Nations Bible

Matthew 24

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Yesuus Diigamiisa Galma Waaqaa Dubbate

1Yesuus Galma Waaqaatii bayee adoo deemiisatti jiruu, barattooti isaa ijaarsa Galma Waaqaa isatti mudhisiisaaf dhufane. 2Achiin duuba inni, «Isin waan kana mara hin dhaggitanii motii? Ani dhugaa isinitti hima, dhakaan tokkochi wol irratti hin hafu; isaan maraa hin diigaman» jedhe.

Rakkinnaa Fi Miidhaa Dhufa Gootta'aatiin Duratti Te'u

3Yesuus gaara ejersaa gubbaa tee'iisatti jiruun, barattooti isaa qofuu gara isaa dhufanee, «Nutti himi, kun yoom te'a, dhufa teetii fi dhuma biyyaa lafaatiif beessisi maan?» jedhane.

4Yesuus deebisee, «Eennulle akka isin hin dokonkorsine ifi eeggadha'a! 5Worri hedduun, ‹Ani Masiihii› jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan. Worra hedduulle hin dokonkorsan. 6Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne ilaalladha'a; wonni akkasii kun te'uu qaban, ammoo ammalle muummeen hin geenne. 7Gosi gosatti, mootummaalle mootumma'atti hin kaati; beellii fi tacho'i lafaa addee adde'etti hin te'an. 8Kun marti ammoo ciniinsuu jalqabaa ti.

9«Achiin duuba isaan akka rakkattanuu fi ijjeefantanu dabarsanee isin hin kennan, sababa maqaa kiyyaatiif gosa maraan hin jibbatantan. 10Yennaa san namooti hedduun dhugeeffannaa irraa hin jigan, isaan wol dabarsanee hin kennan, wolille hin jibban. 11Raagoti dharaa hedduulle hin ka'an, worra hedduulle hin dokonkorsan. 12Waan hammeenni fakkanuuf, jaalalli nama heddu'uu qabbanowaa deema. 13Nami haga muumme'ee ciniinnatee ossatu ammoo hin fayya. 14Gosa maraaf dhugaa baya akka teetu, Oduun Gammadaa ta mootummaa Waaqaa, biyya lafaa maratti hin lallabanti. Achiin duuballe muummeen hin dhutti» jedhe.

Farra Badi'ii

15Yesuus itti dabalee, «Akkuma raagaan Daani'el dubbate, ‹Farra badi'ii› addee woyyittii dhaabbattuun yennaa dhaggitanu, ka kana dubbisu hubatuu ti! 16Yennaa san worri biyyaa Yihuda'aa keessa jiru gara gaarotaa baqatuu ti. 17Nami heellichoo manaa gubbaa jiru waan mana keessaa fudhatiisaaf gad hin bu'in. 18Nami fichaa keessa jiru woyaa fudhatiisaaf gara manaa hin deebi'in. 19Guyyoota san dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif aanne'e! 20Baqi keessan ganna yookiin guyyaa Sanbataa akka hin teene daadimadha'a! 21Yennaa san rakkinni guddaan hin te'a, rakkinni akkasii haga biyyi lafaa dadanteen jalqabee haga ammaatitti te'ee hin beeku, ijjumaa deebi'eelle hin te'u. 22Guyyooti sun adoo gabaabbatuu dhabaatee, nami tokkooyyuu silaa hin fayyuuyyu; sababa worra filameetiif ammoo guyyooti sun hin gabaabbatan.

23«Eennuulle isiniin ‹Kunoo! Masiihiin as jira!› yookiin, ‹Inni achi jira!› yoo jedhe itti hin dhugeeffatina'a. 24Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka'an; isaan yoo dande'ane, kolbaa Waaqi filateeyyuu, dokonkorsiisaaf baasaa fi bilbaasa hin hujan. 25Kunoo ani duraan dursee tana isinitti himeera. 26Maarre isaan, ‹Kunoo! Inni lafa goomole'ee keessa jira› yoo isiniin jedhane gad hin bayina'a; yookiin, ‹Kunoo! Inni kolloo keessa jira› yoo isiniin jedhane hin dhugeeffatina'a. 27Akkuma balaqqeettiin gara baya-adu'uutitti balaqqittee haga gara seensa-adu'uutitti issitu, dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te'a. 28Addee reeffi jirutti allaattiin yaati» jedhe.

Dhufiisa Ilma Namaa

29Yesuus itti dabalee, «Guyyoota rakkinnaa saniin duuba yoosuma aduun hin dukkanootti, jiinille ifa ifii hin kennu; urjooti ol-gubbaa irraa harcaati, hunni ol-gubba'aalle hin raafanti. 30Achiin duuba beessisi Ilma Namaa ol-gubba'atti hin mudhata, yennaa san gosi biyya lafaa marti hin bootti; Ilmi Namaa duumensa gubba'aatiin hunnaa fi ulfinna gudda'aan dhufuun hin dhaggan. 31Inni ergantoota ifii qoonqoo tultullaa gudda'aa woliin hin erga. Isaanille maddii arfan lafaa dhaqanee, worra Waaqaaf filame ka qaccee ol-gubba'aatii haga qaccee taanii jiru wolitti qaban» jedhe.

Barumsa Muka Harru'uu

32Yesuus ammalle, «Muka harru'uu irraa barumsa baradha'a! Yennaa dameeleen isi'ii quunxituu fi baala baattu, bonni akka dhikaate beettan. 33Maarre akkasuma, waan kana mara yennaa dhaggitane akka Ilmi Namaa balbalatti dhikaate beeka'a. 34Ani dhugumaan isinitti hima, wonni kun marti haga teetutti dhalooti kun hin dabaru. 35Lafaa fi ol-gubbaan hin dabaran, jechi kiyya ammoo hin dabaru» jedhe.

Guyyaa Sanii Fi Yennaa San Eennulle Hin Beeku

36Yesuus itti dabalee, «Marroo guyyaa saniitii fi saatii sanii Abbaa malee, ergantooti Waaqaa ta ol-gubba'aalle, Ilmille, eennulle hin beeku. 37Akkuma bara Nohiititti te'e, dhufi Ilma Namaalle akkasuma hin te'a. 38Bara san bisaan badi'iitiin dura, haga Nohi hoboloo guddittii seenetti, namooti nyaataa, unaa, fuudhaa, heerumaalle turane; 39haga bisaan badi'ii dhufee mara isaanii haree deemetti isaan womaa hin beenne. Maarre dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te'a. 40Yennaa san nami lamaan fichaa keessa hin hujata; tokkochi hin fudhatama, tokkochi hin hafa. 41Dubartooti lamaan woliin daakuu daakan; takkattiin hin fudhatanti, takkattiin hin hatti. 42Tanaaf, guyyaa Goottaan keessan dhufu waan hin beenneef, dammaqa'aa eegadha'a. 43Waan kana ammoo hubadha'a: abbaan manaa halkan keessa yennaa hattuun itti dhuttu adoo beekee, inni silaa dammaqee hin eegataayyu, manni isaa akka cabu itti hin lakkisuuyyu. 44Tanaaf Ilmi Namaalle yennaa isin itti hin yaadanetti waan dhufuuf, maarre isinille qophowa'aa le'a'a» jedhe.

Tajaajilaa Addatama'aa Fi Hin Addatanne

45Yesuus itti dabalee, «Tajaajilaan addatama'aa fi qaroon, ka goottaan isaa akka inni tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna'aan kennuuf, maatii ifii irratti itti gaafatamaa godhu kam ree? 46Tajaajilaan goottaan isaa yennaa deebi'u hujiisumatti jiruun dhaggu sun ka badhaadhe. 47Ani dhugumaan isinitti hima, goottaan isaa qabeenna ifii mara irratti itti gaafatamaa isa godha. 48Tajaajilaan hamaan sun ammoo yaada ifii keessatti, ‹Goottaan kiyya hin tura› yoo jedhee, 49tajaajiltoota dhibii dhaaniisa, worra machowanu woliin nyaatiisaa fi uniisa yoo jalqabe, 50goottaan tajaajilaa sanii guyyaa inni isa itti hin yaadanee fi yennaa inni hin beennetti hin dhufa. 51Inni tajaajilaa san hin ciccira qooda isaalle worra kijiboolee woliin godha, achitti bowaa ilkaan qara» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The fall of the temple and the coming of the Son of Man

  • After leaving the temple, Jesus sat on the Mount of Olives, and the disciples came to him privately to ask when these things would happen and what would be the sign of his coming and of the end of the age. The Mount of Olives is a ridge east of Jerusalem, named for the olive trees that clothe its slopes, and it is separated from the city by the Kidron valley.Sources: the Bible text itself · Mount of Olives
  • Jesus says that when they see standing in the holy place the abomination of desolation described by the prophet Daniel, those in Judea should flee to the mountains, not stopping to fetch anything from the house or the field. Under the Romans in the time of Christ, Judea was the southernmost of the three divisions of Palestine, distinct from Galilee and Samaria, and included the territories of the tribes of Judah, Benjamin, Dan, Simeon, and part of Ephraim.Sources: the Bible text itself · Judea
  • Jesus compares the coming of the Son of Man to the days of Noah: before the flood, people were eating and drinking, marrying and giving in marriage, up to the day Noah entered the ark, and they were oblivious until the flood swept them all away. The chapter therefore urges its readers to keep watch, because they do not know the day on which their Lord will come.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Mount of Olives · 31.778, 35.246 · verse 3
  • Holy Place · Today: on Mount Moriah · 31.778, 35.236 · verse 15
  • Judea · Today: Judea 1 · 31.777, 35.234 · verse 16

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.