Nations Bible

Psalms 35

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Diinota Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate

Faaruu Daawitii.

1Ee Mootii Waan Maraa,

worra natti ka'u irratti ka'i;

worra na lolu loli.

2Wontee teetii fi meya lolaa keeti fudhadhuu

na qarqaariisaaf koy.

3Worra na ari'utti ebo'oo fi urdee teeti fudhadhuutii,

lubbuu tiyyaan, «Ani fayyisaa keeti» jedhi.

4Worri na ijjeesiisaaf barbaadu

fokkifatee qaanowuu ti.

Worri mala natti dhowu

gara duubaa deebi'ee salphatuu ti.

5Ergamaan Waaqaa isaan ari'uun,

akka huura qilleensi afuufuu te'anuu ti.

6Ergamaan Mootii Waan Maraa isaan ari'uun

karaan isaanii dukkanaa fi mucucoo te'uu ti.

7Isaan sababa tokko malee

tiyyoo dhossa'aan naaf afanee,

na qabiisaaf boolla qotaneeran.

8Adoo hin beekin

badiin isaan irratti dhuttuu ti.

Tiyyoon isaan dhossane

isaanuma qadduu ti;

Boolla qotane keessa bu'anee badanuu ti.

9Lubbuun tiyya

Mootii Waan Maraatiin hin gammaddi;

fayyisiisa isaatiin gammaddee firinxiixxi.

10Gadhaa kiyya tokkochaan,

«Ee Mootii Waan Maraa,

dadhaboolee

worra guddoo jajjabaa harkaa,

dadhaboole'ee fi hiyyeeyyiille

saantota harkaa ka baasu

ka akka keetii eennu?» jedha.

11Dhugaa baatoti dharaa natti ka'ane;

marroo waan ani hin beennee na gaafatane.

12Qofi-galeessa na godhanee

waan dansaa ani godheef,

hantuu naaf deebisane.

13Ani ammoo yennaa isaan dhibamane,

woyaa gaddaa uffadhe;

laamiisaan ifi rakkise;

daadimati kiyyalle deebii dhabee,

14akka waan jaalaaf

yookiin obboleessaaf gadduutitti gadde;

akka nama haadha ifiitiif bowuu,

mataa gad qabadhee bowe.

15Yennaa ani gufadhe ammoo,

isaan gammadane;

dedhuma dhufanee

sababa malee arrabaan na kukkutane.

16Akkuma worri Waaqa malee le'u godhu,

natti murgane;

ilkaan natti ciniinnatane.

17Ee Gootta'a,

haga yoomii cadhittee na ilaalta?

Worra na miidhu,

ka akka neenqaa kana jalaa na baasi.

18Achiin duuba ani kolbaa teeti keessatti

si hin galateeffadha;

kolbaa bacaa keessatti si hin leellifadha.

19Worri akkasumaan diina natti te'u,

natti hin gammadin;

worri akkasumaan na jibbu

na irratti ilaan wolitti hin qiphifatin.

20Isaan dubbii nageyaa hin dubbatanu;

worra biyya keessa nageyaan le'u irratti

dubbii dharaa yaadanee qopheessan.

21Isaan, «Baga waan ati hujje dhaggine!» jedhaa,

afaan natti banan.

22Ee Mootii Waan Maraa, ati tana dhaggiteerta,

hin cadhisin!

Ee Gootta'a, na irraa hin fagaatin!

23Ee Gootta'a, Waaqa kiyya dammaqi!

Na irraa dhooggiisaaf ka'i!

Haajaa kiyyaaf loli.

24Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa kiyya,

balchummaa teetiin naaf muri;

diinoti kiyya natti hin gammadin.

25Isaan, «Halchaa gadhaa keennaa

baga dhagganne!

Nuuti ijjumaa isa balleessineerra» hin jedhin.

26Worri rakkinna kiyyatti gammadu marti

fokkifatanee qaanowanuu ti;

worri na irratti ifi saadu marti

fokko'oo fi salphinna uffatuu ti.

27Worri muraa haqaa

dhaggatiisa kiyyatti gammadu marti

gammadaan ilillisanuu ti;

isaan «Mootiin Waan Maraa gudda'a!

Inni yennaa tajaajilaan nageya dhaggatu

hin gammada!» jedhanuu ti.

28Arrabi kiyya balchummaa teetii dubbataa,

guyyaa guutuu si hin leellisa.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

A Plea for Deliverance from Malicious Accusers

  • The psalm opens with vivid martial and hunting imagery, asking God to take up weapons of battle—including a shield, buckler, spear, and javelin—against adversaries who laid concealed nets and dug pits without cause.Sources: the Bible text itself
  • The author contrasts his former treatment of his opponents with their current cruelty; when they were sick, he observed cultural practices of grief and solidarity by wearing sackcloth, fasting, and mourning as if for his own mother or brother.Sources: the Bible text itself
  • The composition incorporates legal terminology, mentioning hostile witnesses bringing false accusations, and concludes with a vow to offer public praise and thanksgiving before the large community in the great assembly once vindicated.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.