Numbers 34
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Meessaa Lafa Kana'aanii
1Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Ati Israa'elootaan, ‹Lafa Kana'aanii ta ani isinii kennu sanitti yennaa galtane, meessaan isi'ii: 3Gara kibbaatiin goomolee Ziinii ta meessaa Edoomii jirtu irraa lafa diqqoo dabalata. Gara aduun baatuun, meessaan keessan ka gara kibbaa irga abbaayaa sooddaa irraa ka'a. 4Achiin duuba gara Aqrabiimii ol qabatee gara kibbaa deebi'ee, Ziin keessa dabaree gara kibbaatiin haga Qaadesh-Barna'aa ti. Achiin duuba karaa Haazar Adaarii dhaqee gara Azmoona'aa dabara. 5Azmoon irraa ka'ee gara laga Gibxi'ii deebi'ee abbaayaa Mediteraaniya'aatitti hin dhaabbata.
6« ‹Meessaan keessan ka gara aduun seentuu abbaayaa Mediteraaniya'aa hin te'a. Kun meessaa keessan ka gara aduun seentuu ti.
7« ‹Meessaa keessan ka gara kaabaa abbaayaa Mediteraaniya'aatii haga gaara Hooriititti beessisa itti godhadha'a. 8Gaara Hooriitii haga Leboo-Haamaatii ti; dhumi meessaa sanii Zedaad hin te'a. 9Achille'ee haga Ziifronii dhaqee Haazar Enaanitti dhaabbata. Kun meessaa keessan ka gara kaabaa ti.
10« ‹Meessaa keessan ka gara baya adu'uutiif, Haazar Enaan irraa haga Shefaamiititti beessisa itti godhadha'a. 11Meessaan kun Shefaamii ka'ee Aayin irraa gara baya adu'uutiin gara Riibla'aa gad bu'ee, haga goodda abbaayaa Kiineretii irraa gara baya adu'uu jirtuulle gad dhaqa. 12Achiin duuba meessaan keessan haga laga Yordaanosii gad bu'ee, abbaayaa sooddaatitti dhaabbata; meessaa isi'ii woliin, tun lafa teessan hin teeti› jedhiin» jedhe.
13Muuseen Israa'eloota ajajee, «Lafa tana hixaa buufadha'aa qoodama; Mootiin Waan Maraa gosa sagalii fi gamisa gosa Minaase'eetiif akka kennatantu ajajeera; 14sababille gosi Ruubeniitii fi gosi Gaadii, gamisi gosa Minaase'eelle akka maatii maatii ifiititti lafa ifii fudhataneeran. 15Gosi lamaan tunii fi gamsi gosa Minaase'ee, laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatuun, Yeriko'oon gama karaa baya adu'uutiin lafa ifii fudhataneeran» jedhe.
Sooressitoota Lafa Qoodiisaaf Filamane
16Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 17«Maqaan namoota lafa isiniif qoodanuu: hayyicha Ele'azaarii fi Iyaasuu ilma Nunii ti. 18Lafa qoodiisaaf akka qarqaaranu gosa mara keessaa sooressa tokko tokko fila'a. 19Maqaan isaanii:
gosa Yihuda'aa keessaa,
ilma Yofune'ee Kaaleb;
20gosa Shimi'oonii keessaa ilma Amiihudii Shemu'el;
21gosa Beniyaaminii keessaa,
ilma Kiislonii Eliidaad;
22gosa Daanii keessaa sooressa tokko,
ilma Yogliitii Buki;
23gosa Minaasee ilma Yoseefii keessaa sooressa tokko,
ilma Efodii Haanii'el;
24gosa Efreemii ilma Yoseefii sooressa tokko,
ilma Shiiftaanii Kemu'el;
25gosa Zebuloonii keessaa sooressa tokko,
ilma Phaarnaakii Eliizaafaan;
26gosa Yisaakorii keessaa sooressa tokko,
ilma Aazaanii Phaalti'el;
27gosa Asheerii keessaa sooressa tokko,
ilma Shelomii Ahiihud;
28gosa Naftaalemii keessaa sooressa tokko,
ilma Amiihudii Phedaahel» jedhe.
29Lafa Kana'aanii keessatti akka lafa Israa'elootaaf qoodanu namooti Mootiin Waan Maraa ajaje isaan kana.

Did you know?
Boundaries and Leaders of the Promised Land
- Numbers 34 outlines the exact geographical boundaries for the land of Canaan, using natural landmarks such as the Salt Sea, the Great Sea (the Mediterranean), a northern Mount Hor, and the Jordan River.Sources: the Bible text itself · Canaan · Great Sea · Mount Hor
- This territorial allotment was designated for nine and a half tribes, because the tribes of Reuben, Gad, and half the tribe of Manasseh had already received their inheritance on the eastern side of the Jordan River.Sources: the Bible text itself · Reuben · Gad
- To oversee the distribution of the land by lot, God designated the high priest Eleazar and Joshua son of Nun, accompanied by one named leader from each of the remaining tribes, including Caleb for Judah.Sources: the Bible text itself · Eleazar · Joshua
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Canaan · 32.767, 35.333 · verses 2, 29
- Edom · 30.746, 35.604 · verse 3
- Salt Sea · Today: Dead Sea · 31.500, 35.500 · verses 3, 12
- Zin · Today: Zin Desert · 30.971, 35.325 · verse 3
- Great Sea · Today: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · verses 5, 6, 7
- Shepham · Today: within 100 km of Hermel · 34.397, 36.387 · verses 10, 11
- Sea of Galilee · 32.819, 35.590 · verse 11
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verses 12, 15
- Jericho · Today: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · verse 15
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org