Joshua 3
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Kolbaan Israa'elii Laga Yordaanosii Gamatti Buute
1Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin barii halkaniin ka'anee, lafa Shiixiimii lakkisanee gara laga Yordaanosii dhufanee, adoo gamatti hin bu'in achitti qubatane. 2Guyyaa sadiin duuba sooressitooti addee quttumaa san keessa deddeentee, 3kolba'aan, «Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa Ka Waaqa keessanii Lewwooti hayyooti ba'ataneeranuun yennaa dhaggitane, addee quttuma keessaniitii ka'a'aatii isaan faana deema'a. 4Isin tanaan qara addee tana waan hin beenneef, karaa deentanu isaan isinitti hin mudhisan. Teetuu malee Saanduqa Gondooro'ootitti hin dhikaatina'a; isinii fi Saanduqa Gondooro'oo wodhakka'atti fageenni gara kiiloo meetira tokkoo jiraatuu ti» jettee ajajje.
5Iyaasuun kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa boru bilbaasota odduu teessanitti waan godhuuf, ifi qulleessa'a» jedheen.
6Achiin duuba Iyaasuun hayyootaan, «Saanduqa Gondooro'oo fuudha'aatii kolba'aan dura deema'a» jedheen. Isaanille Saanduqa Gondooro'oo fuudhanee kolba'aan dura deemane.
7Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Muusee woliin akkuma jiraadhe si wolille'een jiraatuu kiyya Israa'elooti marti akka beettu, ani adha isaan duratti si guddisiisuu jalqaba. 8Hayyoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atanuun, ‹Yennaa qarqara laga Yordaanosii geettane, bisaan keessa seena'aatii dhaabbadha'a› jedhiin» jedhe.
9Achiin duuba Iyaasuun kolbaa Israa'eliitiin, «Asi dhikaadha'aatii jecha Mootii Waan Maraa Ka Waaqa keessanii caqasa'a. 10Akkuma isin gara duraa hiixxanuun, Waaqi jiraataan dhugumaan Kana'aanota, Heetota, Hiiwota, Pheriizota, Girgaashota, Amoorotaa fi Yibusoota isin duraa oofee baasiisaan, odduu teessan jiraatuu isaa beettan. 11Saanduqi Gondooroo Goottaa lafa duudi'ii isiniin dura laga Yordaanosii gamatti hin bu'a. 12Maarre amma gosoota Israa'elii tokko tokkooyyuu keessaa nama tokko tokko fila'aatii, nama kudhanii lama dhikeessa'a. 13Hayyooti saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa goottaa lafa duudi'ii ba'atane, akkuma isaan faana miila ifii bisaan keessa keyaneen, lagi Yordaanosii yaa'iisa hin lakkisa; bisaan gaara irraa gad yaa'iisatti jirulle gargar citee, eelee tuulama» jedhe.
14Yennaa kolbaan Israa'elii laga Yordaanosii bu'iisaaf addee qubatanee ka'ane, hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ba'atanee isaaniin dura deemane. 15Lagi Yordaanosii yennaa midhaan galchanu guutee danbala'a; hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ba'ataneeranu laga Yordaanos geyanee akkuma faanti miila isaanii bisaan tuxxeen, 16bisaan gaara irraa gad yaa'u dhaabbatee, fagaatee haga qachaa Adaamii ka qachaa Zaaretaanii biraatitti eelee tuulame. Bisaan gara Abbaayaa Arabaayii dabaree gara «Abbaayaa Sooddaa» jedhantuutitti yaa'u ijjumaa cite. Tanaaf kolbaan gara Yeriko'oo gamatti buute. 17Israa'el duudiin lafa godduu irra deemaa yennaa bu'anu, hayyooti Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atteertu, haga kolbaan marti laga Yordaanosii buututti, laga Yordaanosii wodhakkaa lafa godduu irra dhaabbatteertiiyyu.

Did you know?
Crossing the Jordan River
- The biblical narrative notes that the Jordan overflowed all its banks during the harvest season, making the crossing an extraordinary challenge. The flow of water was arrested upstream as far as the city of Adam near Zarethan (about thirty miles north), cutting off the waters flowing south into the Salt Sea.Sources: the Bible text itself · Zarethan · Salt Sea
- Levitical priests carrying the ark of the covenant led the way into the Jordan, with the people commanded to maintain a distance of about two thousand cubits. The priests stood firm on dry ground in the middle of the riverbed until the entire nation finished crossing opposite Jericho.Sources: the Bible text itself · Jericho
- After serving as Moses' minister during the wilderness wanderings, Joshua was established as Israel's leader before the entire nation through this river crossing, fulfilling God's promise to be with him just as he was with Moses.Sources: the Bible text itself · Joshua · Moses
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verses 1, 8, 11, 13, 14, 15, 17
- Jericho · Today: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · verse 16
- Salt Sea · Today: Dead Sea · 31.500, 35.500 · verse 16
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org