Nations Bible

Psalms 49

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Gowwummaa Durumma'atti Addatiisaa

Faaruu ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif.

1Kolbaan marti tana dhage'a'a!

Worri biyya lafaa tana keessa leetanu marti caqasa'a!

2Gudda'aa fi diqqa'aan,

dureessaa fi hiyyeessi caqasa'a.

3Afaan kiyya jechoota qarumma'aa dubbata;

yaad gadhaa kiyyaa hubantii kenna.

4Ani gurra kiyya gara fakkeennaa deebifadha;

hiibboo tiyya

kiraaraan hiika.

5Guyyaa wonni hantuun natti dhuttuu fi

hamaaleyyiin sobaaleyyiin na marsanu

ani maaf sodaadha?

6Worra qabeenna ifiititti addatuu fi

durummaa ifii guddo'oon kooru,

ani maaf sodaadha?

7Dhugumaan, nami nama wodu,

yookiin gatii wodo'oo san

Waaqaaf kennuu dande'u hin jiru.

8Gatiin lubbuu namaa akka malee guddo'o;

wonni silaa kaffaluu dande'anuuyyuu

ijjumaa hin geettu.

9Akka du'ee hin shanne,

haga bara baraa akka le'u godhiisaaf

ijjumaa hin geettu.

10Qarooleen akka du'anu nami marti hin dhagga;

gowwoole'ee fi daalleelle hin badan;

qabeenna ifiille worra dhibi'iif lakkisan.

11Lafa maqaa isaaniitiin waammantu yoo qabaatanelle,

irreensi isaanii haga bara baraa mana isaanii hin te'a;

dhalootaa haga dhalootaatitti addee leetoo isaanii hin te'a.

12Durummaan du'a irraa nama hin hamburtu;

nami akkuma hori'ii hin du'a.

13Hireen worra gowwumma'aan ifitti addatuutii fi

hordofattoota isaanii,

ka waan isaan jedhanu fudhatuu tana.

14Isaan kun akkuma hoole'ee hin du'an;

duuti isaan hin tissiti.

Worri qajeelaan ganamaan

irreensa isaanii irra hin ideema;

isaan mana ifii dansaa irraa fagaatanee,

addee worri du'e jiru keessatti hin shaman.

15Waaqi gara ifii waan na fudhatuuf,

dhugumaan inni lubbuu tiyya

hunna addee worri du'e jiruu jalaa hin woda.

16Nami yennaa dureessa te'e,

qabeenni mana isaa yennaa dabalame,

hin sodaatin.

17Inni yennaa du'u womaa hin fudhatu;

karri isaa isa woliin hin awwaalamu.

18Nami bara jiruu ifii mara gammadee,

wonni marti isaaf teetee leellifamulle,

19du'ee gara abbootii ifii ta durii,

ta deebitee ifa hin dhagginee hin deema.

20Nami karra qabaatee hubantii dhabe,

akkuma hori'ii hin du'a.

Did you know?

The Limits of Wealth and Wisdom

  • Unlike many psalms directed to God in prayer or praise, Psalm 49 opens as an address of universal wisdom to all people, rich and poor alike, setting a riddle and proverb to the music of the harp.Sources: the Bible text itself
  • The psalm meditates on the limits of material wealth, explaining that no amount of riches can pay a ransom to God to prevent death or bodily decay.Sources: the Bible text itself
  • The heading attributes this composition to the sons of Korah, descendants of the Levite who had challenged Moses during the wilderness wandering, who served in Israel's musical tradition.Sources: the Bible text itself · Korah (Levite)

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.