Psalms 75
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Waaqi Abbaa Mura'aa Ti
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti faarfatante.
1Ee Waaqa, nuuti si galateeffanna;
maqaan keeti dhikoo waan jiruuf,
nuuti si galateeffanna;
kolbaan hujii teeti ta maade'ee hin odeessiti.
2Waaqa ati, «Ani yennaa muraa kennu murteesseera;
ani yennaa sanitti muraa sirri'ii hin kenna.
3Yennaa lafaa fi wonni isii irraa marti tachootu,
utubaa isi'ii ka jabeessu ana.
4Ani worra kooruun, ‹Haganaa achi hin koorina'a!›
Worra hamoole'een, ‹Gaafa hin baasina'a!
5Gaafa keessan gara ol-gubba'aa
ol hin togina'a!
Morma yaafattanee
hin dubbatina'a!› jedhaan» jetta.
6Ulfinni baya adu'uu irraa,
yookiin seensa adu'uu irraa,
yookiin goomolee keessaa hin dhufu.
7Muraa ka kennu ammoo Waaqa;
inni tokko gadi qabee,
kaan ol hin qaba.
8Mootiin Waan Maraa
muduunuu daadhii woyni'ii ta mufi'ii
hoomachoottuu harkaa qaba;
inni gad isii cossa;
worri hamaaleyyiin lafaa marti,
cingifatanee unan.
9Ani ammoo haga bara baraa tana hin lallaba;
Waaqa Yaaqoobii faaru'uun hin leellisa.
10Inni hunna worra hamoole'ee hin cassa;
hunni worra balchoole'ee ammoo hin ede'anti.
Did you know?
God the Righteous Judge
- Psalm 75 belongs to a collection of psalms (Psalms 50 and 73–83) attributed to Asaph, a Levite and master musician who served as one of King David's choir leaders and was also described as a seer.Sources: Asaph (Levite) · the Bible text itself
- The psalm employs vivid imagery to depict divine sovereignty and justice: raising a horn represents arrogant power, while a cup filled with foaming, spiced wine drained to the dregs symbolizes full judgment poured out upon the wicked.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org