Numbers 35
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Qachoota Lewwootaaf Kenname
1Yerikoo fuula dura, laga Yordaanosiitiin gama, dirree Mo'aabii keessatti Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Lafa fudhatanu irraa, Lewwootaaf qachoota keessa le'anu akka kennanu, Israa'eloota ajaji; adaala qachootaatille'etti lafa horii itti tiffatanu isaaniif kenni. 3Achiin duuba isaan qachoota keessa le'anuu fi lafa loon ifii, hoole'ee fi re'ee ifii itti tiffatanu hin qabaatan. 4Latti horii itti tiffatanu adaala qacha'aatitti ta isin Lewwootaaf kennitanu, dalleya qachootaa irraa kaatee gara alaatitti ciqilee kuma tokko teetuu ti. 5Qachoota wodhakka'atti hambura'aatii, karaa baya adu'uutiin ciqilee kuma lama, karaa kibbaatiin ciqilee kuma lama, karaa seensa adu'uutii ciqilee kuma lama, karaa kaabaatiin ciqilee kuma lama dhowa'a. Lafa tana horii qachoota keessaa addee itti tiffattanu hin godhatan.
Qachoota Itti Baqatanu
6«Qachoota isin Lewwootaaf kennitanu keessaa qachooti jaa qachoota nami nama ijjeese itti baqatu hin te'an. Itti dabala'aatii qachoota afurtamii lama isaaniif kenna'a. 7Wolumatti qachoota afurtamii saddeeti, lafa horiin itti tiffatanu woliin Lewwootaaf kenna'a. 8Lafa Israa'elooti dhaalte keessaa akkuma gosi tokko tokkooyyuu qooda qaddutti gosa qachoota hedduu qaddu irraa qachoota hedduu, gosa qachoota diqqaa qaddu irraa qachoota diqqaa fuudha'aatii Lewwootaaf kenna'a» jedhe.
9Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 10«Ati Israa'elootatti dubbadhuutii, isaaniin, ‹Laga Yordaanosii gamatti buutanee, gara lafa Kana'aanii yennaa seentanu, 11Qachoota nami danu'uun nama ijjeese itti baqatu filadha'a. 12Qachooti sun nami nama ijjeese mura'aaf wolde'a dura adoo hin dhaabbatin akka hin ijjeefanne, nama haluu bayu duraa addee itti baqatu hin te'an. 13Qachoota isin Lewwootaaf kennitanu keessaa, qachooti jaa ka isin itti baqattanu hin te'an. 14Laga Yordaanosii irraa karaa baya adu'uutiin Qachoota sad, lafa Kana'aanii keessaa qachoota sad qachoota nami itti baqatu kenna'aaf. 15Qachooti jaan kun isin Israa'eloota keessaa, alaga'aa fi kolbaa odduu teessan leetu ta dhibii mara keessalle'ee, nama danu'uun nama ijjeeseef addee itti baqattanu hin te'an.
16« ‹Nami tokko meya sibiilaatiin nama tokko dhowee nami sun yoo du'e, nami sun nama nama ijjeese; nami nama ijjeese sun ijjeefamuu ti. 17Yookiin nami tokko dhakaa nama ijjeesuu dande'u harkaa qabaatee, nama tokko dhowee yoo ijjeese, nami sun nama dhiigaa ti; nami nama ijjeese sun ijjeefamuu ti. 18Yookiin nami tokko muka nama ittiin dhowee ijjeesuu dande'u harkaa qabaatee, nama tokko dhowee yoo ijjeese, nami sun nama nama ijjeese; nami nama ijjeese sun ijjeefamuu ti. 19Nami haluu bayiisaaf barbaadu nama nama ijjeese san ijjeesuu ti; yennaa isa dhagge ijjeesuu ti. 20Nami tokko beekaa nama dhibii jibbee darbee yookiin waan tokko itti darbatee yoo ijjeese, 21yookiin jibbee harka ifiitiin dhowee nami sun yoo du'e, inni ijjeefamuu ti; nami sun nama dhiigaa ti; nami haluu bayiisaaf barbaadu yennaa nama nama ijjeese san dhagge ijjeesuu ti.
22« ‹Te'uu malee, nami tokko diinummaa adoo irraa hin qabaatin dedhuma nama dhibii darbee yookiin waan tokko itti darbatee yoo ijjeese, 23yookiin adoo isa hin dhaggin, dhakaa nama ijjeesuu dande'u itti darbatee nami sun yoo du'e, inni diina isaa waan hin te'iniif, isa miidhiisaafille beekaa waan hin godhiniif, 24wodhakkaa nama nama ijjeeseetii fi nama haluu bayuutitti akka seerata kanaatitti wolde'i muraa kennu muraa kennuu ti. 25Wolde'i sun nama nama ijjeesee himatame san nama haluu bayiisaaf barbaadu san irraa dhooggee, gara qachaa inni itti baqatee san isa deebisuu ti. Hayyichi guddaan zayitii woyyitti'iin muudame sun haga du'utti inni achi turuu qaba. 26Te'uu malee, nami nama ijjeesee himatame sun meessaa qachaa itti baqate san keessaa alatti yoo baye, 27nami haluu bayiisaaf barbaadu sun meessaa qachaa saniitiin alatti dhaggee yoo isa ijjeese, yakkaa nama ijjeecha'aatiin hin himatamu. 28Nami nama ijjeese sun haga hayyichi guddaan sun du'utti qachaa ifii ka itti baqate san keessa turuu qaba; eega hayyichi guddaan sun du'e qofa gara lafa ifii deebi'a. 29Addee leetanu maratti, dhaloota dhufu mara keessatti kun seerata isiniif te'uu ti.
30« ‹Nami nama ijjeese yoo dhugaa irratti bayane qofa ijjeefama; te'uu malee dhugaa baya nama tokkoo qofaan nami tokkolle hin ijjeefamin. 31Nami duuti itti murante, ijjeefamuu ti malee, wodoo isaa hin fudhatina'a; nami sun dhugumaan ijjeefamuu qaba. 32Nama gara qachaa itti baqatanuu baqate tokko adoo hayyichi guddaan hin du'in akka inni gara lafa ifii deebi'ee le'uuf wodoo irraa hin fudhatina'a. 33Dhiigi waan lafa batteessuuf, lafa keessa leetanu dhiigaan hin batteessina'a! Dhiiga nama dhiiga dhangalaaseetiin malee, dhiigi nama dhibi'ii dhangalaafamee lafa saniif gumaan hin tolfamin. 34Ani Mootiin Waan Maraa isin Israa'eloota odduu waan buluuf, lafa keessa leetanuu fi addee anille bulu hin batteessina'a!› jedhi» jedhe.

Did you know?
Levitical Towns and Cities of Refuge
- Unlike the other tribes, the Levites were not allotted a continuous territory. Instead, the Israelites were instructed to provide them with forty-eight cities along with surrounding pasturelands, contributed by each tribe in proportion to the size of its tribal inheritance.Sources: the Bible text itself
- Six of the forty-eight Levitical towns were designated as cities of refuge, with three located east of the Jordan and three in the land of Canaan. These sanctuaries offered legal protection for Israelites and resident foreigners who caused an accidental death, sheltering them from the avenger of blood until a formal trial could take place.Sources: the Bible text itself · Canaan · Jordan
- The law strictly distinguished between intentional murder and accidental manslaughter, requiring multiple witnesses before carrying out capital punishment. Furthermore, financial ransoms were forbidden either to spare a convicted murderer or to release an accidental killer from their city of refuge before the death of the high priest.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jericho · Today: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · verse 1
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verses 1, 10, 14
- Moab · Today: Moab 2 · 31.840, 35.674 · verse 1
- Canaan · 32.767, 35.333 · verses 10, 14
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org