Micah 3
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Sooressitootii Fi Raagoti Xixamane
1Achiin duuba ani, «Isin sooreyyiin kolbaa Yaaqoobii, bulchitooti kolbaa Israa'elii caqasa'a; isin haqa beeku'uu hin mallee? 2Isin waan dansaa jibbitanee, waan hantuu jaalattane; kolbaa tiyya irraa gogaa, lafee isaanii irralle'ee foon quncittane. 3Isin foon kolbaa tiyyaa nyaattane; gogaa isaanii irraa quncittane; lafee isaaniille butuchitane; akka foon akowanuutii fi akka foon okkote'etti iffeelanuu kukkuttane» jedhe. 4Isaan gara Mootii Waan Maraa hin iyyan; inni ammoo deebii isaaniif hin kennu. Isaan waan hantuu hujaneef, inni yennaa san fuula ifii isaan irraa hin deebifata.
5Mootiin Waan Maraa, «Raagoti kolbaa tiyya karaa irraa gorsitu, yoo nami areereef, isaan nageya lassan; yoo nami hin areeriniif, woraana irratti lassan. 6Tanaaf, halkan mudhii hin dhagginee fi dukkanti waan gara duraa hin dhaggisiinne hin dhutti. Raagota irratti aduun hin seenti; guyyaan isaanitti hin dukkana. 7Waaqi deebii waan isaaniif hin deebinneef, worri mudhii dhaggu hin qaanowa; worri waan gara duraa himulle hin salphata; isaan fuula ifii hin gollatan» jedha.
8Ani ammoo Yaaqoobiif yakkaa isaa, Israa'eliif cubbuu isaa himiisaaf hunnaan, Ayyaana Mootii Waan Maraatiin, haqaa fi jabeenna gudda'aan guutameera. 9Isin sooressitooti sanyii Yaaqoobii, bulchitooti sanyii Israa'elii, worri haqa tuffattane, worri waan dhugaa te'e mara micciirtanu tana dhage'a'a; 10isin dhiiga dhangalaasiisaan Xiyoon, hammeennaan Yerusaalem ijaartan. 11Sooressitooti isi'ii safu'uuf muran; hayyooti isi'iille gati'iif barsiisaan; raagoti isi'iille beese'eef raagan. Isaan ammoo Mootii Waan Maraatitti irkatanee, «Dhugumaan Mootiin Waan Maraa odduu teenna jira. Balaan nutti hin dhufu» jedhan.
12Tanaaf sababa keessaniif, Xiyoon akka ficha'aa hin qotanti; Yerusaalem tuulaa bututaa hin teeti; kooba Galma Waaqaa raaqi itti hin lata.

Did you know?
Corruption of Leaders and the Fate of Jerusalem
- Micah denounces the leadership of Jacob and Israel for systemic corruption across all public offices. In this passage, civic magistrates judge for bribes, priests teach only for compensation, and prophets proclaim peace to whoever feeds them while declaring hostility against those who do not.Sources: the Bible text itself
- Jerusalem, built on eminences including Mount Zion, was considered invulnerable by its rulers, who assumed God would never allow disaster to strike. Micah challenged this presumption by warning that their wickedness would cause Zion to be plowed like an open field and Jerusalem to become a heap of rubble.Sources: the Bible text itself · Zion · Jerusalem
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 10, 12
- Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 10, 12
- Mount Zion · 31.772, 35.229 · verse 12
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org