Nations Bible

Psalms 56

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Daadimata Waaqatti Addatiisaa

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii, ta akka yoyyoma faaruu, «Saphaliisa qilxaa fagoo jiru irraa» jedhantee beekkantutti, yennaa worri Filisxeemotaa qachaa Gaatii keessatti isa qabane faarfatante.

1Kolbaan waan na ariituuf,

Ee Waaqa, naaf marari;

diinoti kiyya guyyaa mara na miidhan.

2Diinoti kiyya guyyaa guutuu na ari'an;

worri kooru ka na lolu baca'a.

3Ani yennaa sodaadhu,

si'itti addadha.

4Marroo jecha isaatiif, isa leellifadha;

ani Waaqatti addadha; hin sodaadhu;

nami foonii maan na godhuu dande'a?

5Guyyaa guutuu dubbii tiyya micciiran;

isaan yennaa mara na miidhiisaaf,

mala natti dhowan.

6Isaan wolitti qabamanee, riphan;

jiruu tiyya balleessiisaaf,

tarkaaffii tiyya eegan.

7Isaan yakkaa hujanee hin miliqin.

Ati aarii teetiin

gosa biyya adda addaa san salphisi.

8Ati daaqiisa kiyya laakkotteerta;

imimmaan tiyya qodaa keetitti kuucheerta;

wonni kun dhugumaan

kitaaba keessatti barreeffamaneeranii motii?

9Yennaa ani gara keeti daadimadhu,

diinoti kiyya gara duubaa hin deebi'an;

Waaqi cinaa tiyya akka jiru saniin beeka.

10Waaqa jecha isaa leellifadhuun,

Mootii Waan Maraa jecha isaa leellifadhuun,

11Waaqa itti addadhuun, ani hin sodaadhu;

nami foonii maan na godhuu dande'a ree?

12Ee Waaqa,

waadaa sii galeeru muummessu'uu male;

kennansa galataa sii dhikeessa.

13Ati lubbuu tiyya du'a irraa,

miila kiyyalle jigiisa irraa hamburteerta.

Tanaaf, ee Waaqa, ani fuula keeti dura

ifa jiru'uu keessa ideema.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Trusting God in Enemy Territory

  • The superscription links this psalm to David when the Philistines seized him in Gath. Gath was one of the five royal cities of the Philistines and the hometown of Goliath, making David's flight there from King Saul particularly dangerous.Sources: the Bible text itself · Gath
  • The psalmist uses vivid personal metaphors, asking God to collect his tears in a bottle and record his wanderings in a book, portraying divine awareness and care in times of distress.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.