Matthew 14
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Du'a Yohaannisii Cuupha'aa
1Yennaa san Heroodisiin bulchaan biyya Galiila'aa, gurra Yesuusii dhage'ee, 2tajaajiltoota ifiitiin, «Kun Yohaannisii cuupha'a; isatti du'a keessaa ka'eera, kanaaf hujiin bilbaasaa tun isaan hujamiisatti jirti» jedhe. 3Heroodis sababa Heroodiyaasii niitii obboleessa ifii ta Filiphoosiitiif jedhee, Yohaannis qassiisee mana hidha'aatitti hiisiseeraayyu. 4Yohaannis Heroodisiin, «Niitii obboleessa keetii fuudhuun sii seeraa moti» jedheeraayyu. 5Heroodis, Yohaannis ijjeesiisaaf barbaade, ammoo kolbaan akka raaga'aatitti waan ilaalteertuuf sodaate. 6Guyyaan dhaloota Heroodisii ulfeeffamuu yennaa geye ammoo, intalti Heroodiyaasii keessummoota duratti sirbitee, Heroodis guddoo gammachiitte. 7Tanaaf Heroodis isi'iin, «Waan ati na gaafattu mara si'iif hin kenna» jedhee waadaa galeef. 8Isiin Haadha ifiitiin gorfantee, «Ammuma mataa Yohaannisii cuupha'aa qori'itti naa kenni» jette. 9Mootichi gadde; te'uu malee kakuu ifiitii fi keessummaa ifii duratti waadaa galeef jedhee, mataan Yohaannisii akka isi'iif kennamu ajaje; 10Ittille ergee, mana hidha'aa keessatti mataa Yohaannisii irraa kuchisiise. 11Mataan sun qori'itti fidamee intalaaf kenname; isiin gara haadha ifii fidde. 12Barattooti Yohaannisii dhufanee reeffa isaa fuudhanee awwaalane; achiin duuba dhaqanee Yesuusitti himane.
Yesuus Nama Kuma Shanii Areere
13Yesuus du'a Yohaannisii yennaa dhage'e, addee san lakkisee qofuu hobolo'oon addee qoommi'ii dhaqe. Kolbaan deemuu isaa yennaa dhageette ammoo, qachaa keessaa baatee miilaan isa hordotte. 14Yesuus qarqara abbaaya'aatitti hoboloo irraa bayee, yennaa gumii guddoo dhagge, isaaniif nayee dhibamoota isaaniille fayyise.
15Yennaa latti galgalootte, barattooti dhufanee, «Addeen tun urma, lattille dhiiteerti; gumiin tun gara ollootaa dhaxxee sagalee akka bitattu gumii tana gad lakkisi!» jedhaneen. 16Yesuus ammoo, «Dhaquu isaan hin barbaachisu; isinuu waan nyaatanu kenna'aaf!» jedhe. 17Isaan deebisanee, «Nuuti xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa asii qanna» jedhane. 18Yesuus, «Sanuma gara kiyya as fida'a!» jedhe. 19Achiin duuba inni gumiin marra irra akka teettu ajaje. Xaltaa shanii fi qurxumii lama fuudhee, gara ol-gubba'aa ilaalee, galateeffatee xaltaa caccassee, barattootatti kennee, barattootille gumi'iif kennane. 20Isaan martinuu nyaatanee quufane; hambaa irraa hatte, kollonjoo kudhanii lama guutuu fuudhane. 21Worri nyaate dubarti'ii fi ijoolleen adoo hin laakkowamin, dhiirti gara kuma shanii ti.
Yesuus Bisaan Gubbaa Ideeme
22Yennuma san inni adoo gumii geegessuu barattooti hoboloo yaabbatanee abbaayaa gamatti isaan dura akka bu'anu godhe. 23Yesuus gumii geegesseen duuba, daadimatiisaaf qofuu gara gaaraa ol baye. Yennaa galgalootte, inni qofuu achi jiraayyu; 24yennaa san hoboloon ammoo, qilleensi waan itti dhowuuf, qarqara irraa fagaattee, danbali'iin asii fi achi dadarbante. 25Halkan gara iyya lukku'uu ta lammeesso'ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara barattoota ifii dhufe. 26Barattooti yennaa bisaan gubbaa ideemuun isa dhaggite ammoo, bararaxxee, «Kun ekera'a» jettee soda'aan iyyite. 27Yennuma san ammoo Yesuus, «Jabaadha'a! Wonni anaa, hin sodaatina'a!» jedhee dubbate.
28Pheexroos deebisee, «Gootta'a, yoo si teete, bisaan gubbaa gara keeti akka dhufu na ajaji» jedheen. 29Yesuus deebisee, «Koy!» jedhe. Maarre Pheexroos hoboloo keessaa bayee, gara Yesuusii, bisaan gubbaa ideemiisa jalqabe. 30Qilleensa jabaa yennaa dhagge ammoo, sodaatee, lixiisaafille jalqabee jennaan, «Gootta'a, na fayyisi!» jedhee iyye. 31Yesuus yennuma san harka ifii diriirsee, isa qabee, «Ati nama dhugeeffannaa diqqo'oo! Maaf mante?» jedheen. 32Yennaa Yesuusii fi Pheexroos hoboloo yaabane, qilleensi cadhise. 33Worri hoboloo keessaa, «Dhugumaan ati Ilma Waaqaa ti» jedhee Yesuusiif sagade.
Yesuus Genesaarexitti Worra Dhibame Fayyise
34Yesuusii fi barattooti isaa yennaa gamatti bu'ane, lafa Genesaarex jedhantu geyane. 35Kolbaan lafa sanii Yesuus beetteen duuba, adaala san mara keessa ergaa ergitee worra dhibameeru mara gara isaa fichisiittee, 36handaaruma woyaa isaalle akka isaan tuqanu kadhatte; worri tuqe martinuu fayye.
Did you know?
John's death and the Sea of Galilee
- Herod the tetrarch is Herod Antipas, Herod's son by Malthace. Herodias, daughter of Aristobulus and Bernice, left her husband Herod Philip I, Antipas's brother, and married Antipas; Easton's Bible Dictionary (1897) also names Philip as Salome's father. John said the marriage was unlawful, and Antipas imprisoned him and later had him beheaded, probably in the castle of Machaerus, according to that account.Sources: the Bible text itself · Herod Antipas · Herodias · Philip
- A chronology dates John's beheading, the feeding of the five thousand, and Jesus walking on the sea all to AD 29. After John's disciples buried his body and told Jesus, he withdrew by boat to a solitary place, but crowds followed him on foot from the towns.Sources: John Beheaded · Feeding of Five Thousand · Jesus Walks on Water · the Bible text itself
- After they crossed the sea, they landed at Gennesaret, a town of Naphtali on the western shore of the lake to which it gave its name. The town was called Chinnereth, and later Genezar and Gennesaret; no trace of it remains, and a chronology dates the healings there to AD 29. Its plain, noted for fertility and beauty, has been called the Paradise of Galilee and is now called el-Ghuweir.Sources: Gennesaret · Healing in Gennesaret · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org