Psalms 76
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Injifatiisa Waaqaa
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta meya ribu'uutiin faarfatante.
1Waaqi biyya Yihuda'aatitti beekkama'a;
Israa'el keessatti maqaan isaa gudda'a.
2Dunkaaniin isaa Yerusaalem keessa;
addeen woyyittiin isaa gaara Xiyoonii irra.
3Inni achitti daaya balaqqisaa deentu,
wontee, shallaaga'aa fi
meya woraanaa mara caccasse.
4Ee Waaqa ati attam attam ulfaata'a!
Arnyi keeti gaarota gugurdaa caala.
5Worri jannooti saamamanee,
akka malee rafaneeran;
isaan keessaa tokkolle,
harka ifiitiin womaa hujuu hin dandeenne.
6Ee Waaqa Yaaqoobii,
xixicha keetiin
abbaan fardaatii fi fardi isaalle jigane.
7Ati ammoo sodaatama'a;
yennaa aariin teeti kaate,
eentu si dura dhaabbatuu dande'a?
8Ati ol-gubbaa irraa muraa teeti lassite;
biyyi lafaalle sodaattee cadhitte.
9Ee Waaqa,
worra biyya lafaa irratti cunqurfame wodiisaaf,
yennaa ati muraa kenniisaaf kaate,
biyyi lafaa cadhitte.
10Mufiin teeti waan hantuu waan mormituuf,
kolbaan si leellifatti;
worri mufii teeti irraa hafe
waan hantuu hujiisa hin lakkisa.
11Waaqa Mootii Waan Maraa keessaniif
waadaa gala'a;
waan waadaa galtane san muummessa'a.
Worri lafa adaala isaa jiru marti
ka sodaatamu'uu maleef kennansa fidanuu ti.
12Inni qondaaltota kooranu gad qaba;
mootota lafa irraalle akka malee sodaachisa.
Did you know?
God's Victory and Dwelling in Zion
- Psalm 76 is part of a collection of psalms (Psalms 50 and 73–83) attributed to Asaph, a Levite musician and seer who led choral worship during the reign of King David.Sources: Asaph (Levite) · the Bible text itself
- The psalm pairs the names Salem and Zion as the dwelling place of God. Salem is an ancient name commonly understood to refer to Jerusalem, while Zion was the elevated hill where David established his citadel.Sources: Salem · Zion · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Salem · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 2
- Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 2
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org