Matthew 4
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Ataabamuu Yesuusii
1Achiin duuba akka Yesuus Seexanaan ataabamu Ayyaanni Woyyichi gara goomole'ee geesse. 2Yesuus guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama laameen duuba beelote. 3Achiin duuba Seexanni gara isaa dhufee, «Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te'u ajaji» jedhe. 4Yesuus ammoo, «Barreeffam Woyyichi, ‹Jecha afaan Waaqaa keessaa bawu maraan malee, nami sagalee calla'aan hin le'u› jedha» jedhee deebise.
5Achiin duuba Seexanni gara Qachaa Woyyichaa gara Yerusaalemii Yesuus geessee, qaccee guutuu Galma Waaqaa gubbaa isa dhaabbachiisee, 6«Barreeffam Woyyichi,
«‹Miilli keeti dhaka'aan akka hin gufanne,
akka isaan harka ifiitiin si kiphanuuf,
ergantoota ifii hin erga› waan jedhuuf,
Ilma Waaqaa yoo teete asi irraa gad if darbi» jedheen.
7Yesuus deebisee, Barreeffam Woyyichi, « ‹Goottaa Waaqa keeti haga hin ilaalin› jedha» jedheen.
8Achiin duuba Seexanni gaara dheeraa tokko gubba'atti isa baasee, mootummoota biyya lafaa mara, ulfinna isaanii mara woliin itti mudhisee, 9«Gad jiddee yoo naaf sagadde, waan kana maraa si'iif hin kenna» jedheen.
10Yesuus deebisee, «Seexana, bayyadhu! Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keetiif sagadi, isa callaa tajaajili› jedha» jedheen.
11Achiin duuba Seexanni Yesuus lakkisee deeme; ergantooti Waaqaalle dhufanee isa tajaajilane.
Yesuus Galiila'atti Hujii jalqabe
12Yesuus hidhama Yohaannisii yennaa dhage'e, gara Galiila'aa deebi'e. 13Qachaa Naaziretii lakkisee, lafa Zabilooniitii fi Niftaalem keessa, cinaa abbaayaa Galiila'aa, qachaa Qifirnaahoom keessa le'e. 14Wonni Isaayaasiin raagichi raagee,
15«Lafa Zabilooniitii fi lafa Niftaalemii,
Yordaanosiin gama, karaa gara abbaaya'aa geessu gubbaa jirtu,
Galiilaa, lafa worra Yihudootaa hin te'inii!
16Kolbaan dukkana keessa leete,
ifa guddaa dhaggite.
Worra lafa gaaddisa du'aa keessa le'uuf,
ifi ife» jedhe akka muummottuuf tun teete.
17Yennaa sanii jalqabee Yesuus, «Mootummaan Waaqaa waan dhikaatteef, cubbuu teessan irraa deebi'a'a!» jedhee lallabiisa jalqabe.
Yesuus Barattoota Jalqabaa Arfan Waame
18Yesuus abbaayaa Galiila'aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi'ii ka te'ane obboleeyyan lamaan: Simoon ka Pheexroos jedhamee fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo abbaaya'atti afanuun dhagge. 19Yesuus isaaniin, «Na hordofa'a! Ani guurtuu namaa isin tolcha» jedhe. 20Isaan yennuma san caccoota ifii lakkisanee isa hordofane.
21Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannis, ilmaan Zabdewoosii dhagge. Isaan hoboloo ifii keessatti abbaa ifii Zabdewoos woliin caccoota ifii subbiisatti jiraniiyyu. Yesuus isaan waame; 22isaanille yennuma san hobolo'oo fi abbaa ifii lakkisanee, isa hordofane.
Barsiisiisa, Lallabiisaa Fi Fayyisiisa Yesuusii
23Yesuus manoota waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisaa, Oduu Gammadaa ta marroo mootummaa Waaqaa lallabaa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa mara irraa kolbaa fayyisaa Galiilaa duudii keessa deddeeme. 24Gurri isaa biyya Sooriya'aa maratti dhage'ame; waan kanaaf worra dhibameeru, dhukkuba adda addaatii fi dhibe'een farru, worra ayyaanni hamaan qabeeru, worra gaggaadduu qabuu fi worra laashoweeru mara kolbaan gara isaa fidde. Yesuusille isaan fayyise. 25Achiin duuba gumiin hedduun Galiilaa irraa, Qachaa qachoota Kudhan jedhamu irraa, Yerusaalem irraa, Yihudaa irraa, Yordaanosiin gamalle'ee isa hordofane.

Did you know?
From the Wilderness to the Shores of Galilee
- The tempter in this chapter is called both the devil and Satan, a name meaning "adversary" or "accuser." A Bible dictionary notes that in the New Testament Satan is used interchangeably with the devil, and that he tempted Jesus in the wilderness. After fasting forty days and forty nights, Jesus refused demands to turn stones into bread, to throw himself from the pinnacle of the temple, and to worship Satan in exchange for the kingdoms of the world, answering from Scripture until the devil left and angels ministered to him.Sources: the Bible text itself · Satan
- When Jesus heard that John had been imprisoned, he withdrew to Galilee, left Nazareth, and settled in Capernaum, by the sea in the region of Zebulun and Naphtali, a move that Matthew links to words spoken through the prophet Isaiah. A geographical note explains that Galilee remained long occupied by its earlier inhabitants and so came to be called "Galilee of the Gentiles." Capernaum is not mentioned in the Old Testament; a place entry says that after Jesus was expelled from Nazareth it became his own city.Sources: the Bible text itself · Galilee · Capernaum
- Walking beside the Sea of Galilee—a lake that the Gospel of John also calls the Sea of Tiberias, about twelve and a half miles long—Jesus called two pairs of brothers who worked as fishermen. Simon, called Peter, and Andrew were casting a net; a Bible dictionary notes that Andrew, from Bethsaida, had first been a disciple of John the Baptist, and that the two brothers did not become Jesus' stated attendants until after John's imprisonment. Farther along, James and John, sons of Zebedee, were in a boat with their father mending nets; Jesus called them, and both pairs left their work and followed him.Sources: the Bible text itself · Andrew · James (Son of Zebedee) · Sea of Galilee
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 5, 25
- Galilee · 32.760, 35.527 · verses 12, 13, 15, 23, 25
- Judea · Today: Judea 1 · 31.777, 35.234 · verses 12, 25
- Nazareth · 32.702, 35.298 · verse 13
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verses 15, 25
- Sea of Galilee · 32.819, 35.590 · verse 18
- Syria · Today: Syria 2 · 33.511, 36.306 · verse 24
- Decapolis · 32.717, 35.800 · verse 25
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org