Proverbs 25
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Jecha Qarummaa Solomoonii Ka Dhibii
1Isaan kunille fakkeenna Solomoonii ka dhibii,
ka qondaaltoti Hisqiyaasii mootii
Yihuda'aa barreeffama irraa garagalchane.
2Gofa woyii dhossuun ulfinna Waaqaa ti;
gofa woyii qoratanee baasuun
ulfinna moototaa ti.
3Akkuma ol-gubbaan ol fagaattu
akkuma lattille gaddi fagaattu,
yaadi moototaalle qorqoramuu hin dande'u.
4Ka meetii irraa meya huju meetii qulluu akka qabaatu,
ati meetii san irraa xurii kaasi.
5Barcumaan mootumma'aa
balchumma'aan akka dhaabbatu,
nama hamaa addee mootiin jiruu kaasi.
6Mootii duratti ol ifi hin qabin;
nama guddaa ifi hin fakkeessin.
7Mootichi nama guddaa duratti
addee gad aantuu sii kenniisaa mannaa,
addee ol aantuu sii kennu woyya.
8Waan tokko ilumaan dhaggite'eef
ariifattee gara mura'aa hin dhikeessin;
nami dhibiin dokonkora keeti yoo mirkaneesse,
ati dhuma irratti maan teeta ree?
9Haajaa keetiif nama woliin yennaa falmattu,
gofa nama dhibi'ii hin mudhisin.
10Yoo akkas hin te'in nami waan kana dhage'u si qaanessa;
maqaan keeti ka bade sun ijjumaa si'iif hin deebi'u.
11Dubbiin yennaa isi'iititti dubbatantu,
akka quumhaa worqi'ii ka qorii meeti'ii keessaa ti.
12Xixxaan nama qaro'oo nama isa dhage'uuf,
akka worqii gurraa yookiin meya seesaa
ka worqii qulluu irraa hujamee ti.
13Bisaan dhakaa roobaatiin qabbanowe,
yennaa midhaan galcha'aa
akkuma gadhaa namaa qabbaneessu,
ergantooti addatamootille
nama isaan ergatuuf akkasuma;
isaan yaada goottolee ifii hin foorfachiisan.
14Nami kennansa namaaf hin kennineen ifi jaju,
akka duumensaa fi qilleensa bokkeya hin qannee ti.
15Nami ossa qabu
bulchaa biyyaa tokko gadhaa hin laaffifata;
arrabi dansaan nama mataa jabaatu laaffisa.
16Damma yoo dhaggatte,
haga si'iif barbaachisu qofa nyaadhu;
akka malee nyaattu si diddissa.
17Si bagee waan si jibbuuf,
miilli keeti mana ollaa keetiititti hin daandin.
18Nami dharaan dhugaa nama irratti bayu,
akka ulee jirmaa yookiin
akka shallaaga'aa yookiin
akka daaya qara qabuu ti.
19Rakkinna keessa nama hin addatannetti addatiis,
akka nama ilkaan tacho'etti
yookiin miila laashowetti addatuu ti.
20Nama gaddeef faaruu faarsuun,
akka nama guyyaa boojji'ii
woyaa isaa isa irraa fuudhanee ti
yookiin akka soodda mada'atti naqanee ti.
21Diinni keeti yoo beelote sagalee nyaatu kenniif;
yoo dheebotelle bisaan unu kenniif.
22Tana godhiisaan gaabbee akka inni qaanowu hin goota;
Mootiin Waan Maraalle gatii si'iif hin kaffala.
23Akkuma qilleensi kaabaa bokkeya fidu,
arrabi hamatu ila aari'iin nama ilaaltu hin fida.
24Niitii dubbatittii woliin le'iisaa mannaa,
roga heellichoo manaa irra le'uu woyya.
25Oduun dansaan biyya fago'oo,
akkuma bisaan qabbanowaa
lubbuu dheebotte dheebuu baasuu ti.
26Nami balchaan nama hama'aaf karaa kennu,
akka madda boorayee,
yookiin akka bisaan boollaa
ka xurayee ti.
27Damma akka malee nyaatiis dansa'aa moti
yookiin ulfinna mataa ifii barbaadatiisi ulfinnaa moti.
28Nami ifi qabatiisa hin dandeenne,
akka qachaa guddicha dalleenni dhaka'aa irraa jigee ti.
Did you know?
Royal Wisdom Preserved
- The opening verse notes that this collection of Solomon's proverbs was compiled and transcribed by the scribes of King Hezekiah of Judah, who reigned centuries after Solomon and promoted extensive religious and administrative reforms.Sources: the Bible text itself · Hezekiah · Solomon
- Much of the chapter focuses on royal court etiquette and leadership, advising humility before rulers, the removal of corrupt advisors, and the use of patience and gentle speech to persuade those in authority.Sources: the Bible text itself
- The proverbs employ vivid comparisons drawn from ancient daily life, such as silversmithing, rain clouds without rain, cold drinks refreshing workers during harvest, and broken city walls illustrating a lack of self-control.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org