Matthew 15
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Seera Waaqaatii Fi Aadaa Maanguddo'oo
1Achiin duuba Fariisaayotaa fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yerusaalemii gara Yesuusii dhufanee, 2«Barattooti teeti maaf aadaa maanguddo'oo ulfeessuu dhaban? Isaan nyaatiisaan dura harka ifii hin dhiqatanu!» jedhaneen. 3Yesuus deebisee, «Isin aadaa teessaniif jettanee maaf Seera Waaqaa ulfeessuu dhaddan? 4Waaqi, ‹Abbaa keetii fi haadha teeti ulfeessi›, ‹Nami Abbaa yookiin haadhaa abaaru dhugumaan du'uu qaba› jedhee ajajeera. 5Isin ammoo nami tokko abba'aan yookiin haadhaan, ‹Qarqaarsi isin na biraa dhaggataa turtane Waaqaaf kennameera› yoo jedheen, 6inni ‹Abba'aa fi [haadha ifii] ulfeessuu hin barbaachisu› jettan, aadaa teessaniif jettanee, Seera Waaqaa balleessitan. 7Isin kijiboole'e! Isaayaas marroo teessaniif raagee,
8«‹Kolbaan tun afaaniin na ulfeessiti,
gadhaan isi'ii narraa fago'o.
9Kolbaan tun ajaja namaa akka seera Waaqaatitti barsiisaa,
akkasumaan na waaqonsiti› ta jedhe dhuga'a» jedhe.
Waan Nama Batteessu
10Achiin duuba Yesuus gumii gara ifii waamee, «Caqasa'aatii hubadha'a: 11wonni nama batteessu waan afaan namaa keessaa bawu malee, waan gara afaan namaa seenuu moti» jedheen. 12Achiin duuba barattooti itti dhikaattee, «Worri Fariisaayotaa waan ati jette yennaa dhage'ane akka gufatane beettaa?» jedhaneen. 13Yesuus deebisee, «Wonni Abbaan kiyya ka ol-gubba'aa hin dhaabin marti hin buqqaati. 14Waan isaanii lakkisa'a; isaan ballaa ballaa sooressu. Ballaan yoo ballaa sooresse, lamaanuu boolla keessa bu'an» jedhe. 15Pheexroos ammoo deebisee, «Mammaassa kana nuuf hiiki» jedheen. 16Achiin duuba inni, «Isinille haga ammaa hin hubatin jirtanii? 17Wonni afaaniin seenu martinuu, gadha'atti dabaree, nafa namaa keessaa akka bawu isin hin hubattanuu? 18Wonni afaan namaatii bawu ammoo gadhaa irraa dhufa, wonni nama batteessulle kana. 19Sababille Yaadi hamaan, ijjeesuun, gaarayyeeffatuun, sagaagaluun, hatuun, dharaan dhugaa bawuun, maqaa namaa balleessuun gadhaa namaa keessaa baya. 20Wonni nama batteessu kana malee, harka hin dhiqatiniin nyaatiis nama hin batteessu» jedheen.
Dhugeeffannaa Dubartii Takkaa
21Yesuus addee san lakkisee gara qachoota Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaqe. 22Achiin duuba dubartiin biyya Kana'aanii takka adaala sanii dhuttee, «Ilma Daawitii, Gootta'a! Intalti tiyya durriisaan qabantee farriisatti jirtii, naa marari» jedhaa iyyite. 23Inni ammoo womaa isi'iif hin deebinne. Barattooti isaalle dhufanee, «Isiin iyyaa nu gula waan deentuuf, isii ifi irraa geegessi!» jedhaa isa kadhatane.
24Yesuus deebisee, «Ani worra akka hoole'ee bade kolbaa Israa'elii qofaaf ergame» jedheen.
25Dubartittiin ammoo dhuttee isa duratti jilbiiffattee, «Gootta'a, na gargaar» jetteen. 26Yesuus deebisee, «Sagalee ijoolle'ee fuudhanee sare'eef qolaansuun sirri'ii moti» jedheen.
27Isiin deebittee, «Ee, Gootta'a, te'uu malee sareelle woma qorii goottaa isaanii irraa harca'u nyaatti» jette.
28Achiin duuba Yesuus deebisee, «Dubartii tana, dhugeeffannaan teeti guddo'o! Akkuma halchaa teetii sii teetuu» jedheen. Intalti isi'iille yoosuma fayyite.
Yesuus Kolbaa Hedduu Fayyise
29Yesuus achii deemeen duuba, cinaa abbaayaa Galiila'aatiin dabaree, gaaratti ol bayee achi tee'e. 30Gumiin guddoon worra fafowe, worra ballaa, worra naafa, worra dubbatuu hin dandeennee fi worra dhibii hedduu fiddee gara isaa dhuttee, miila Yesuusii jala keette. Innille isaan fayyise. 31Maarre gumiin worri dubbatee hin dandeenne dubbatuun, fafooti fayyanuun, naafoti ideemanuun, ballooti dhagganuun yennaa dhaggite baaseffatte. Waaqa Israa'eliille galateeffatte.
Yesuus Nama Kuma Afur Areere
32Achiin duuba Yesuus barattoota ifii gara ifii waamee, «Kolbaan tun guyyaa sadiin waan na woliin turteef, waan nyaattulle waan hin qanneef nayeeraaf; karaa irratti waan gaggadduuf, beelaan jiranuun isaan geegessuu hin barbaadu» jedheen.
33Barattooti, «Lafa goomole'ee tana keessatti sagalee gumii guddoo tana areeriisaaf geettu eessaa fuuna?» jedhaneen. 34Yesuus, «Xaltaa meeqa qaddan?» jedhee gaafate. Isaan, «Xaltaa torbaa fi qurxummii didiqqoo diqqoo takka qanna» jedhaneen.
35Maarre Yesuus akka gumiin lafa irra gad teteettu ajaje. 36Achiin duuba xaltaa torbaa fi qurxummii fuudhee, Waaqa galateeffateen duuba, caccassee barattootatti kenne; barattootille kolba'aaf kennane. 37Isaan martinuu nyaatanee quufane; barattooti hambaa hatte kollonjoo torba guutuu fuudhane. 38Worri sagalee san nyaate, dubartootaa fi ijoolleen adoo hin laakkowamin dhiira kuma afur. 39Yesuus gumii san geegesseen duuba, hoboloo yaabee gara lafa Magadaan jedhantu dhaqe.

Did you know?
Tradition, the coast of Tyre, and bread by the lake
- Pharisees and scribes came from Jerusalem and asked why Jesus’ disciples ate without washing their hands, treating that as a break with the tradition of the elders. He answered by quoting Isaiah, whom Easton's Bible Dictionary (1897) identifies as the son of Amoz and places in the reigns of Uzziah, Jotham, Ahaz, and Hezekiah, on people who honor God with their lips while their hearts are far away.Sources: the Bible text itself · Isaiah
- Jesus then withdrew to the district of Tyre and Sidon, where a Canaanite woman begged him to heal her daughter and called him Son of David. Sidon, on the Mediterranean coast north of Tyre, took its name from Zidon, Canaan’s eldest son and ancestor of the Sidonians and Phoenicians. It was the oldest Phoenician city and the mother city of Tyre; it lay in Asher’s allotment but was never subdued.Sources: the Bible text itself · Sidon · Tyre · Canaan
- Jesus then went along the Sea of Galilee, sat on a mountain, and healed people laid at his feet, before feeding four thousand men, besides women and children, with seven loaves and a few small fish. Easton's Bible Dictionary (1897) notes that John calls the lake the Sea of Tiberias and places its surface 682 feet below the Mediterranean. The same dictionary says the boat crossing ended at Magadan, a name found only in this chapter and called Dalmanutha in Mark, on the west shore of the lake.Sources: the Bible text itself · Sea of Galilee · Magadan
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 1
- Galilee · 32.760, 35.527 · verse 21
- Sidon · Today: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · verse 21
- Tyre · 33.271, 35.196 · verse 21
- Canaan · 32.767, 35.333 · verse 22
- Sea of Galilee · 32.819, 35.590 · verse 29
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org