Psalms 57
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Daadimata Qarqaarsa Waaqaa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii, ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti, yennaa inni Saa'ol duraa baqatee goda keessa jiru faarfatante.
1Lubbuun tiyya waan sitti baqattuuf,
na marari, ee Waaqa, na marari.
Haga rakkoon dabartutti
ani koola keeti jalatti baqadha.
2Ani gara Waaqa Ol-Aana'aa,
gara Waaqa waan naaf barbaachisu
mara naa muummessuu hin iyya.
3Inni ol-gubbaa irraa ergee na baasa;
inni worra na irra sirbu hin salphisa.
Waaqi jaalala ifii ka bara baraatii fi
addatamummaa ifii hin erga.
4Ani worra akka neenqa nama nyaatiisaaf
ila babaasuu odduu irkadhe.
Ilkaan isaanii akka ebo'ootii fi daayaa ti;
arrabi isaanii akka shallaagaa qaramee ti.
5Ee Waaqa, ol-gubba'aan gubba'atti saadami;
ulfinni keeti lafa duudii irratti te'uu ti.
6Diinoti kiyya miila kiyyaaf fonxoroo afane;
lubbuun tiyya gaddaan gad jette.
Isaan karaa kiyya keessatti boolla qotane;
ammoo ifumaaf keessa bu'ane.
7Ee Waaqa, gadhaan kiyya hin mamu!
Gadhaan kiyya hin mamu.
Ani hin faarfadha;
meya faaru'uu ka adda addaatiin hin faarfadha.
8Lubbuu tiyya dammaqi;
ee kiraaraa guddicha,
ee maseenqo'o dammaqa'a;
anille boruu hin dayyaasa.
9Ee Gootta'a,
ani gosa biyya adda addaa oddu'utti
si galateeffadha.
Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti
faaru'uun si leellisa.
10Jaalalli keeti ka bara baraa guddaa waan te'eef,
akka ol-gubba'aa ol fagaata;
addatamummaan teeti duumensa dhaqqaddi.
11Ee Waaqa, ol-gubba'aan gubba'atti saadami;
ulfinni keeti lafa duudii irratti te'uu ti.
Did you know?
Refuge and Praise in the Cave
- The superscription links this prayer to David seeking refuge in a cave while fleeing from King Saul, directing it to the choirmaster to the tune of "Do Not Destroy" as a "Miktam."Sources: the Bible text itself
- The psalm contrasts the protective shelter of God's wings with the danger of human predators, describing hostile pursuers as ravenous lions who prepare nets and pits only to fall into their own traps.Sources: the Bible text itself
- The repeated refrain "Be exalted, O God, above the heavens; may Your glory cover all the earth" marks the turning point where the speaker resolves to awaken the dawn with harp, lyre, and songs of praise.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org