Matthew 23
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Hammeenna Barsiisota Seera Muuse'eetii Fi Fariisaayotaa
1Achiin duuba Yesuus gumi'ii fi barattoota ifiititti dubbatee, 2«Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti barcumaa Muuse'ee irra te'aneeran. 3Maarre waan isaan isin barsiisanu godha'a, hordofa'alle'e; te'uu male, isaan waan barsiisanu waan hujii irra hin oolchineef, akka isaan hujanu hin hujina'a. 4Isaan ba'aa ulfaattuu, ba'atiisaaf hin dande'ane hidhanee gurmuu worra dhibi'ii irra keyan; ifiif ammoo quballe'een tuquu hin fedhanu. 5Isaan hujii ifii mara worri dhibiin akka isaan dhaggu hujan; qudhaama Jechooti Barreeffama Woyyicha keessa jiru, ka addaa fi irree ifii irratti hidhatanu babadhisanee qudhaammatan; handaara woyaa uffatanee daadimatanuu dheereffatan. 6Lafa jilaatitti addee ulfinnaa, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa duraa, 7addee dikko'oolle'etti nageya ulfinnaa akka isaan fuudhanuu fi kolbaan ‹Barsiisa'a› jettee akka isaan waantu jaalatan. 8Isin barsiisaa tokko waan qaddanuu fi isin martinuu obboleeyyan waan teetaneef ‹Barsiisa'a› jedhantanee hin waamamina'a. 9Isin Abbaa tokkocha ol-gubba'atti waan qaddanuuf, biyya lafaa irratti eennulle'een ‹Abbaa› jettanee hin waamina'a. 10Sooressi keessan Kiristoos tokkocha waan te'eef, ‹Sooressa› jedhantanee hin waamamina'a. 11Odduu teessanitti isin mara ka caalu tajaajilaa keessan te'uu ti. 12Nami ol ifi qabu gad hin qabama, nami gad ifi qabu ol hin qabama» jedhe.
Yesuus Kijiba Isaaniitiif Yakkaa Itti Mure
13Yesuus, «Barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isin balbala mootummaa ol-gubba'aa kolbaa duratti cuttanuuf, isiniif aanne'e! Isin ifiif hin galtanu, worra galiisaaf barbaadulle, hin dhooggitan. [ 14Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Isin mana haadhotii hiyyeessaa sossiisaaf jettanee itti aalatiisaaf dheeressitanee daadimattan; tanaaf yakkaa guddo'otti isinitti murama.]
15«Barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Nama tokko dhugeeffannaa Yihudootaa fudhachiisiisaaf abbaaya'aa fi lafa irra asii fi achi deddeentan, isin nama fudhate san dachaa lama isin caalaa ilma qile'ee isa gootan.
16«Sooreyyii balloota, isiniif aanne'e! Isin, ‹Nami tokko yoo Galma Waaqaatiin kakate, kakuun sun isa hin geettu, nami tokko yoo worqii Galma Waaqaatiin kakate, kakuun sun isa geetti› jettan. 17Isin gowwoota balla'a! Worqi'i moo Galma Waaqaa ka worqii woyyoonsutti caala? 18Isin, ‹Nami yoo addee ciinca'aatiin kakate, kakuun sun isa hin geettu; ammoo yoo nami kennansa addee ciinca'aa irra jiruun kakate, kakuun sun isa geetti› jettan. 19Isin ballaa attamiiti! Kennansa moo addee ciinca'aa ta kennansa woyyoonsitutti caala? 20Maarre nami addee ciinca'aatiin kakatu marti, addee ciinca'aatii fi waan isii irra jiru maraan kakata; 21nami Galma Waaqaatiin kakatulle, Galma Waaqaatii fi Waaqa achi keessa jiruun kakata; 22nami ol-gubba'aan kakatulle, barcumaa Waaqaatii fi ka barcumaa san irra tee'eeruun kakata.
23«Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isinii aanne'e! Isin baala uddowaa adda addaa, waan akka bassobila'aa, dinbilaalaatii fi onkooshe'e, kudhan keessaa tokko Waaqaaf hin kennitan, ammoo barsiisa Seeraa ka irra caalaa barbaachisu, waan akka muraa dhuga'aa, mararti'ii fi addatamaa lakkittaneertan. Isin waan saniille adoo hin lakkisin, wonni kun waan isin godhu'uuf maltane. 24Isin sooreyyii balloota! Isin bookee waan untanu keessaa dhimbiiddanee baachan, gaala ammoo hin liqinsitan.
25«Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayotaa kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Muduunu'uu fi qorii dudda gubbaa qulqulleessitan, keessi ammoo joljolumma'aa fi ifi-jaallatiisaan guutameera. 26Fariisaayicha balla'a! Dursiitii muduunuu keessa qulqulleessi, yennaa san duddi gubbaalle qulqulluu te'a.
27«Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isin gubba'aan dansa'a, keessaan ammoo akka irreensa biyyee adi'iin hallamee, lafeelee nama du'eetii fi waan battii maraan guutamee ti. 28Akkasuma isinille gubba'aan worra dhibi'itti balchoota fakkaattan, ammoo keessi keessan kijibaa fi cubbu'uun guutameera.
Yesuus Marroo Adabama Isaanii Dubbate
29«Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Isin irreensa raagotaa ijaartan; soodduu balchootaalle hin seettan. 30Isin, ‹Bara abbootii teennaa adoo jiraannee, nuuti dhiiga raagotaa jissiisa isaaniille hin qarqaarruuyyu› jettan. 31Akkasiin isin ilmaan worra raagota ijjeesee akka teetane ifi irratti dhugaa baatan. 32Waan abbootiin teessan jalqadde, ittuma guuta'aa fixaa ree! 33Isin dhudhuufa'a, isin ijoollee buuti'ii ti! Muraa qile'ee jalaa attamiin baatan ree? 34Tanaaf ani raagota, qaroole'ee fi barsiisota isinii erga; isin isaan keessaa garii hin ijjeettan, kaan hin fannittan, worra dhibii mana Yihudooti itti wolitti qabamanu keessatti dhaantanee qachaa irraa gara qacha'aa ariitan. 35Maarre tanaaf isin dhiiga balchootaa ka lafa irratti jissitane, dhiiga Abeelii balchichaa irraa jalqabee, haga dhiiga Zakaariyaasii ilma Baaraakiya'aa, ka addee ciinca'aatii fi Galma Waaqaa oddu'utti ijjeettaneetitti itti gaafatantan. 36Ani dhugumaan isinitti hima, adabam waan kana maraa dhaloota kanatti hin dhufa» isaaniin jedhe.
Yesuus Yerusaalemiif Gadde
37Yesuus ammalle, «E! Yerusaalem, Yerusaalem, qachaa raagota ijjeettuu fi worra gara keeti ergame dhaka'aan tuntu! Akka lukkuun cuucotii ifii koola ifii jalatti wolitti qabattu, anille ijoollee teeti wolitti qabiisaaf yennaa meeqa barbaade; isin ammoo diddane. 38Kunoo, manni keessan ona te'ee hafe. 39Ani isinitti hima, ‹Ka maqaa Gootta'aatiin dhufu, ka eebbifame› haga jettanutti deebitanee na hin dhaggitanu» jedhe.
Did you know?
Jesus’ woes and lament over Jerusalem
- Jesus speaks of the righteous blood shed from Abel, the second son of Adam and Eve, whom his brother Cain killed, to Zechariah son of Berechiah, murdered between the temple and the altar. A related account says this alludes to Zacharias, son or grandson of the high priest Jehoiada, who was stoned in the court of the temple at the king’s command after he condemned the king and the people.Sources: the Bible text itself · Abel · Zacharias · Jehoiada
- Jesus compares his longing to gather Jerusalem’s children to a hen gathering her chicks under her wings. A dictionary note says this familiar bird was common among Jews in Palestine in later times, and that it is mentioned only in this lament and in the similar lament in Luke.Sources: the Bible text itself · Josiah
- The lament is addressed to Jerusalem, a mountain city whose name is explained as “possession of peace” or “foundation of peace.” The dual form of the name probably refers to the two mountains on which it was built, Zion and Moriah, or, as some suppose, to the upper and lower parts of the city. Jesus says that the city kills the prophets and stones those sent to her, and that her house is left to her desolate.Sources: the Bible text itself · Jerusalem
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 37
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org