Psalms 136
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Faaruu Galataa
1Mootiin Waan Maraa
dansaa waan te'eef,
isa galateeffadha'a;
jaalalli isa ka bara baraa ti.
2Waaqa waaqotaa galateeffadha'a;
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
3Goottaa goottotaa galateeffadha'a;
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
4Ka qofuu baasa guddaa huju,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
5Ka qarummaa ifiitiin ol-gubbaa dade,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
6Ka lafa bisaan gubbaa diriirse,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
7Ka ifa gugurdaa huje,
jaalalli isaa
haga bara baraa jiraata.
8Ka aduun guyyaa
baallii akka qabaattu godhe,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
9Ka Ji'aa fi urjooti
halkan akka baallii qabaatanu godhe,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
10Ka angafoota ilmaan worra Gibxi'ii ijjeese,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
11Ka Israa'eloota Gibxii keessaa baase,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
12Ka hunna ifii guddo'oo fi
jabeenna ifiitiin tana godhe,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
13Ka abbaayaa diintuu gargar kute,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
14Ka kolbaan Israa'elii
odduu isi'ii akka dabartu godhe,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
15Fara'oonii fi loltoota isaa ammoo
abbaayaa diintuu keessatti ka fixe;
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
16Ka goomolee keessa
kolbaa ifii sooresse,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
17Ka mootota gugurdoo ijjeese,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
18Ka mootota hunnaameyyii ijjeese,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
19Ka mootii worra Amoorotaa,
Sihoon ijjeese,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
20Ka mootii Baashaanii, Oog ijjeese,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
21Ka lafa isaanii
dhaala godhee Israa'elootaaf kenne,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
22Israa'eloota
tajaajiltoota ifiitiif ka dhaalchise,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
23Ka injifatama keenna keessatti
nu qaabate,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
24Ka diinota keenna jalaa nu baase,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
25Ka dada maraaf sagalee kennu,
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
26Waaqa ol-gubba'aa galateeffadha'a;
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
Did you know?
A Litany of Enduring Love
- Psalm 136 is structured as a litany where every single verse concludes with the antiphonal refrain affirming that God's loving devotion endures forever. The psalm systematically moves from the wonders of creation, such as the heavenly lights, to the major milestones of Israel's deliverance.Sources: the Bible text itself
- The psalm specifically commemorates the defeat of Sihon king of the Amorites and Og king of Bashan. These rulers controlled territory east of the Jordan River and attempted to block Israel's journey, but their defeat allowed their fertile lands to be given as a heritage to the tribes of Israel.Sources: the Bible text itself · Sihon · Og · Bashan
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org