Proverbs 19
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1Gowwaa dubbii micciiruu mannaa,
hiyyeessa komii male le'u woyya.
2Beekkumsa adoo hin qabaatin,
halchaan callaan dansa'aa moti;
nami akka malee ariifatu karaa irraa gora.
3Nami gowwummaa ifiitiin jiruu ifii balleessa;
gadhaa ifii keessatti ammoo
Mootii Waan Maraa komata.
4Durummaan jaala hedduu namaa fiddi;
hiyyeessi ammoo jaala ifiituu dhaba.
5Nami dharaan dhugaa bayu,
adoo hin adabamin hin hafu;
ka dhara dubbatulle adabbii jalaa hin bayu.
6Namooti hedduun qondaaltota duratti
fudhatama dhaggatiisa barbaadan;
nama wo namaa kennuufille martinuu jaala.
7Nama hiyyeessa firri isaatuu eega jibbee,
jaaloti isaa ammoo attam attam
caalchisanee isa irraa fagaatanu ree!
Inni kadhataa isaan gula deema,
isaan ammoo irraa fagaatan.
8Nami qarummaa qabu lubbuu ifii jaalata;
nami hubantii jaalatu hin qananooma.
9Nami dharaan dhugaa bayu,
adoo hin adabamin hin hafu;
ka dhara dubbatulle hin bada.
10Qananummaan gowwa'aaf hin teetu;
qondaaltota bulchiisi garbichaaf
caala'aayyuu attam attam baddu'u!
11Qarummaan ossata namaaf kenniti;
arraba tuffatanee irra dabariis ulfinna.
12Aariin mooti'ii akka dhangaa dhowiisa neenqaa ti;
fudhatama isa irraa dhaggatiis ammoo
akka fixeensa marra irraa ti.
13Ilmi gowwaan abbaa ifiititti badii fida;
haati manaa dubbattittiin akka bokkeya qacacuu ti.
14Manaa fi durummaa worra irraa dhaalan;
haati manaa qalbittiin ammoo
kennansa Mootii Waan Maraa ti.
15Booseyummaan hirriiba hamaa namatti fida;
nami hujii malee tee'u beelaan rakkata.
16Nami ajaja eegatu jiruu ifii eegata;
nami karaa Waaqaa tuffatu ammoo hin du'a.
17Nami hiyyeessaaf gadhaa laafu
akka waan Mootii Waan Maraatiif liqeessee ti;
Mootiin Waan Maraa gatii isaaf hin kaffala.
18Deebisiisaaf adoo addiin jirtuu,
ijoollee teeti adabi;
gad lakkittee akka isaan du'anu hin godhin.
19Nami akka malee aaru tokko
gatii aarii sanii fudhatuu qaba;
ati yennaa tokko rakkoo keessaa yoo isa baatte,
itti deebi'iis keeti ammalle hin hafu.
20Gara duraa qaroo akka teetuuf,
gorsa caqasi;
qajeelfama fudhadhu.
21Gadhaa namaa keessa Yaada heddu'utti jira;
ka te'u ammoo yaada Mootii Waan Maraa qofa.
22Wonni nami barbaadu jaalala bara baraa ti;
dharaamessa te'iisaa mannaa,
hiyyeessa te'uu woyya.
23Mootii Waan Maraa sodaatiis
gara jiru'uu nama geessa;
nami Mootii Waan Maraa sodaatu gabbi jedhee le'a;
wonni hantuulle isa hin tuxxu.
24Nami booseyi harka ifii qorii keessa hin keya;
gara afaan ifiituu hin deebifatu.
25Nama murgu dhaani;
nami gowwaalle qarummaa hin barata;
nama hubataa xixi innille beekkumsa hin dhaggata.
26Ka abbaa ifii saamu,
haadha ifiille ka manaa ari'u,
ilma fokko'oo fi salphinna fidu.
27Ilma kiyya,
ati yoo gorsa kiyya dhage'iisa lakkitte,
waan beettuuyyuu irraa badda.
28Dhugaa bayaan dharaa haqa irratti murga;
afaan nama hama'aa waan hantuu gad liqinsa.
29Worra murguuf muraan,
worra gowwa'aaf dhaanichi qophoweera.

Did you know?
Wisdom on Wealth, Relationships, and Character
- Proverbs 19 highlights how social status shapes human relationships, noting that wealth attracts many companions while the poor are often abandoned even by their own families. In contrast to this human tendency, kindness shown to the poor is described as a loan made directly to the LORD, who ensures repayment.Sources: the Bible text itself
- The chapter uses vivid natural imagery to describe a ruler's authority, comparing a king's rage to the roar of a lion and his favor to refreshing dew on the grass. In the ancient world, gaining a monarch's goodwill was critical for protection and prosperity.Sources: the Bible text itself
- Everyday domestic realities appear in vivid proverbs, such as describing a contentious spouse as persistent dripping water and caricaturing an extreme sluggard who buries a hand in the communal dish but refuses to lift it back to his mouth.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org