Numbers 13
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Worra Dooyiisaaf Gara Lafa Kana'aanii Ergame
1Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Lafa Kana'aanii ta ani Israa'elootaaf kennu san dhaqanee akka dooyanuuf, gosa Israa'elii kudhanii lamaanuu keessaa sooressa tokko tokko filii ergi» jedhe. 3Maarre Muuseen akka ajaja Mootii Waan Maraatitti goomolee lafa Phaaraanii keessaa isaan erge; isaan martinuu sooreyyii Israa'elootaa ti. 4Maqaan isaanii ka asii gad jiru kana: Gosa Ruubenii keessaa, Shamaa'uu ilma Zaakurii ti; 5gosa Shimi'oonii keessaa, Shaafaatii ilma Horii ti; 6gosa Yihuda'aa keessa, Kaalebii ilma Yofunee ti; 7gosa Yisaakorii keessaa, Yigaalii ilma Yoseefii ti; 8gosa Efreemii keessaa, Hose'aa ilma Nunii ti; 9gosa Beniyaaminii keessaa, Phaaltii ilma Raafuu ti; 10gosa Zebuloonii keessaa, Gaadi'elii ilma Sodii ti; 11gosa Minaase'ee gosa Yoseefii keessaa, Gadii ilma Susii ti; 12gosa Daanii keessaa, Amii'elii ilma Gemaalii ti; 13gosa Asheerii keessaa, Sexurii ilma Mikaa'elii ti; 14gosa Naftaalemii keessaa, Nahibii ilma Wofsii ti; 15gosa Gaadii keessaa, Gewu'elii ilma Maakii ti.
16Maqaan namoota Muuseen akka dhaqanee lafa san dooyanuuf erge isaan kana; Muuseen Hose'aa ilma Nuii, «Iyaasuu» jedhee maqaa moggaase.
17Muuseen lafa Kana'aanii akka dooyanuuf yennaa isaan erge, «Karaa kibba Kana'aaniitiin gara biyya koobitti'ii ol baya'aatii, 18latti sun attam akka jirtu, kolbaan achi keessaa jajjadduu yookiin dadhadduu, hedduu yookiin diqqoo akka teete, 19latti isaan keessa le'anu dansaa yookiin badduu akka teete, qachaan isaan keessa le'anu ka dalleya hin qanne yookiin ka dalleya dhaka'aa qabu akka te'e, 20lattille jiituu yookiin godduu akka teete, muki akka irra jiruu fi hin jirre ilaala'a. Itti jabaadha'aatii, midhaan lafa sanii keessaa garii fida'a» jedhe. Yennaan sun yennaa midhaan woyni'ii ka qaraa bilchaatu.
21Maarre isaanille ol bayanee goomolee Ziiniitii kaasane haga Rehoobii, ta seensuma qachaa Haamaatitti dhikoo jirtuu dooyane. 22Isaan karaa Negebiitiin, addee sanyiin Aanaaqotaa gosi Ahimaanii, gosi Sheshaayiitii fi gosi Talmaayii le'anu gara Hebroonii dhufane. Hebroon qachaan biyya Gibxi'ii keessaa Zo'aan adoo hin ijaaraminiin dura woggaa torbaan dura ijaarante. 23Isaan dhooqa Eshikolii yennaa geyane, unkuruura midhaan woyni'ii muranee, wodhakkaa isaan lamaaniititti danqaraa irra keyanee gurmuu irratti ba'atanee, midhaan muka Rumaaniitii fi harru'uu woliin fidane. 24Israa'elooti unkuruura midhaan woyni'ii achii waan murataneef, addee san, «Dhooqa Eshikolii» jedhanee moggaasane.
25Isaan guyyaa afurtamaaf lafa san dooyanee deebi'anee, 26Qaadeshitti goomolee Phaaraanii keessatti gara Muuse'ee, gara Aaroniitii fi gara kolbaa Israa'elii duudi'ii dhufanee waan dhaggane wolde'a duudi'itti himanee, midhaan lafa saniille isaanitti mudhisane. 27Isaan Muuse'een, «Nuuti lafa ati itti nu ergite san dhandheerra; isiin lafa aananii fi dammaa ti; midhaan lafa saniille kunoo ti. 28Garuu kolbaan lafa san keessa leetu jajjaddu'u; qachooti isaaniille akka malee gugurdaa ka dalleya dhaka'aa qabanu; nuuti sanyii Aanaaqotaalle achitti dhaggineerra. 29Worri Amaaleqootaa lafa kibba Kana'aanii keessa le'an; worri Heetotaa, worri Yibusootaatii fi Amoorotaa biyya Koobittii keessa le'an; worri Kana'aanotaa qarqara abbaayaa Mediteraaniya'aatii fi laga Yordaanosii le'an» jedhane.
30Achiin duuba Kaaleb kolbaa Muusee duratti cadhisiisee, «Nuuti isaan injifatiisa waan dandeennuuf, ammuma dhandhee lafa san qabannuu ti» jedhe. 31Namooti Kaaleb woliin dhaqane ammoo, «Isaan nu caalaa worra jajjaba waan te'aneef, nuuti isaan loliisaaf hin dandeennu» jedhane. 32Maarre isaan marroo lafa dhaqanee dooyanee oduu gadhee odeessanee, «Latti nuuti dhandhee dooyanne sun, lafa worra isii keessa le'iisaaf dhaqu fixxu; kolbaan nuuti achitti dhaggine martinuu dhedheertu'u. 33Nuuti achitti namoota hojja'aa fi hunnaan nama caalanu sanyii Aanaaqotaa Nefiliim dhaggineerra; nuuti yennaa ifi ilaallu korophiisa ifitti fakkaanne; isaanille'etti akkasuma fakkaanne» jedhane.

Did you know?
Spying Out the Promised Land
- Moses sent twelve leaders representing the tribes of Israel from the Wilderness of Paran to scout the land of Canaan. The expedition explored the territory for forty days, traveling north from the arid Negev as far as Rehob toward Lebo-hamath.Sources: the Bible text itself · Paran · Negeb · Rehob
- At a valley called Eshcol, the scouts gathered specimens of the fertile land's harvest, including pomegranates, figs, and a single cluster of grapes so heavy that two men carried it on a wooden pole.Sources: the Bible text itself · Brook Eshcol
- Before dispatching the leaders, Moses gave Hoshea son of Nun the name Joshua. Upon returning, Caleb and Joshua encouraged Israel to take the land, while the other scouts reported with fear that the cities were fortified and inhabited by the tall descendants of Anak.Sources: the Bible text itself · Joshua · Caleb · Anak
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Canaan · 32.767, 35.333 · verses 2, 17
- Paran · 30.303, 34.777 · verses 3, 26
- Negeb · 31.245, 34.841 · verses 17, 22, 29
- Zin · Today: Zin Desert · 30.971, 35.325 · verse 21
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 22
- Hebron · Today: Tel Rumeida · 31.525, 35.102 · verse 22
- Zoan · Today: Tanis · 30.977, 31.880 · verse 22
- Amalek · 30.648, 34.422 · verse 29
- Great Sea · Today: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · verse 29
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verse 29
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org