Numbers 8
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Ifa Torba
1Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Ati Aaroniin ‹Issaa torba waan issaa irra keyanu irra yennaa keettu, akka adaala waan issaa irra keyanu duratti ifanu keyi› jedhiin» jedhe. 3Aaronille akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, issaa san waan issaa irra keyanu fuula duratti akka ifanu keye. 4Wonni issaa irra keyanu akka fakkeenna Mootiin Waan Maraa Muuse'etti mudhisetti jalaa ka'ee haga qaccee isi'ii ta akka daraara'aatitti worqii tumante irraa hujameera.
Lewwooti Waaqaaf Kennamane
5Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 6«Lewwoota odduu Israa'elootaatii fuudhiitii akka aadaa dhugeeffanna'aatitti isaan qulqulleessi. 7Isaan qulqulleessiisaaf, waan asii gad jiru kana godhi: bisaan ittiin qulqulloomanu itti fiffixi; achiin duuba akka isaan rifeensa nafa ifii duudii haadatanee woyaa ifiille dhiqatanee ifi qulqulleeffatanu isaanitti himi. 8Isaan dardara tokkoo fi kennansa midhaanii bullaa dansaa ta zayiti'iin sukkuumante ka isaan woliin dhikaatanu fidanuu ti; atille araara cubbu'uutiif dardara dhibii tokko fidi. 9Kolbaa Israa'elii duudii wolitti qabiitii, Dunkaanii Woldeenna'aa duratti Lewwoota dhikeessi! 10Yennaa ati Lewwoota fuula kiyya duratti dhikeessitu, Israa'elooti harka ifii mataa isaanii irra keyanuu ti! 11Lewwooti akka hujii tiyya hujanu Aaron Israa'eloota oddu'uu akka kennansa tachoofamuu fuula kiyya duratti isaan dhikeessuu ti. 12Lewwooti harka ifii mataa dardara lamaanii san irra keyanuu ti; Aaron dardara tokko kennansa araara cubbu'uutiif dhikeessee, dardara kaanille Lewwootaaf gumaa cubbu'uu godhiisaaf kennansa gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti.
13«Worra Lewwootaa Aaronii fi ilmaan isaa dura dhaabbachiisiitii akka kennansa tachoofamuu fuula kiyya duratti dhikeessi. 14Karaa kanaan Lewwooti Israa'eloota kaan oddu'uu adda baasi; isaanille kiyya hin te'an. 15Ati isaan qulqulleessitee akka kennansa tachoofamuu dhikeessiteen duuba, isaan Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf ol seenanuu ti. 16Israa'eloota keessaa isaan guutumatti naaf kennamaneeran; Israa'eloota mara keessaa angafa addee fudhadhu, Lewwoota fudhadheera. 17Ani yennaa angafa biyya Gibxi'ii keessaa mara ijjeese, ka worra Israa'elii adda baafadhe; tanaaf, Israa'eloota keessaa dhiira te'ee ka dhalate, angafi namaatii fi hori'iille kiyya. 18Ani addee ilmaan angafa Israa'elootaa mara fudhadhu, Lewwoota fudhadheera. 19Isaan Dunkaanii Woldeenna'aa keessa addee Israa'elootaa bu'anee akka tajaajilanuuf, Israa'elooti addee woyyitti'itti dhikaatanee balaan akka itti hin buune akka isaaniif araarsanuuf, ani Israa'eloota mara keessaa Lewwoota Aaronii fi ilmaan isaatiif kennansa godhee kenneera» jedhe.
20Maarre Muuseen, Aaronii fi kolbaan Israa'elii duudiin akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti Lewwoota adda baasane. 21Lewwooti ifi qulqulloonsanee woyaa ifiille dhiqatane; achiin duuba Aaron akka kennansa tachoofamuu Mootii Waan Maraa duratti isaan dhikeessee, isaan qulqulleessiisaaf gumaa cubbu'uu isaaniif tolche. 22Saniin duuba Lewwooti sooressummaa Aaronii fi ilmaan isaatiin Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajila ifii tajaajiliisaaf ol seenane; kolbaan akkuma Mootiin Waan Maraa marroo Lewwootaa Muusee ajajetti waan mara isaaniif goote.
23Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 24«Wonni Lewwoota ilaalu asii gad jira; Dhiirti Lewwootaa ta woggaan isaanii diddamii shaniitii fi achii olii Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dhufanuu ti; 25woggaan isaanii shantama yennaa guutte ammoo tajaajila ifii irraa hin foorfatan; achiin duuba hin tajaajilanu. 26Isaan tajaajila obboleeyyan isaanii Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilanu obboleeyyan ifii qarqaaran malee, ifiif hujii hin hujanu. Akka kanatti itti gaafatamummaa worra Lewwootaa tarree galchita» jedhe.
Did you know?
The Golden Lampstand and Dedication of the Levites
- The golden lampstand in the sanctuary was made of hammered gold from its base to its floral decorations, crafted according to the design shown to Moses. Aaron was instructed to align its seven lamps so that their light projected forward in front of the stand.Sources: the Bible text itself
- The Levites were consecrated to serve at the Tent of Meeting as substitutes for all the firstborn of the Israelites, whom God had set apart when He struck down the firstborn in Egypt. Their dedication required ceremonial cleansing with water, shaving their bodies, washing their clothes, and being presented as a wave offering.Sources: the Bible text itself · Egypt
- The sanctuary service for Levites had strict age limits: men began their active duties at age twenty-five and retired from heavy labor at fifty. After reaching fifty, they were permitted only to assist their brothers in lighter responsibilities around the Tent of Meeting.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 17
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org