Nations Bible

Psalms 38

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Daadimata Yennaa Rakkinnaa

Faaruu Daawitii ta akka Waaqi isa qaabatuuf faarfatante.

1Ee Mootii Waan Maraa, aari'iin na hin xixin;

mufi'iin na hin adabin.

2Daayi keeti na woraaneera;

harki keeti gad na qabe.

3Sababa mufii teetiitiif, nafi kiyya dhibameera;

sababa cubbu'uutiif, lafeen tiyya fayyaa hin qaddu.

4Yakkaan tiyya mataa kiyya irra dabarteerti;

isiin akka ba'a'aa guddoo natti ulfaatteerti.

5Sababa gowwummaa tiyyaatiif,

madaan tiyya shantee ajootti.

6Ani gad jedhee, guddoo gugguufe;

guyyaa guutuu bowaa daaqe.

7Hidhi kiyya waan na o'eef,

nafi kiyya fayyaa hin qabu.

8Ani dadhabee, ijjumaa bututeera;

gadhaan waan na raafameef aada.

9Ee Goottaa kiyya, ati halchaa tiyya mara beetta;

aadiisi kiyya si duraa dhokatee hin jiru.

10Onneen tiyya na dhowatti; hunni tiyya na laatteerti;

ilti tiyyalle dhagguu dhaddeerti.

11Jaaloti tiyyaa fi lansooti kiyya

sababa madaa tiyyaatiif na irraa baqatane;

firri kiyyaayyuu na irraa fagaatane.

12Worri na ijjeesiisaaf barbaadu tiyyoo natti afan;

worri na miidhiisaaf barbaadu

na balleessiisaaf mari'atan;

isaan guyyaa guutuu mala natti dhowan.

13Ani ammoo akka nama gurra duudee, hin dhage'u;

akka nama afaan duudee, hin dubbadhu.

14Dhugumaan, ani akka nama hin dhageennee,

akka nama deebii deebisuu hin dandeennee ti.

15Ee Mootii Waan Maraa,

ani ammoo addi'iin si eegadha;

Ee Goottaa Waaqa kiyya,

atille deebii naaf hin kennita.

16Ani, «Worri yennaa miilli kiyya mucucaatu na irratti kooru,

akka isaan natti gammadanu hin godhin!» jedhe.

17Ani jiguu geyeera;

yennaa mara ani dhibee woliin jira.

18Yakkaa tiyya hin faaci'adha;

cubbuu tiyyaaf gadda.

19Diinoti kiyya hunnaameyyiin baca'a;

worri sababa malee na jibbu heddu'u.

20Yennaa ani waan dansaa huju

waan hantuu naaf deebisan;

yennaa ani waan dansaa hordofu

isaan na morman.

21Ee Mootii Waan Maraa, na hin lakkisin;

Waaqa kiyya, na irraa hin fagaatin.

22Ee Goottaa fayyisaa kiyya,

na qarqaariisaaf ariifadhuu koy.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

A Lament of Affliction and Confession

  • The superscription designates this chapter as a psalm of David for remembrance. In it, the psalmist vividly describes deep bodily suffering, including festering wounds, burning pain, and failing vitality, which he connects directly to his own sin and divine discipline.Sources: the Bible text itself
  • The psalm highlights the social isolation that often accompanied illness in the ancient world. Close companions and relatives keep their distance from his affliction, while adversaries take advantage of his vulnerability to plot against his life.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.