Psalms 39
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Jiruu Namaa Gabaadduu
Faaruu Daawitii, Sooressa faarfattootaa Yedutu'uuf.
1Ani, «Arraba kiyyaan cubbuu akka hin dubbanne
lafa dhaqu maratti ifi hin eegadha;
haga nami hamaan na bira jiru,
ani womaa hin dubbadhu» jedheera.
2Jecha tokkolle hin dubbatinuu cadhise;
marroo waan dansa'aalle hin dubbanne;
rakkinni kiyya ammoo guddataatuma ideeme.
3Gadhaan kiyya na gubatee,
yaada kiyya keessatti ibiddi gabbate;
achiin duuba ani arraba kiyyaan dubbadhee,
4«Mootii Waan Maraa kiyya, dhuma jiruu tiyyaa,
barri jiruu tiyyaa hagam akka te'e natti himi;
ani jiruun tiyya
attam ariifattee dabariisatti akka jirtu beekuu ti!» jedhe.
5Ati bara jiruu tiyyaa taakkuu takkaa goote;
barri jiruu tiyyaa
si duratti woyitti hin laakkowamu.
Dhugumaan jiruu nama maraatuu
akka baafata hafuuraa tokkochaa ti.
6Dhugumaan nami akka gaaddisaa ti.
Inni akkanumaan elowa;
karra tuulata; ammoo ka isii fudhatu hin beeku.
7Goottaa kiyya, amma ani maan eegadha ree?
Addiin tiyya si'i.
8Cubbuu tiyya mara jalaa na baasi;
worri gowwooleen akka natti murganu hin godhin.
9Akka akkana rakkadhu ka godhe si waan teeteef,
ani hin cadhisa; afaan kiyya hin saaqadhu.
10Dhowicha harka keetiitiin dadhabeera;
dhowicha keeti na irraa kaasi.
11Ati sababa yakkaa isaatiif,
nama xixxee hin adadda;
akka waan qu'een nyaattee
karra isaa hin balleessita.
Dhugumaan nami akka baafata hafuura tokkochaa ti.
12Ee Mootiin Waan Maraa,
daadimata kiyya naa dhage'i;
iyya tiyyalle caqasi;
imimmaan tiyyatti hin cadhisin.
Ani si duratti alaga'a;
akkuma abbootii tiyya ta durii keessumma'a.
13Gara hin deebinetti, gara du'aa adoo hin deemin,
gammada diqqaa akka dhaggadhu,
nyaara guurtee na hin ilaalin.

Did you know?
The Frailty and Fleeting Nature of Human Life
- The superscription dedicates this composition to the choirmaster and to Jeduthun, attributing the prayer to David.Sources: the Bible text itself · David
- The psalm illustrates the brevity of human existence by describing human life as merely a handbreadth—an ancient unit of measurement based on the width of the palm—and as a passing breath or shadow.Sources: the Bible text itself
- The speaker identifies as a foreigner and a temporary guest dwelling with God, reflecting an attitude of complete dependence on divine mercy and hospitality.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org