Micah 4
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Gaara Mootii Waan Maraa
1Bara muumme'ee gaarri Galmi Mootii Waan Maraa irra jiru gaara mara ka caalu hin te'a; kooba mara caalee hin mudhata; gosi biyya adda addaa hedduun gara gaara sanii hin yaati. 2Gosi biyya adda addaa hedduun dhuttee, «Kowa'a, gara gaara Mootii Waan Maraa, gara Galma Waaqa Yaaqoobii ol baana. Akka nuuti daandii isaa irra ideennuuf, inni karaa ifii nu hin barsiisa» hin jetti. Seerri Xiyoon irraa, jechi Mootii Waan Maraa Yerusaalem irraa hin baya. 3Inni wodhakkaa kolbaa heddu'uutitti hin mura; wol dhaba gosa biyya adda addaa jajjabbaan odduu jirtu hin sirreessa; isaan shallaagaa ifii qottoo, eboo ifiille haantuu hin tumatan. Gosi biyya tokkoo, gosa biyya takkaa irratti lola hin kaachu; leenjiin woraanaalle hin jiraattu. 4Nami martinuu muka woynii ifiitii fi muka harru'uu ifii jala hin tee'a; ka isaan sodaachisu hin jiru; Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade tana dubbateera. 5Gosi biyya adda addaa marti maqaa waaqota ifiitiin hin ideeman; nuuti ammoo bara baraa haga bara baraa maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatiin hin ideenna.
Kolbaan Israa'elii Boojuu Irraa Hin Deebiti
6Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa san ani worra naafolee, worra booji'amee fi worra akka gaddanu godhe wolitti hin qaba. 7Worra naafolee baraaree hin hambura; worra booji'ame gosa biyya jaddu'uu hin godha; ani Mootiin Waan Maraa guyyaa sanii jalqabee gaara Xiyoonii irratti bulchaa isaanii hin te'a. 8Ee xelleephoo eeddoo gaara Xiyoonii, addee Waaqi akka tisse'ee irra tee'ee kolbaa ifii eegu, qachaan guddichi keeti ka durii adde'etti hin deebi'a. Mootummaan qachaa Yerusaalemii hin deebiti» jedha.
9Ati amma maaf qoonqoo ol qabaattee iyyita? Ati mootii hin qadduu? Akka dubartii ciniinsifattuu ka rakkattu, ka si gorsu dhabamee tii? 10Isin kolbaa Xiyoonii, akka dubartii ciniinsifattuu, aadaa rakkadha'a; qachaa keessaa baya'aatii, diida keessa qubadha'a. Gara Baabilonii hin ideentan; achitti Mootiin Waan Maraa harka diina keessanii jalaa isin baasee, isin hin woda. 11Amma ammoo gosi biyya adda addaa hedduun si loliisaaf wolitti qabantee, «Yerusaalem battoottuu ti; ilti teenna Xiyoon ceeggattuu ti» jetti. 12Isaan ammoo yaada Mootii Waan Maraa hin beekanu; akka laddee eeddumme'etti wolitti qabanuu, karoora ka isaan wolitti qabuu sanii hin hubanne.
13Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Xiyoonii, ka'a'a! Diina keessan akka midhaanii dhowa'a! Ani gaafa sibiilaa isiniif hin kenna; kottee sageettu'uu isiniif hin kenna; isinille gosa biyya adda addaa hedduu hin butuchitan.
«Bu'aa isaan hunnaan dhaggatane ana Mootii Waan Maraatiif, karra isaanii Goottaa lafa duudi'iitiif hin dhikeessitan» jedha.
Did you know?
Peace in Zion and Restoration from Babylon
- Micah portrays Mount Zion, the prominent hill of Jerusalem, elevated as the chief mountain to which nations gather to learn the ways of God. In this vision of divine arbitration, nations cease training for war and repurpose weapons such as swords and spears into agricultural tools like plowshares and pruning hooks.Sources: the Bible text itself · Zion · Jerusalem
- The phrase describing each person sitting under their own vine and fig tree is a proverbial image of complete safety, domestic tranquility, and agricultural abundance free from fear of invasion.Sources: the Bible text itself
- The prophet foretells that the people of Zion will be forced to leave their city, camp in the open countryside, and go to Babylon on the Euphrates, where they will ultimately be rescued and redeemed.Sources: the Bible text itself · Babylon
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Mount Zion · 31.772, 35.229 · verses 1, 7
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 2, 8, 9, 11
- Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 2, 8, 10, 11, 13
- Babylon · 32.543, 44.422 · verse 10
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org