Psalms 45
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Faaruu Fuudha Mootichaa
Wolaloo ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif, faaruu ta akka yoyyoma faaruu, «Daraaraa» jedhantee beekkantutti faarfatante.
1Dubbiin dansaan gadhaa kiyya guuttee dhangalaati;
wolaloo tiyya mootichaaf hin dhageessisa;
arrabi kiyya akka feenii nama woy barreessiisaan beekkamee ti.
2Ati ilmaan namaa mara caalaa miidhaga'a;
dubbiin teeti arnya qaddi;
tanaaf Waaqi haga bara baraa si eebbiseera.
3Ee mooticha janna,
ka ulfinnaa fi arnya qaddu,
shallaagaa keeti hidhadhu.
4Marroo dhuga'aa, marroo gadhi-laafumma'aa fi
balchumma'aatiif,
arnya keetiin injifatiisaaf ka'i;
harki keeti middichi
injifachaa gugurdoo dhaggisiisuu ti.
5Daayi keetii ka qarame,
gadhaa diina keetii hin woraana;
gosi biyya adda addaa miila keeti jalatti hin jigan.
6Ee Waaqa barcumaan mootumma'aa keeti,
ka bara baraa ti;
uleen bokku'uu teetille ulee bokku'uu ta haqaa ti.
7Ati balchummaa jaalattee,
hammeenna jibbite;
tanaaf Waaqi, Waaqi keeti zayitii gammadaa si muudee,
hari'aa teeti akka caaltu si godhe.
8Woyaan fiqiree qumbii, hargiisaa fi
dakkara irraa hujanteen fiqqitti.
Mana mootumma'aa ka ilka arbaatiin seefame keessaa
qoonqoon kiraara guddichaatii fi
maseenqo'oo si gammachiitti.
9Dubartoota mana mootumma'aa keessa jiranu odduu,
ijoolleen durraa ta moototaa jiran;
giittittiin worqii biyya Ofiirii naqattelle
gara harka keeti middaatiin dhaabbatti.
10Ee intala dhage'i!
Waan ani jedhu caqasi;
kolbaa teetii fi mana abbaa keetii dedhi.
11Mootichi miidhaginna keetiif si halcha;
inni goottaa keeti waan te'eef, isa ulfeessi.
12Kolbaan Xiiroosii kennansa sii fidan;
worri dureeyyiin si'itti dhikaatiisaaf barbaadan.
13Intalti mootichi fuudhaaru
woyaa worqi'iin kuulante uffattee,
kolloo ifii keessa jirti.
14Woyaa kuula hedduu qaddu san uffattee,
gara mootichaa geeffanti;
durri bookarsitooti isi'ii
isii gula gara mootichaa hin dhaqan.
15Isaan ililleetti'ii fi gammadaan
isii gula mana mootichaa hin seenan.
16Ilmaan teeti addee abbootii teetii hin bu'an;
ati lafa duudii akka bulchanu hin goota.
17Ani dhaloota mara keessatti
gurra keeti hin mudhisa;
tanaaf gosi biyya adda addaa
bara baraa haga bara baraa si leellitti.

Did you know?
A Royal Wedding Song
- Psalm 45 is introduced as a love song and a Maskil of the sons of Korah, depicting a royal wedding accompanied by harps, ivory palaces, and garments perfumed with myrrh, aloes, and cassia.Sources: the Bible text itself
- The queen is described wearing gold from Ophir, a region famous in antiquity for its fine gold, though ancient translators and scholars have placed its location variously in Arabia, India, or the Malay Peninsula.Sources: the Bible text itself · Ophir
- The psalm notes that the Daughter of Tyre brings gifts to the king, reflecting Tyre's role as a powerful Phoenician maritime center whose merchants carried commerce across the Mediterranean.Sources: the Bible text itself · Tyre
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Tyre · 33.271, 35.196 · verse 12
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org