Psalms 135
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Faaruu Leellisaa
1Mootii Waan Maraa leellisa'a!
Maqaa Mootii Waan Maraa leellisa'a;
ee tajaajiltoota Mootii Waan Maraa,
isa leellisa'a!
2Isin worri
mana Mootii Waan Maraa keessaa fi
badhinna mana Waaqa keennaa
keessa tajaajiltanu isa leellisa'a.
3Mootiin Waan Maraa
dansaa waan te'eef,
isa leellisa'a!
Maqaan isaa gammachiisaa waan te'eef,
faaru'uun leellisa'a!
4Mootiin Waan Maraa Yaaqoob ifiif,
Israa'el qabeenna ifii
ka addaa godhee filateera.
5Mootiin Waan Maraa guddaa akka te'e,
Goottaan keenna
waaqota mara akka caalu ani hin beeka.
6Ol-gubbaa keessaa fi lafa irratti,
abbaaya'aa fi qilee isi'ii mara keessatti,
Mootiin Waan Maraa
waan fedhe mara godha.
7Inni duumensa qaccee lafaatii kaasee fida;
bokkeya woliin balaqqeettii,
mana kuusaa ifii keessaa qilleensa fida.
8Inni angafa ilmaan namaatii fi hori'ii
ka biyya Gibxi'ii fixe.
9Ee biyya Gibxi'ii, inni si keessatti
Fara'oonii fi tajaajiltoota isaa mara irratti,
bilbaasaa fi waan maade'ee huje.
10Inni gosa biyya adda addaa
hedduu gad dhowee,
mootota hunnaameyyii,
11mootii Amoorotaa Sihoon,
mootii biyya Baashaanii Oog,
mootummoota Kana'aanii mara ijjeese.
12Lafa isaaniille akka dhaalaatitti,
kolbaa ifii Israa'eliif dhaala kenne.
13Ee Mootii Waan Maraa,
maqaan keeti haga bara baraa jiraata;
Ee Mootii Waan Maraa,
dhaloota mara keessatti hin qaabatanta.
14Mootiin Waan Maraa
kolbaa ifiitiif muraa hin kenna;
tajaajiltoota ifiitiifille marartii hin qaba.
15Waaqoti dharaa
ka gosa biyya adda addaa worqi'ii fi meetii,
harka namaatiin hujamane.
16Isaan afaan qaban malee, hin dubbatanu;
ila qaban malee, hin dhagganu.
17Isaan gurra qaban malee, hin dhage'anu;
afaan isaanii keessalle hafuurri hin jiru.
18Worri isaan hujuu fi
isaanitti dhugeeffatu martinuu,
akkuma isaanii jiran.
19Ee kolbaa Israa'elii,
Mootii Waan Maraa leellisa'a!
Ee hayyoota sanyii Aaronii,
Mootii Waan Maraa leellisa'a!
20Sanyii Lewwootaa,
Mootii Waan Maraa leellisa'a!
Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu,
Mootii Waan Maraa leellisa'a!
21Mootiin Waan Maraa
ka Yerusaalem keessa le'u,
Xiyoon keessatti leellifamuu ti!
Mootii Waan Maraa leellisa'a.

Did you know?
Praising the Sovereign God of Israel
- Psalm 135 singles out Sihon king of the Amorites and Og king of Bashan as prominent rulers struck down before Israel received its inheritance. Both kings ruled territories east of the Jordan River and were remembered in Israelite song for their defeat during the journey toward Canaan.Sources: the Bible text itself · Sihon · Og
- The psalm closes with a liturgy addressing distinct groups in worship: the general population ('house of Israel'), the priestly line ('house of Aaron'), and the broader temple servants ('house of Levi') serving in the courts of the house of the Lord.Sources: the Bible text itself · Aaron · Levi (patriarch)
- To highlight God's sovereign power over creation and history, the psalm contrasts Him with pagan idols of silver and gold. It describes these manufactured statues as utterly lifeless, lacking breath and unable to speak, see, or hear.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Egypt · 30.129, 31.308 · verses 8, 9
- Bashan · 32.781, 35.935 · verse 11
- Canaan · 32.767, 35.333 · verse 11
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 21
- Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 21
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org