Lamentations 4
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Diigama Yerusaalemii
1Worqiin attam calalaqa ifii dhaddee,
worqiin qulqulluun attam jijjiirante!
Dhakaan Galmi Waaqaa ittiin ijaarame
attam karaa irratti bittinnowe!
2Ilmaan Xiyoonii worri dur
akka worqii gatii guddo'ootitti ilaallamanu
amma attam akka faara
harka namaatiin hujamee te'ane!
3Jeedaltinuu ilmee ifii
harma hoosifatti,
kolbaa tiyya ammoo akka guchiin gammoojji'ii
ilme'etti gadhaa jabaatu teeteerti.
4Dheebuu bisaaniitiin
arrabi ijoolle'ee laagada'atti goge.
Jjoolleen sagalee kadhatti;
ammoo ka itti kennu hin jiru.
5Kolbaan dur waan dansaa nyaataa turte
karaa irratti beelaan dhumatte;
worri dur woyaa dhiillee uffatee guddate
amma tuulaa daadha'aa irra irkate.
6Adabamiis kolbaa tiyyaa
adabamiisa Sodoom,
harki nama tokkoolle adoo hin tuqin
dedhuma badde san caala.
7Sooreyyiin isaanii cabbii caalaa calalaqanee,
aanan caalaa addaatan;
nafi isaaniille dooqa caalaa dhiille'e;
akki dansummaa isaaniille akka dhakaa Safiirosii tola.
8Amma fuulli isaanii cilee caalaa gurraachoweera;
nami karaa irratti isaan beekuuyyuu hin jiru.
Gogaan isaanii shuntuuratee lafe'etti maxxanee,
akka muka gogee te'eera.
9Worra midhaan ficha'aa dhabee
suutuma suutaan
beelaan du'ee mannaa,
worra shallaaga'aan du'e woyya.
10Badiin kolbaa tiyyatti yennaa dhutte
dubartooti gadhi-laafeyyiin
ijoollee ifii harka ifiitiin
nyaatiisaaf iffeelane.
11Waaqi aarii hantuu ifii buusee
hundee isi'ii balleessiisaaf,
Xiyoonitti ibidda gabbise.
12Moototi lafaalle te'ee kolbaan biyya lafaa,
diinoti yookiin nyaaphi karra dalleya Yerusaalemii
seenuu akka dande'anu hin dhugeeffanne.
13Te'uu malee,
sababa cubbuu raagota isi'iitii fi
yakkaa hayyoota isi'ii
dhiiga worra yakkaa hin qannee
dhangalaasaneef tun teete.
14Isaan dhiigaan waan battowaneef
nami woyaa isaaniituu tuqu hin jiru.
Isaan akka balla'aa
karaa irra titimisane.
15Namooti «Isin worri battoottane, achi deema'a!
Nu hin tuqina'a» jedhanee isaanitti iyyane.
Yennaa isaan baqatanee joonjane,
kolbaan gosa biyya adda addaa,
«Haganaa achi isaan as turuu hin dande'anu!» jedhane.
16Waaqi ifumaafuu isaan bittinneesse;
inni deebi'ee isaan hin ilaalu.
Hayyooti hin kabajantu,
jaarsoleelle fudhatama hin qabaattu.
17Akkasuma qarqaarsa adoo eegannuu
ilti nu dadhadde;
gosa biyya nu qarqaaruu hin dandeenne irraa
qarqaarsa eegane.
18Diinoti keenna waan nu gaadanuuf
kara'aayyuu deemiisa hin dandeenne.
Muummeen teenna dhikaattee,
barri keenna waan hobba'eef,
guyyooti keenna laakkossatti galeera.
19Diinoti keenna
risaa caalaa ariifatan;
gaara irra nu ari'anee,
goomolee keessalle'etti nu gaadane.
20Ka Waaqi nu'uuf muude,
ka nuuti, «Hafuura jiruu teennaa ti;
gaaddisa isaa jalatti
gosa biyya adda addaa odduu hin leena» jenne,
boolla isaan nu'uuf qotane keessatti qabame.
21Isin kolbaa qachaa Edoomii,
worra biyya Uzii keessa leetanu,
gammada'aa ilillisa'a;
ammoo muduunuun mufii Waaqaa
isinitti dhufaarti;
isin machoottanee qullaa deentan.
22Kolbaa Xiyoonii!
Adabbiin teessan hobbaateerti;
Waaqi haganaa achi
boojuu keessa akka leetanu isin hin godhu.
Ee kolbaa Edoomii,
inni yakkaa teessan hin adaba
cubbuu teessanille qaaleyatti baasa.

Did you know?
The Agony of the Fallen City
- The poet considers Jerusalem's prolonged suffering worse than the fate of Sodom. While Sodom was overthrown in an instant by divine fire, the inhabitants of Jerusalem endured the agonizing and drawn-out torment of siege and starvation.Sources: the Bible text itself · Sodom
- Before its capture, Jerusalem was widely regarded as an impenetrable mountain city. The text observes that foreign kings and surrounding nations never believed an enemy could breach its fortified gates.Sources: the Bible text itself · Jerusalem
- The chapter closes with an address to Edom dwelling in the land of Uz, warning that judgment will soon overtake her. Uz is mentioned in only three biblical books: Job, Jeremiah, and Lamentations.Sources: the Bible text itself · Uz · Edom
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 2, 11, 22
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 12
- Edom · 30.746, 35.604 · verses 21, 22
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org