Nations Bible

Proverbs 24

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Kudhanii Sagaleessoo

1Namoota hamoolee hin hinaafin;

jaalummaa isaanii hin halchin.

2Gadhaan isaanii hunnaan nama irratti ka'iisa yaada;

afaan isaaniille marroo maltumma'aa dubbata.

Diddameessoo

3Manni qarumma'aan ijaarama;

hubantiille'een jabeeffama.

4Beekkumsaan kollooti mana sanii

meya gatii guddo'ootii fi

meya dadansa'aan guutaman.

Diddamii Tokkeessoo

5Nami qaroon hunna jadduu qaba;

nami beekkumsa qabulle jabeenna dabalata.

6Lolaaf bayiisaaf qajeelcha,

injifatiisaafille gorsitoota hedduu barbaachisa.

Diddamii Lammeessoo

7Nama gowwa'aaf qarummaan akka malee ol fagaatti;

inni addee mari'ii keessatti

afaan ifii hin saaqatu.

Diddamii Sadeessoo

8Nami waan hantuu godhiisaaf mala dhowu,

inni, «Malticha» jedhamee beekkama.

9Malli gowwa'aa cubbu'u;

namooti nama murgu hin jibban.

Diddamii Arfeessoo

10Ati bara rakko'oo keessa yoo raafante,

jabeenni keeti attam attam diqqa'a!

Diddamii Shaneessoo

11Worra gara du'aa geeffamanu baasi;

worra gara qalamiisaa tintimanu deebisi.

12Ati, «Nuuti marroo waan kanaa hin beenne» yoo jette,

ka gadhaa namaa qorqoru kana hin hubatuu ree?

Ka jiruu teeti eegu hin beekuu ree?

Inni nama tokko tokkoofuu

akka hujii isaatitti gatii isaaf hin kaffaluu ree?

Diddamii Jayeessoo

13Ilma kiyya, dammi dansaa waan te'eef,

damma nyaadhu;

nadhiin dhaaba dammaa keessaa sitti hin mi'ootti.

14Qarummaalle lubbuu teetiif

akkuma san akka mi'oottu beeki;

ati yoo isii dhaggatte,

gara fuula duraa addii qadda;

addiin teetille hin baddu.

Diddamii Torbeessoo

15Akka nama hama'aa

mana nama balcha'aa dhokattee hin gaadin.

Mana isaa irralle'etti hunnaan hin ka'in.

16Nami balchaan yennaa torba jigulle deebi'ee hin ka'a;

nami hamaan ammoo badii keessa bu'a.

Diddamii Saddeetessoo

17Yennaa diinni keeti jigu hin gammadin;

yennaa inni gufatulle gadhaan keeti hin firinxiixin.

18Itti gammadiisa keeti yoo dhagge,

Mootiin Waan Maraa hin jaalatu;

aarii ifii isa irraa hin deebisa.

Diddamii Sagaleessoo

19Waan namooti hamaan hujanu hin qoxxisin;

yookiin hamoolee hin hinaafin.

20Nami hamaan addii gara fuula duraa hin qabu;

issaan nama hama'aalle hin dhaama.

Soddomeessoo

21Ilma kiyya, Mootii Waan Maraatii fi mooticha sodaadhu;

worra finqilaa woliin jaala hin te'in.

22Mootiin Waan Maraatii fi mootichi

dedhuma badii worra finqilaa irratti hin fidan;

badii isaan fidanu eentu beeka ree?

Jecha Qaro'oo Ka Dhibii

23Isaan kunille jecha qaro'oo ti:

Muraa keessatti nama wol caalchisuun dansa'aa moti.

24Nama hama'aan, «Ati yakkaa hin qaddu» nama jedhu,

kolbaan hin abaarti;

gosi biyya adda addaalle hin jibbiti.

25Worra nama hamaa xixuuf ammoo

wonni dansaan hin teeti;

eebbi dansaalle isaan irratti hin bu'a.

26Deebii dhuga'aa deebisuun,

akka sunqaa hidhi'ii ti.

27Hujii alaa fixadhuu,

fichaa keeti qopheeffadhu;

achiin duuba mana keeti ijaaradhu.

28Sababa malee nama irratti dhugaa hin bayin

yookiin hidhii teetiin nama hin sobin.

29Ati, «Waanuma nami na godhe, anille isa hin godha;

gatuma hujii isaa isaaf hin deebisa» hin jedhin.

30Ani fichaa nama booseyaa keessa,

oorruu woyni'ii ta nama qalbii hin qannee

keessa dabaree deeme.

31Addee mara qoreen itti latteerti;

shuqunaan lafa golliteerti;

dalleenni dhaka'aalle irraa jigeera.

32Ani waan kana ilaalee itti yaadee,

waan dhagge kana irraa barumsa dhaggadhe:

33Ati yennaa diqqoo isi'ii rafii,

yennaa diqqoo isi'ii mugii,

foorfatiisaaf yennaa diqqoo isi'ii

harka wol irra naqadhu.

34Garuu hiyyuun akka saantu'uu,

beelti akka nama meya lolaa hidhatee

sitti hin dhufan.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Wisdom for Daily Life, Justice, and Diligence

  • Proverbs 24:27 reflects the priorities of ancient agrarian life by advising that one should first prepare fields and secure an agricultural livelihood before building a house. Securing reliable food production had to take precedence over investing resources into domestic shelter.Sources: the Bible text itself
  • The chapter challenges passive bystander apathy, asserting that claiming ignorance will not excuse failing to rescue those facing unjust peril or death. It similarly warns against judicial partiality in civic assemblies, strongly condemning those who exonerate the guilty.Sources: the Bible text itself
  • The vivid portrait of a slacker's vineyard highlights the rapid physical decay of untended land, marked by overgrown thistles and broken stone walls. In the hill country of ancient Israel, maintaining stone terrace walls was essential for preventing soil erosion and protecting crops.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.