Nations Bible

Proverbs 20

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

1Daadhiin woyni'ii murgaamessa,

untoon jadduun xeenxiraa nama gooti;

nami isaan kanaan dokonkore qaro'oo moti.

2Aariin mooti'ii akka neenqa dhangaa dhowuu ti;

nami isa aarsulle jiruu ifii dhaba.

3Wol dhaba irraa fagaatiis ulfinna namaaf kenna;

gowwaan yennaa mara lola kaasa.

4Nami booseyi yenna'aan hin qotatu;

yennaa midhaan galfatanu inni midhaan barbaada,

ammoo womaa hin dhaggatu.

5Yaadi gadhaa namaa akka bisaan qilee keessaa ti;

nami qalbii qabu ammoo

achi keessaa hin woraabbata.

6Nami hedduun, «Nuuti worra addatama'a» ifiin jedhan;

nama addatamaa ammoo eentu dhaggatuu dande'a?

7Nami balchaan komii malee le'a;

ijoolleen isa gula ideentulle ta hiree dansaa qaddu.

8Mootiin barcumaa mura'aa irra tee'eeru,

iluma ifiitiin waan hantuu ilaalee beeka.

9Eennutti, «Ani gadhaa kiyya qulqulleeffadheera;

ani cubbuu hin qabu» jedhuu dande'a ree?

10Mootiin Waan Maraa madaala sirrii hin te'inii fi

safara sirrii hin te'in jibba.

11Ijoolleenuu qulqulloota akka te'ane,

sirrii te'uu isaaniille,

hujii ifiitiin hin beekkaman.

12Gurra dhage'uu fi ila dhaggitu,

lachuu ka dade Mootii Waan Maraa ti.

13Akka hin hiyyoommane,

hirriiba hin jaalatin.

Midhaan akka quuttu,

dammaqii hujadhu.

14Nami woy bitatu,

«Wonni kun baddu'u, wonni kun baddu'u» jedha;

bitateen duuba, «Dansaa bitadhe» jedhee ifi jaja.

15Worqi'ii fi dooqi baca'atti jira;

afaan dubbii beekkumsaa dubbatu ammoo,

akka dhakaa gatii guddo'oo ti.

16Nama alaga'aaf wobii te'e woyaa irraa mulqadhu;

marroo nama alagaa sanii woyaa isaa qabadhu.

17Sagaleen hannaan dhaggante namatti hin mi'ootti;

duubarra ammoo akka maansa afaan nama guutee teeti.

18Gorsa fudhadhuu karoora baafadhu;

qajeelfama fudhadhuu duuli.

19Nami hamatu dhossaa mudhisa;

tanaaf nama dubbii baceessu irraa fagaadhu.

20Nami abba'aa fi haadha ifii abaaru,

akka issaa dukkana duudduu keessatti dhaamee hin te'a.

21Qabeenni jalqaba irratti

dafee dhaalaan dhufu,

dhuma irratti eebba hin qabu.

22Nami si irratti waan hantuu yoo huje,

«Anille deebisee waan hantuu irratti huja» hin jedhin;

Mootiin Waan Maraa si baasaa,

isa eegadhu.

23Mootiin Waan Maraa madaala sirrii hin te'in hin jibba;

safari sirrii hin te'inille isa hin gammachiisu.

24Ijjata namaa ka qajeelchu

Mootii Waan Maraa ti;

nami karaa ifii attam beekuu dande'a ree?

25Nami tokko adoo itti hin yaadin,

Waaqaaf waadaa galee,

duuba irra yoo gaabbe,

tiyyoo seeniisa.

26Mootiin qaroon worra hamaa miidhassee beeka;

inni marartii malee isaan hin adaba.

27Mootiin Waan Maraa qalbii namaa hin ilaala;

keessa namaalle hin qorqora.

28Mararti'ii fi addatamummaan nageyaan mootii eegan;

barcumaan mootummaa isaa

addatamumma'aan jabaatee dhaabbata.

29Ulfinni dargaggootaa jabeenna isaanii ti;

ulfinni maanguddootaalle arrii isaanii ti.

30Adabbiin madeessitu waan hantuu qulqulleessiti;

dhaaniisille keessa namaa qulqulleessa.

Did you know?

Wisdom for Conduct, Commerce, and Justice

  • Proverbs 20 highlights practical ethics in the ancient marketplace, condemning deceptive trading tools like unequal weights and dishonest scales. It also vividly captures the common practice of haggling, where a buyer disparages an item as worthless only to brag about the bargain afterward.Sources: the Bible text itself
  • The passage draws on ancient farming life to teach diligence, noting that someone who refuses to plow in season will find nothing to harvest. In agrarian societies, failing to prepare the soil at the right time directly threatened a family's sustenance.Sources: the Bible text itself
  • The text uses the imagery of an agricultural threshing wheel to illustrate how a wise ruler separates out the wicked. While kings held formidable judicial power, the proverb notes that a throne is fundamentally preserved through loving devotion and faithfulness.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.