Psalms 46
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Waaqi Nu Woliin Jira
Faaruu ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif, ta qoonqoo durraatiin faarfatane.
1Waaqi addee itti baqannu;
inni hunna teenna;
yennaa rakko'oo inni guddoo nu qarqaara.
2Tanaaf latti yoo tachoote,
gaarri gara qilee abbaaya'aa yoo bu'e,
3bisaan yoo shookkisee hoomachowe,
raafamiisa isaatiin
gaaroti yoo hollatanelle nuuti hin sodaannu.
4Lagi maddi isaa qachaa Waaqaa,
addee woyyittii Waaqi Ol Aanaan le'u
gammachiisu tokko jira.
5Waaqi qachaa san keessa waan jiruuf,
qachaan sun hin tacho'u;
Waaqi barii ganama qachaa san hin qarqaara.
6Gosi biyya adda addaa hogitte,
mootummootille jidde;
Waaqi qoonqoo ifii dhageessise,
lattille baxxe.
7Mootiin Waan Maraa
Waaqi Waan Mara Dade nu woliin jira;
Waaqi Yaaqoobii addee nuuti itti baqannu.
8Kowa'aatii, hujii Mootii Waan Maraa,
badii inni lafa irratti fide ilaala'a.
9Inni lola biyya lafaa irraa hin dhaabbachiisa;
guube'ee fi eboo hin caccassa;
wonteelle ibiddaan hin guba.
10Inni, «Cadhisa'aa, ani Waaqa akka te'e beeka'a;
ani gosa biyya adda addaa oddu'utti,
biyya lafaa irralle'etti hin saadama» jedha.
11Mootiin Waan Maraa
Waaqi Waan Mara Dade nu woliin jira;
Waaqi Yaaqoobii addee nuuti itti baqannu.
Did you know?
God Our Refuge and Fortress
- The superscription identifies this song as belonging to the sons of Korah and directs it to the choirmaster according to Alamoth.Sources: the Bible text itself
- The poem contrasts chaotic upheavals—such as mountains collapsing into roaring seas and kingdoms crumbling—with the peace of a river whose streams bring joy to the city of God.Sources: the Bible text itself
- A central theme of the psalm is the cessation of conflict, depicting God ending warfare across the earth by shattering bows, breaking spears, and burning shields.Sources: the Bible text itself · Jacob (Israel)
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org