Psalms 36
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Hammeenna Namaatii Fi Arjummaa Waaqaa
Faaruu Daawitii tajaajilaa Mootii Waan Maraa, sooressa faarfattootaatiif.
1Cubbuun nama hamaa gadhaa ifii keessatti
hammeenna akka yaadatu gooti;
Inni ijjumaa Waaqa hin sodaatu.
2Inni yakkaa ifii dhaggee akka hin jibbine,
ifumaan ifi sossoba.
3Dubbiin afaan isaa hammeennaa fi
dharaan guutanteerti;
inni qarumma'aan hujiisaa fi
waan dansaa godhiisa lakkiseera.
4Inni rifanoo irra adoo jiruu hantuu yaadata;
karaa hamaa ideema;
waan hantuu hin didatu.
5Ee Mootii Waan Maraa,
jaalalli keeti ka bara baraa haga ol-gubba'aa,
addatamummaan teetille
haga duumensaa hin dhaqqaddi.
6Ee Mootii Waan Maraa,
balchummaan teeti akka gaarota gugurda'aa ti;
muraan teeti akka gad fageenna abbaaya'aa ti;
ati namaa fi horii,
bineensalle hin eedda.
7Ee Waaqa, jaalalli keeti ka bara baraa
attam attam ka gatii guddoo qabu!
Kolbaan marti gaaddisa koola keetii jalatti baqatti.
8Isaan sagalee bacaa mana keetii nyaatan;
ati laga keeti gammachiisaa irraa
bisaan isaaniif kennita.
9Ati madda jiru'uu ti;
nuuti ifa keetiin ifa dhaggina.
10Worra si beekuuf, jaalalli keeti ka bara baraa,
worra gadhaa-qajeela'aatiif
balchummaan keeti irraa hin citin.
11Miilli worra kooruu na hin dhiitin,
harki worra hamaaleyyi'ii na hin ari'in.
12Worri hamaaleyyiin attam akka jigane ilaali;
isaan jiganeeran, ka'uu hin dande'anu.

Did you know?
Human Malice and Divine Abundance
- The psalm is structured around a sharp contrast between the scheming nature of the wicked and the boundless character of God. While the transgressor plots deceit even on his bed without fear of God, God's loving devotion and righteousness are described using vast cosmic imagery, reaching to the heavens, the clouds, the highest mountains, and the deep sea.Sources: the Bible text itself
- The poem employs rich sanctuary and hospitality metaphors to describe divine care. The faithful are portrayed as taking refuge beneath the shadow of God's wings, feasting on the abundance of his house, and drinking from the fountain of life and a river of delights.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org