Nations Bible

Lamentations 5

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Daadimata Marartii Dhaggatiisaaf Dhikaate

1Ee Waaqa, waan nu irratti te'e qaabadhu;

kunoo, salphinna keennalle dhaggi.

2Qabeenna keenna ormi,

mana keenna alagaan fudhate.

3Nuuti ijoollee worri irraa du'e,

ta abbaa hin qannee teeneerra;

haadhotiin teennalle

haadha hiyyeessaa te'aneeran.

4Bisaan unnuuf hin kaffalla;

qoraanille hin bitanna.

5Akka horii waanjoo itti hidhanee

oofamiisaan guddoo dadhanneerra;

fooralle nu dhoogganeeran.

6Sagalee quufiisaaf,

worra Gibxi'iitii fi Asooriititti harka kennanne.

7Abbootiin teenna ta durii

cubbuu hujjee dabarte;

nuuti ammoo sababa cubbuu isaaniitiif

rakkatiisatti jirra.

8Garbooleen nu bulchan;

nami harka isaaniitii nu baasu hin jiru.

9Goomolee keessa

ijjeechaan waan jirtuuf,

lubbuu teenna gurgurannee,

sagalee dhagganna.

10Beela irraa ka ka'e

gogaan keenna

akka suunsumaa gurraachoweera.

11Dubartoota Xiyoon keessatti,

durralle qachoota Yihuda'aa keessatti

hunnaan woliin rafane.

12Sooreyyiin harka isaaniitiin fannifante;

jaarsoleen ulfinna dhadde.

13Dargaggoota dhiiraa

hunnaan daakuu daassifatane;

ijoolleen dhiiraa

qoraan guddaa ba'atanee tintimane.

14Jaarsoleen

yaa'ii karra qacha'aa,

dargaggootille sirba lakkitteerti.

15Gammadi gadhaa keenna keessaa badeera,

sirbi keenna gara bowaa deebi'eera.

16Nuuti cubbuu waan hunyeef,

ulfinni nu irraa ka'eera;

nu'uuf aanne'e!

17Waan kanaaf gadhaan nu dhibameera;

iltille nu cuurrotteerti.

18Sababa kanaaf gaarri Xiyoonii onee,

jeedalti irra burraaxxi.

19Ee Waaqa, ati ammoo,

haga bara baraa mooti'i;

barcumaan mootummaa teetiille

dhalootaa haga dhalootaatitti jiraata.

20Ati maaf ijjumaa nu deete?

Maaf haga kana mara nu lakkitte?

21Ee Waaqa, akka duriititti nu deebifadhu,

nuutille hin deebina;

bara keenna haaressii akka durii nuu tolchi.

22Yoo kana hin tolchin ati nu gatteerta;

akka maleelle nutti aarteerta.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

A Prayer for Restoration and the Desolation of Zion

  • Mount Zion, one of the prominent hills of Jerusalem where King David once established his citadel, is portrayed in this chapter as lying completely desolate, left in such abandonment that wild foxes roam over it.Sources: the Bible text itself · Mount Zion
  • The chapter illustrates the breakdown of everyday social and civic structures, noting that elders have abandoned the city gate, young men have ceased their music to toil at millstones, and basic necessities like water and firewood must now be purchased.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Assyria · 36.359, 43.153 · verse 6
  • Egypt · 30.129, 31.308 · verse 6
  • Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 11
  • Mount Zion · 31.772, 35.229 · verse 18

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.