Numbers 9
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Jila Irra Dabaramaa Ta Lammeesso'oo
1Israa'elooti biyya Gibxi'iitii bayaneen duuba woggaa lammeesso'oo, ji'a tokkeesso'oo keessa, Mootiin Waan Maraa goomolee Siina'aa keessatti Muuse'etti dubbatee, 2«Israa'elooti Jila Irra Dabaramaa yennaa isi'ii eeganee jilifatanuu ti. 3Ji'uma kana guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti, dimimmisa galgala yennaa isi'ii eegadha'aatii, akkuma seerataa fi sirna isi'iititti jilifadha'a» jedhe. 4Maarre Muuseen akka isaan Jila Irra Dabaramaa jilifatanuuf Israa'elootatti hime. 5Israa'elootille akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti ji'a tokkeesso'oo keessa, guyyaa kudhanii arfeesso'oo dimimmisa galgala goomolee Siina'aa keessatti Jila Irra Dabaramaa jilifatane.
6Isaan keessaa namooti akka aadaa dhugeeffanna'aatitti reeffa namaa tuqiisaan battowane, gaafas worra kaan woliin Jila Irra Dabaramaa jilifatiisa hin dandeenne; isaan gaafasuma gara Muuse'eetii fi Aaronii dhufanee, 7«Nuuti reeffa namaa tuqiisaan battoonneerra; garuu Israa'eloota kaan woliin yennaa kennansi kennamu nuuti Mootii Waan Maraatiif kennansa akka hin dhikeessine maaf dhoogganna?» jedhane.
8Muuseen deebisee, «Mootiin Waan Maraa marroo teessaniif waan jedhu haga dhage'utti, eegadha'a» isaaniin jedhe.
9Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 10«Ati Israa'elootaan, ‹Isin keessaa yookiin sanyii teessan keessaa worri reeffa namaa tuqiisaan battowe yoo jiraate yookiin yennaa Jila Irra Dabaramaa karaa fagoo deemiisatti jiru yoo jiraate, Jila Irra Dabaramaa jilifatiisa hin dande'an. 11Garuu ji'a lammeesso'oo, guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti galgala dimimmisa jilifatanuu ti. Buruusoo korbeessa hoole'ee ka Jila Irra Dabaramaatiif qalame san daabboo uukoo hin qannee fi baala hadhowu woliin nyaatanuu ti. 12Isaan foon buruusoo korbeessa hoole'ee san haga boruyyaatitti hin hamburatin yookiin lafee isaalle hin cassin. Isaan yennaa Jila Irra Dabaramaa jilifatanu akka sirna Jila Irra Dabaramaatitti jilifatanuu ti. 13Ammoo nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'ee, karaa adoo hin ideemin Jila Irra Dabaramaa hin jilifatin hafe, kennansa Mootii Waan Maraatiif dhikeessu yennaa isaatitti waan hin dhikeessiniif, inni kolbaa ifii keessaa bawuu ti. Inni akka cubbuu ifiititti itti hin gaafatama.
14«‹Alagaan odduu teessan le'u Jila Irra Dabaramaa yoo jilifatuu barbaade, akka seerataa fi sirna Jila Irra Dabaramaatitti jilifatuu ti. Isin worra alaga'aatii fi worra dhalataa biyyaatiif seeraa fi sirna tokkochuma qabaadha'a› jedhi» jedhe.
Duumensa Dunkaanii Dhugaa Bayaatiin Gubba'aa
15Gaafa dunkaaniin dhugaa bayaa dhaabbatte, duumensi dhufee isii golle. Duumensi sun galgalaa haga ganamaatitti ibidda fakkaataayyu. 16Gaafa mara akkasuma te'aa ture; duumensi sun dunkaanii dhugaa bayaa golle; inni halkan ibidda fakkaataayyu. 17Yennaa duumensi dunkaanii irraa ka'u mara Israa'elootille ka'anee deeman; addee duumensi bu'etti isaanille hin qubataniiyyu. 18Israa'elooti ajaja Mootii Waan Maraatiin ka'anee deemanee, ajaja Mootii Waan Maraatiin qubatan. Haga duumensi dunkaanii dhugaa bayaa gubbaa jiru, isaan quttumuma san keessa turan. 19Duumensi dunkaanii dhugaa bayaa irraa adoo hin ka'in guyyaa hedduu yennaa ture, Israa'elooti ajaja Mootii Waan Maraa eegatan malee, ka'anee hin deemanu. 20Yennaa tokko tokko duumensi guyyaa diqqaa qofa dunkaanii dhugaa bayaa irra tura; isaanille ajaja Mootii Waan Maraatiin addee quttuma ifii turan yookiin ajaja Mootii Waan Maraatiin ka'anee deeman. 21Yennaa tokko tokko duumensi sun galgalaa haga ganamaa qofa dunkaanii dhugaa bayaa irra tura; ganama yennaa duumensi sun dunkaanii dhugaa bayaa irraa ka'e, isaanille ka'anee deeman. Galgalalle te'u gamanalle duumensi dunkaanii dhugaa bayaa irraa yennaa ka'e mara isaanille ka'anee deeman. 22Duumensi sun dunkaanii dhugaa bayaa irra guyyaa lama yookiin ji'a tokko yookiin yennaa hedduu turulle, Israa'elooti adduma quttumaa turan malee, ka'anee hin deemanu; yennaa duumensi sun dunkaanii dhugaa bayaa irraa ka'e ammoo, isaanille ka'anee deeman. 23Isaan ajaja Mootii Waan Maraatiin qubatan; ajaja Mootii Waan Maraatiin ka'aneelle deeman; isaan ajaja Mootii Waan Maraa ka karaa Muuse'eetiin kenname hin eegataniiyyu.

Did you know?
The Second Passover and the Guiding Cloud
- Numbers 9 records the observance of Passover in the Wilderness of Sinai in the first month of the second year after leaving Egypt. According to tradition, the Israelites remained encamped in the Sinai region for about a year while receiving the laws and erecting the Tabernacle.Sources: the Bible text itself · Sinai
- A special provision was established for individuals who could not celebrate Passover at the appointed time due to ceremonial defilement from a corpse or travel. Such persons were permitted to celebrate a supplementary Passover exactly one month later, on the fourteenth day of the second month.Sources: the Bible text itself
- The movement and rest of the entire camp were directed by the cloud that covered the Tabernacle by day and appeared as fire by night. Whether the cloud remained over the Tent for a single night, a few days, or many months, the Israelites only journeyed when it lifted.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 1
- Wilderness of Sinai · Today: about 50 km around Jebel Musa · 28.540, 33.973 · verses 1, 5
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org