Nations Bible

Numbers 12

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Miiryaamii Fi Aaron Muusee Mormane

1Muuseen intala worra Itoophiya'aa waan fuudheef, Miiryaamii fi Aaron isa irratti ka'anee, 2«Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'ee qofaan dubbateeraa? Inni karaa keennalle'een dubbateeraa motii?» jedhane. Mootiin Waan Maraa waan isaan jedhane dhage'e. 3Muuseen namoota lafa irra jiranu mara caalaa, gadhi-laafessa.

4Dedhuma Mootiin Waan Maraa Muuse'een, Aaronii fi Miiryaamiin, «Isin sadiinuu gara Dunkaanii Woldeenna'aa kowaa» jedhe. Maarre isaan sadiinuu dhaqane. 5Achiin duuba Mootiin Waan Maraa utubaa duumensa keessa gad bu'ee, seensuma dunkaani'ii irra dhaabbatee, Aaronii fi Miiryaam waame. Isaan lamaanuu gara duraa yennaa dhufane, 6inni isaaniin, «Amma jecha kiyya dhage'a'a! Raagaan tokko odduu teessan yoo jiraate, ani mudhi'iin isatti ifi mudhisa; oojjuulle'een isatti hin dubbadha. 7Muusee tajaajilaa kiyya woliin ammoo akkas hin dubbadhu; inni mana kiyya mara keessatti addatama'a. 8Ani isa woliin ifatti, fuula duratti dubbadha malee, hiibbo'oonii moti; inni akka akki kiyya jiruuyyuu hin dhagga! Isin attam tajaajilaa kiyya Muusee irratti dubbatiisa sodaatuu dhaddane?» jedhe.

9Mootiin Waan Maraa guddoo isaanitti aaree isaan biraa deeme. 10Yennaa duumensi dunkaanii irraa ka'e, Miiryaamiin dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabantee adii akka dhakaa bokkeyaa teete. Aaron garagalee Miiryaam yennaa ilaale, isiin dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabanteertuun dhagge. 11Achiin duuba Aaron Muuse'een, «Maganne'e, goottaa kiyya, cubbuu nuuti gowwumma'aan hunye tana nutti hin laakkowin. 12Akka finna adoo hin dhalatin du'ee, shamiisatti jiruun gadaamessa haadhaa keessaa bayuu, isii hin tolchin» jedhe.

13Maarre Muuseen gara Mootii Waan Maraa iyyee, «Ee, Waaqa, isii fayyis!» jedhe.

14Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Abbaan isi'iituu fuula isi'iititti yoo tufe, isiin guyyaa torba hin fokkifattii motii? Maarre isiin guyyaa torba addee quttumaatii baatuu ti; achiin duuba deebi'uu hin dandeetti» jedhe. 15Maarre Miiryaam addee quttumaatii baatee guyyaa torba turte; haga isiin deebitutti kolbaalle addee quttumaatii hin tachoone. 16Achiin duuba kolbaan sun Haserootii kaatee goomolee Phaaraanii keessa qubatte.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Miriam and Aaron Oppose Moses

  • The name Hazeroth refers to fenced enclosures, traditionally low stone walls topped with thorny acacia branches to shelter tents and livestock. It was at this encampment that the confrontation over Moses took place before the Israelites moved on to the Wilderness of Paran.Sources: Hazeroth · Paran · the Bible text itself
  • Miriam and Aaron were Moses' older siblings and held major leadership roles: Miriam was recognized as a prophetess who led the victory celebration after the Red Sea crossing, and Aaron served alongside Moses from the time of the Exodus.Sources: Miriam · Aaron · the Bible text itself
  • The chapter highlights a distinction between standard prophetic revelation, which God gave through visions and dreams, and Moses' unique relationship with God, who spoke with him face to face and plainly rather than in riddles.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Paran · 30.303, 34.777 · verse 16

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.