, fuula keeti duratti maaf fudhatama dhaggadhe?» isaan jette.

11Bo'az ammoo deebisee, «Haga abbaan manaa keeti du'ee wonni ati haadha sodda'aa teetii goote marti, abba'aa fi haadha teeti, lafa itti dhalattelle lakkittee gara kolbaa duraan hin beennee attam akka dhutte, guutumatti martinuu natti himameera. 12Hujii teetiif Mootiin Waan Maraa sii kaffalu. Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ka bobaa isaatitti dheette kaffaltii guutuu sii kaffalu» jedhe.

13Achiin duuba Ruuti, «Ani tajaajiltoota teeti keessaa takkaa te'uu dhabulle, waan na jajjabeessitee ana tajaajiltuu teetitti gadhi laafinnaan dubbatteef, goottaa kiyya, fuula keeti duratti ani fudhatama hin dhabin» jette.

14Yennaa sagalee nyaataatitti Bo'az, isi'iin, «As koy, daabboo tana itto'otti cuuphadhuu nyaadhu» jedheen; maarre isiin worra midhaan haamu bira teette; Bo'azille akum'ee garbuu sanii isii dura qabe. Isiin haga quuttutti nyaattee, hambaalle hatteef. 15Yennaa isiin woxoo qocatiisaaf kaate, Bo'az hojjatoota ifiitiin, «Odduu ladde'eelle'ee woxoo qocattuutii, isii hin xixina'a. 16Laddee keessalle'ee luqqisaa, akka isiin woxoo qocattu lakkisa'aaf, isii hin xixina'a» jedhe.

17Maarre Ruuti haga galgalaatitti fichaa keessaa woxoo qocatte. Achiin duuba woxoo qocatte san sukkuumattee garbuu gara kiiloo kudhanii te'e. 18Ruuti garbuu san fudhattee gara qacha'aa dhuttee, woxoo hagam geettu akka qocatte haadha sodda'aa ta ifiititti mudhitte. Achiin duuba Ruuti nyaattee quutteertuun hambaa irraa hatte fuutee haadha sodda'aa ifiitiif kennite. 19Haati sodda'aa ta isi'ii, «Ati adha eessaa woxoo qocatte? Eessa hujatte? Nama siif yaade san Waaqi eebbisuu ti» jetteen. Maarre Ruuti, «Maqaan namicha ani adha fichaa isaa keessa hujadhee Bo'az» jettee haadha sodda'aa ta ifiititti hinte.

20Achiin duuba Naa'oom niitii ilma ifiitiin, «Mootiin Waan Maraa ka worra jiruu fi worra du'elle'eef arjummaa ifii hin lakkinne, isa eebbisu» jette. Ammalle Naa'oom, Ruutiin, «Namichi sun fira aanti'ii keenna; inni nama nu dhaalu» jette.

21Achiin duuba Ruuti, «Inni ‹Haga midhaan kiyya mara haamamee fixamutti, hojjatoota tiyya biraa hin fagaatin› naan jedheera» jetteen.

22Naa'oom, Ruutii niitii ilma ifiitiin, «Intala tiyya, dubartoota hojjattoota isaa woliin hujachuu sii woyya; fichaa nama dhibi'ii yoo dhaxxe si rakkisan fa te'a» jette. 23Maarre Ruuti haadha sodda'aa ifii woliin le'aa, dubartoota Bo'azii hojjatanu irraa adoo hin fagaatin, haga qamadi'ii fi garbuun haamamanee fixamanutti woxoo qocatte.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Ruth Gleaning in the Fields of Boaz

  • Bethlehem was situated in the hill country of Judah, and the fertile valleys to its east served as the agricultural fields where Ruth gathered leftover barley behind the harvesters.Sources: Bethlehem · Ruth · the Bible text itself
  • Boaz was a wealthy landowner in Bethlehem from the clan of Naomi's deceased husband, Elimelech, which made him a close relative and kinsman-redeemer.Sources: Boaz · Elimelech · the Bible text itself
  • Although Ruth was a foreigner from Moab, Boaz offered her special hospitality and protection, sharing roasted grain and water while commanding his workers not to mistreat her because of her devotion to Naomi.Sources: Ruth · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Bethlehem · 31.704, 35.208 · verses 1, 4
  • Moab · Today: Moab 1 · 31.181, 35.701 · verse 6

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.